Joorji Filooyid: sababiin viidiyoo yeroon inni ajjeefamuu sanaa ilaaluu dhiisuuf murteesseef

Madda suuraa, Getty Images
Namoota gur'aacha ta'an hedduudhaaf, viidiyoowwan yeroo lammileen gurraachi ajjeefaman agarsiisan ilaaluun baayyee rifaasisaadha.
Viidiyoon yeroo poolisiin adiin Ameerikaa Miniyaapoolisitti morma Joorji Filooyidirra jilbeeffatee jiru agarsiisu qoqqoodamee waan namoota hedduu bira gaheef carraan hin argiin itti hafan xiqqaadha.
Haatau malee, ani dubartiin gur'aattiin, viidiyoo sana akka ilaaluu hin qabnen murteesse.
Yeroo lammiin gur'aachi tokko morma isaarra poolisii adiin jilbeeffatamee du'aa jiru arguun anaaf qaamaafi qalbiidhaan caba guddaadha.
Namoonni baayyeen viidiyoowwan akka kanaa gocha gara jabinaa poolisoonni adii lammileen gur'aacha ta'anirraan gahan baayyinaan qoqqoodamuun gaariidha. Sababiin isaas rakkoo hidda gadi fageeffateefi jaarraa hedduutiif US keessatti deemsifamaa jiru saaxila naan jedhu.
Akka gaazexeessituu tokkoottis, dhugaa tokko baasuu caalaas wanti baayyee barbaachisaa ta'e akka hin jirres nan beeka.
Haata'u malee, viidiyoo gocha gara jabinaa haqa lafarra jiru agarsiisan akkasii yeroon ilaalutti hanga dhibee samuuf saaxilamuutti na geessu waan ta'eef.

Madda suuraa, Getty Images
Namoota viidiyoo kana ilaalaniif baayyee rifaasisaa ta'e jedheen yaada, garuu namoota akkakoo gur'aacha ta'aniif ammoo daran sukkaneessaa ta'ee murla'ata. Viidiyoon kun dhukkuba sammuu namatti horuu danda'a.
'Akka malee daangaa darbe'
Dubartii lammii Afrikaa-Ameerikaa taateefi umuriin ishee waggaa 20 Niyaa Dumaasitti yeroo dubbadhe, daqiiqaa dhumaa viidiyoo Joorji Filooyid erga daawwatteen booda iyyuu dhaabuu akka dadhabde natti himte.
"Ergan viidiyoo sana argee booda guyyaa tokko keessatti si'a afur kanuman iyyun of arga. Baayyisee nama dhukkubsa."
Niyaan Ohaayoo Kiliivlaand keessa jiraatti. Achitti ammoo miidhaawwan hedduu argiteetti. Jireenyashee keessatti suuraawwan lammileen gur'aacha ajjeefaman arguun taatee dhaabbataa keessatti guddatedha.
"Yoo Joorji Filooyid ta'uu baates, nama ta'e biraarra gaha. Waan akka malee daangaa darbedha," jetti.
"Anaaf viidiyoo kana ilaaluun yaadannoo hamaa yeroo Tiraayvoon Maartiin ajjeefamee sana na yaadachiisa. Ani yeroo sana naannoo waggaa 11n ture. Wanta akkasii fokkuu kana argaadhuman guddadhe. Amma hedduu nuffeera."

Madda suuraa, NIA DUMAS
Tiraayvoon Maartiin lammii gur'aacha umuriin isaa waggaa 17 tureefi hidhannoo hin qabne Filooriidaa keessatti waardiyyoo hollaasaa ture tokkoon itti dhukaafamee ajjeefame. Namichi ajjeese sun ammoo bara 2012 keessa gocha ofirraa ittisuu fudhate malee yakka hin qabu jedhamuun bilisaan bahe.
Duula karaa hashtag Black Lives Mater kan jedhu akka jalqabamu kan taasises ajjeefamuu Tiraayvoon Maartiin sana ture.
'Ani akka malee keessikoo na cabe'
Erga sanaa kaasee duulli sun yeroo baayyee deemaa ture jechuun natti hime lammiin gur'aachi Biriitish umuriin isaa waggaa 27 ta'e Toonii Adepegba yeroo waliin waa'ee sanyummaafi dhiibbaa dhukuba sammuu inni qaqqabsiisu haasofnutti.
Tooniihdaa viidiyoo Joorji Filooyid daqiiqaa dhumaa sana ilaaluun baayyee nama dhukkubsa.
"Waan natti dhaga'amu ibsuudhaaf jecha hin qabu. Ani akka malee keessikoo na cabe. Namoonni akkasitti ajjeefaman kun anallee ta'uu danda'a jedheen yaade."
Guyyuma sana viidiyoo biraa tokko argeen ture. Wiirtuu magaalaa Niiwuu Yoork keessatti dubartiin tokko nama gur'aacha saraakee hidhadhu ittiin jedhe tokkotti bilbilaan poolisii waamti ture. Namichi garuu qajeelfamuma paarkii namoonni yeroo saree qabatanii seenan akka hidhachuu qaban bahee jiru hojiirra oolchituuf gaafate ture.

Madda suuraa, TONI ADEPEGBA
"Kun waan baayyee akka namatti dhaga'amu taasisudha sababiin isaas wanta dhugaa lafarra jiru agarsiisa. Dubartiin adii sun yeroo poolisii namicha gur'aacha sanatti poolisii waamtutti ilaalcha aantummaa poolisiin namicha gur'aacha sanarra isheef taasisu ni beekti," jedha Tooniin.
"Namichi akka bilbila takkaan akka to'atamu ykn ajjeefamuu danda'ullee ni beekti ture."
Tooniin guutummaa viidiyoo Joorji Filooyid ilaaluu hin dandeenye.

Odeeffannoo walfakkaatan birroo:

Dhalattuu Paaris kan taate Laëtitia Kandolo dubartii umuriin ishee ganna 28ti. Hiddi dhaloota maatii ishee ammoo Rippabilika Dimokiraatawaa Koongoodha.
Jalqabarratti viidiyoo Joorji Filooyid kana rakkachaatuman ilaalte.
'Kun dhugaa keessa jirrudha'
"Miira hedduu keessa na galche. Garuu saatii muraasaan booda yeroo haariin hamtuun natti dhaga'amtu keessa deebiyeen viidiyoo sana ilaale. Kan isaafi birmatu hin turre. Kan gochuu danda'us hin qabu ture. Sana ta'uu isaatiinis wanti namaaf dhufu akka hin jirren adda baafadhe"

Madda suuraa, LAETITIA KANDOLO
"Karaa ittiin warreen sanyummaan miidhaa namarraan geessisan kana itti gaafatamuu taasifnu barbaadu qabna," jetti Laëtitia. "Yoo viidiyoowwan kunneen, namoota sababa bifa isaaniitiif ilaalchi addaa taasifamuuf dhaabbatanii kan yaadan ta'e yaa ta'u."
Haata'uyyu malee garuu jetti, " [Warreen adiiin] viidiyoo sana yeroo ilaalan nuti ammoo akka jiraannu yaadachuun barbaachisaadha--kun nuu dhugaa keessa jirrudha."
Namoonni gur'aacha ta'an yeroo viidiyoo kana argan, shakkii tokko malee ofii isaanii ilaalu, ykn maatii isaanii yaadu, akkasumas duula sanaan duuba kan dhaloonni isaaniin duraa keessa turan yaadatu.
Namoonni gur'aacha ta'an guutummaa addunyaarraa mudannoo dhiibbaa sanyummaa sadarkaa hamaarraa hanga miidhaawwan guyyaa guyyaa xixiqqaatti akka keessa darban ni beeku, hundumtuu seenaa walfakkaataa qabu.
Kana waan ta'eef, viidiyoon akka kanaa yeroo miidhaan nama gur'aacharra gahu agarsiisu bakka tokkotti uumamu namoonni gur'aacha ta'an bakka kamiyyu jiran akka dhuunfaattis ta'e akka gareetti cimaa isaan dhukkubsa.
Kun gur'aachotaaf madaa waloo hin qoorredha.














