Viidiyoo haaraan sa'a xumuraa Joorji Filooyid agarsiisu kaameeraa poolisiin waraabame argame

George Floyd

Madda suuraa, Twitter/Ruth Richardson

Viidiyoo haaraan poolisoonni qabatanii ture osoo Joorji Filooyid isaan kadhatu humnaan konkolaataa isaanii galchuuf yaalan agarsiisu argame jechuun miidiyaaleen Ameerikaa gabaasan.

Joorji Filooyid poolisoota Miniyaapolis harganuu hin dandeenye, lafarran gadi ciisa jedhee yeroo kadhatuun agarsiisa jedhan viidiyoon kun.

Abbaan seeraa naannoo Henepin miidiyaaleen akka viidiyicha ilaalaniif eeyyamaniiruuf.

Viidyoon kun yeroo xumuraa Joorji Filooyid Caamsaa 25 qulqulleessee mul’isa jedhan abbaan seeraa.

Poolisoonni ajjeechaa Joorji Filooyid keessatti hirmaatan hojiirraa ari’amuun ajjeechaa isaan himatamaniiru.

Derek Chuuvin, kana nama dhuunfaa gochicha ilaalaa ture tokkoon viidiyoon isaa waraabame daqiiqaa saddetiif morma Filooyid irra jilbeenfachuun akka lubbuun isaa darbe tahe.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Joorj Filooyid harka poolisii adiin erga ajjeefame as mormiin magaalota walgaheera.

Poolisiin kun yakka ajjeechaa sadarkaa lammaffaan himatame. Poolisoonni sadan hafan Toomaas Leen, Aleksaander Kuweng fi Too Taawoo ajjeechaa kana keessatti gargaraniiru jedhamuun himataman.

Ajjeechaan nama gurraacha Ameerikaa Joorji Filooyid irratti raawwate guutuu Ameerikaatti mormiin ajjeechaa poolisiin dhaaqabsiisuu fi jibba sanyummaa balaaleffatu akka gaggeeffamu taasiseera.

Dabalataan maatiin Joorji Filooyid mootummaa Miniyaapolis fi poolisoota arfan ajjeechaa dogogoraan raawwateef himataniiru.

Abukaatoon mirga Siivilii Been Kiruumpi himanni baname kaffaltii beenyaa ijoolleensaa fi obbolaansaa ittiin deeggaraman gaafachuuf jedhan.

Viidiyoon waraabame maal agarsiisa?

Kaameraan poolisoota arfan keessaa Mr Leenii fi Mr Kuwengi qabatan waraabame himata adeemaa jiru irrattis agarsiifamaa jira. Kaameeraan kun kan poolisootatti hidhamee hojiif itti fayyadamanidha.

Kanaan dura waan viidiycha irra jiru qofatu barreeffamaan uummataaf dhiyaate. Amma viidiyoon sun akka dhiyaatuuf abbaan seeraa naannoo Henepin eeyyamaniiru.

Viidiyoon sun yeroo poolisoonni Miniyapolis Toomaas Leenii fi Aleksaander Kuweengi maallaqa sobaa bakka gurgurtaa alkoolii tokkotti maamilli kenneef ilaalchisee bilbilamuuf agarsiisa jedha gabaasni CNN.

Akkuma bilbilli hojjetaa man-kuusaa irraa bilbilameefiin poolisoonni kunneen balbala konkolaataa Joorji Filooyid keessa taa’aa jiru biraitti yeroo argaman agarsiisa viidiyichi jedha.

Bitaarraa mirgatti: Derek Chauvin, Tou Thao, J Alexander Kueng, Thomas Lane

Madda suuraa, Minneapolis police

Ibsa waa'ee suuraa, Bitaarraa mirgatti: Derek Chauvin, Tou Thao, J Alexander Kueng, Thomas Lane

Akkuma jalqaba rurrukutaniin Mr Leen shugguxii Filooyiditti qabuun harka akka ol qabu yeroo ajaju agarsiisa.

Joorji Filooyid yeroo boo’ee watwaatee poolisoota kanneen kadhatu mul’ateera. Sana booda harkisanii keessaa baasuun harkasaa duubatti hidhuuf yeroo wal’aansoo ittiin qaban mul’isa viidiyichi jedha gabaasni bahe.

Wal’aansoo cimaan kan isaan mudate ammoo yeroo Mt Leenii fi Kuweengi waliin tahuun Filooyidiin konkolaataa poolisii keessa galchuuf yaalan mudachuu agarsiisa.

Xumura irratti Joorji Filooyid konkolaataa keessaa lafatti kufa. Achitti poolisoota jiran arfan keessaa Mr Chuuvin morma isaarra jilbeenfate.

Achitti Joorji Filooyid yeroo 20 ol tahuuf harganuu hin dandeenye jedhee yeroo poolisoota kanneen kadhatu dhagahameera.

Ajjeechaa Joorji Filooyidiin booda humna poolisii Ameerikaa keessatti haaromsi akka barbaachisu himamuun naannoleen hojimaata haaraa hojiirra oolchuu jalqabanillee ni jiru