Ijoollee Maartin Luutar, Malkom X fi Kuwaame Nikuruumaa 'jibba sanyummaa' irratti mari'atan

Dr Bernis Kiing, pirofeesar Ilyasaah Shabaz fi Saamiyaa Nikurumaah

Dhiyeenya kana erga Ameerikaa keessatti lammiin gurraachi Joorji Filooyid jedhamu poolisii adiidhaan hiraarfamee ajjeefamee as hookkarri biyyattii keessatti heddummaateera.

Lammiileen biyyattii gocha jibbiinsa sanyummaa mormuun dhaadannoo ‘Black Lives Matter’ jedhu qabatanii mormii dhageessisuu ittuma fufaniiru.

Biyyattiin wayita haala kanaan daddaaqamaa jirtuttidha, waggaa 57ffaa guyyaa yaadannoo haasaan ‘An mul’atan qaba ykn I have a dream’ Dr Maartin Luutar Kiing kan biyyattii keessatti kabajame.

Haasaan seenaa Ameerikaa keessatti bakka guddaa qabuu fi bu’uura dimokiraasii fi walqixxummaa lammiilee keessatti yeroo hunda ka’u kun falmaa mirga namaa kan ture gameessa wabii dimokiraasii ta’e Martin Luutar Kiingiin waggaa 57 dura taasifame.

Haala ammaan walqabatee intalli Martin Luutar Kiingi, kan Malkoom X fi kan Kuwaamee Nikuruumaa hariiroo sanyummaa lammiilee Ameerikaa gidduu jiru irratti yaadasaanii kennaniiru.

Dr Barniis Kiing – Intala Martin Luutar Kiing

Abbaan Dr Barniis, Martin Luutar Kiing, warraaqsa karaa nagaatiin jijjiirama fidee, mirga dhala namaa kabachiisuu keessatti nama adda durummaan qabsaa’eedha, Haasawa isaa ‘An mul’atan qaba ykn I Have A Dream’ jedhuun daran kan beekamu Martin Luutar Kiingi, bara 1968 ajjeefame.

‘’Yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama malaalchisaa argineerra. Haati kiyya waa’ee araaraa dubbachaa turte, an garuu ammallee of amansiisuun dadhaba. Akkamiin abbaan kiyya osoo mirga dhala namaa hundaaf qabsaa’uu dararamee ajjeefama?’’

Ajjeechaa suukanneessaa abbaa kiyyarratti raawwatame yoon yaadadhu, nama hundattin aara, keessaahuu nama adii.

Yaadii fi aariin garaa koo keessaa haga na miidhuutti ga’eera, kanarraa ka’uun yeroo tokko tokko miira kiyya of to’achuun fedha.

Yakka sababa jibbiinsaatiin raawwatameef maaliifan barabaraan gubadhee of miidha?

Lammiileen Ameerikaa biratti jijjiiramni ilaalchaa fi jechoota afaanii akkaan mul’ateera.

Ameerikaanonni hedduun, biyyi keenya biyya sanyiin hundi walqixxummaa keessa jiraatu akka taatetti yaaduu eegalaniiru.

Garuu ammallee daandii dheeraatu nu hafa.

Sababni isaammoo dhimma olaantummaa saboota adii waliin walqabatee jiruuf furmaata waaraa kaa’uuf ammallee walitti dhufnee bifa tarsimoon masakamnee deemuu nu feesisa.

Pirofeesar Ilyasah Shabaaz – intala Malkom X

Pirofeesar Shabaaz barreessituu kitaabaa fi nama hunduu carraa barnootaa akka argatuuf nama qabsoftuudha.

Abbaanshee, Malkom X wayita warraaqsi uummataa mirga lammiilee kabachiisuuf Ameerikaa keessatti dhohee ture dursaa ture.

Lammiile guraachi of kabachiisuu qabu, waan danda’an hundaan jechuun uummatatti hamilee horaa kan ture Malkom X bara 1965 ajjeefame.

‘’Ajjeechaa suukanneessaa Joorji Filooyid kan teenyee ilaalleef, hundi keenya manatti gallee waan teenyeef. Yeroo kana namummaan keenya gaaffii keessa gale, adda baanee jiraachuu eegalle.’’

Ajjeechaa nama kanaa waan callisnee ilaalleef, ajjeechaa namoota hedduu biroos arguu dandeenyeerra. Amma uummati waan Malkom X dubbachaa ture maal akka ta’e hubachuu jalqabe.’’

Malkom X dargaggeessa, gara-laafessa, nama itti gaafatamummaan itti dhagahamuu fi qaama furmaataa akka ture amma reefuu galaafii jira.

Kana kan gochaa tureef uummanni akka nagaa fi walqixxummaan jiraatu, akka baratu, addunyaarratti diinagdeen akka aanga’uu fi akka kan fedhe filatuuf ture.

Seenaan Malkom X namoota ajjeechaa suukanneessaa akkanaa raawwataniin akka barreeffame amma uummanni hubateera-odeeffannoo dogoggoraa.

Yeroo hedduu seenaa haadha kiyyaa namoota birootti himuunan nama kakaasa, mana keessatti dararamaa, abiddi manasheetti qabsiifamaa osoma jiraattuu boodarra ishee fuulduratti ilamshee rasaasaan ajjeesan.

Isheen garuu haalota kanaan osoo duubatti hin jedhin gootummaa itti fufte.

Haati kiyya dararaa akkanaa keessatti daa’imman ja’a guddiste. Jiruushee keessatti hin danda’u jettee hin beektu.

Dhiibbaa hunda keessa taa’anii milkaa’uun waan dhaloota ammaa irraa barachuu qabuudha.

Iddoo tokkoo baanee baayyee qoqqoodamne, Afrikaa fi Afrikaanota akka waan bosona duudaa keessa jiruutti fakkeessanii nu hubachiisan.

Afriikaan bakka irraa dhufne, Afrikaanonni nu’I akka taane, soodduuwwan fi piiraamiidota akkasumas ogummaa arkitekchariingiin akka beekamnu daganneerra.

Nuti gurraachonni Afriikaa seenaafi eenyummaa irraa baratamu hedduu qabna.

Har’a seenaa boonsaa kana abuuraa jirra, dhala keenya seenaa keenya hubachiisaa jirra.

Samyaa Nikruumaa – Intala Kuwaamee Nikruumaa

Saamiyaa Nikruumaa hooggantuu dhaaba ‘’ Ghana's Convention People's Party’’ jedhamuuti. Abbaanshee pirezidaantii duraanii Gaanaa fi sochii paan-Afrikaanizimii keessatti nama gumaachaniidha.

"Hojii siyaasaa abbaan kiyya hojjetaa ture faana bu’ee anis karaa sanarra bu’uun koo anaaf kabaja guddaadha. Mul’atasaarra bu’een yeroo hunda isa yaadadha. Mul’ata inni Gaanaa, Afriikaa fi addunyaaf qabu.’’

Tokkummaan Ariikaa kan waggaa 50 ykn 60 dura ture caalaa amma akkaan barbaachisa.

Gaaffiin tokkummaa mataasaatti galma miti, xurree ittiin kabajaa fi haqa keenya argannuudha’’

Akkaataan qabsoo walabummaa biyya keenyaa kan afrikaanonni addunyaa mara irra jiran taasisan waliin walitti hidhata qaba.

Qabsoo afrikaanotaa US keessatti, qabsoo mormii jibba sanyummaa- kun hundi qabso keenyaan wal fakkaata, walitti hidhata qabas.

Kaayyoon gooroo keenya kan galma ga’u yoo uummanni Afrikaa biyya keessaa fi ala jiru biliyoonni 1.5 wal ta’ee toora tokkorra deeme qofadha.

Abbootii fi harmootin keenya mirga siyaasaa fi namummaa keenyaaf aarsaa hedduu kaffalanii asiin nu ga’aniiru.

Amma yeroon kan keenya, afrikaanonni bakka jirru hundaa dammaqnee haqaa fi walqixxummaa keenyaaf qabsaa’uu qabna.

Afriikaan ka’uu qaba jennee wayita waamicha dhiyeessinu ammoo kaan miidhamuu qaba jechuu miti.

Faallaa nama adii osoo hin taane kan miidhamneef beenyaa argachuu qabnaadha.

Addunyaa haqaa fi namummaa kabajju barbaanna.