US dhimma Iraaniif Raashiyaa fi Chaayinaa Mana Maree Nageenyaatti himatte

Madda suuraa, Reuters
Ameerikaa fi michooti ishee dhihaa dhimma sagantaa niwukilaraa Iraan ilaalchisee walga'ii Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyota Gamtoomanii irratti Raashiyaa fi Chaayinaa waliin wal dhabbii keessa galaniiru.
Walga'ii mana marichaa kaleessa Bitootessa 12, 2026 taa'ame irratti Waashingitan biyyootni kunnen lameen (Moskoo fi Beejiingi) Iraan irra harka qabaa jiru jette.
Kanaanis sagantaa niwukilaraa Iraan irra qoqqobbii Ikaa'uuf Mana maree Nageenyaa UN keessatti qoqqoodinsi jabaate jiras jechuun himatte.
Falmiin kun kan uumame wayita Ameerikaan lola torban lama dura Iraan irratti jalqabdeef biyyoota kana irratti sababeeffachuu yaaltutti ture.
Walgahii Mana Maree Nageenyaa UN miseensota 15 qabu kana baatii kanaaf kan dura taa'ummaan dursaa jiru Ameerikaa dha.
Raashiyaa fi Chaayinaan koree UN qoqqobbii Iraan irra kaa'ame hordofuu fi raawwachiisu kan koree 1737 jedhamuun beekamu irratti marii taasifamu kuffisuu hin dandeenye.
Manni Maree Nageenyaa yaada isaanii mormuun sagalee kenneen biyyoonni 11 marii kana kan deeggaran yoo ta'u, lama sagalee mormii, biyyoonni lama ammoo sagalee hin kennine .
Ameerikaan akka jetttutti, biyyootni laman michuu isaanii Iraanif gaachana ta'uuf yaalaa jiru.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti ergamaan Ameerikaa Maayik Waaltiz , Raashiyaa fi Chaayinaan Iraan eeguuf yaalaa jiru jechuun himatan
Biyyoonni miseensa UN hundi uggura meeshaalee waraanaa Iraan kabachiisuu qabu jedhan. Kun gurgurtaa ykn daddabarsa meeshaa waraanaa fi teeknooloojii misaa'elaa biyyarraa gara biyyaatti darbarsuu dhorkuu ta'uullee ibsan.
Akkasumas deeggarsi maallaqaa sagantaa meeshaa waraanaa Iraan waliin walqabatee jiru dhorkamuu akka qabu waamicha taasisan.
Tarkaanfiiwwan kunneen kan fudhatamaniif yaaddoo sagantaa Niwukilaraa fi misaa'elaa Iraan akkasumallee deeggarsa gareewwan shororkeessummaan himataman furuuf kan yaadame ta'uullee itti dabalauun eeraniiru.

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Raashiyaa fi Chaayinaan Iraan waliin tumsa ittisaa itti fufuu waan barbaadaniif koree qoqqobbii Iraanirraa qoqqobbii akka hin keenyeef ugguruu barbaadu jetti US.
Waltiz itti dabaluudhaan akka jedhanitti, dhaabbati niwukilaraa to'atu kan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, Ejensiin Annisaa Atoomikii Idil-addunyaa qorannoo isaatin Iraan yuuraaniyeemii hanga dhibbeentaa 60tti akka gabbistee ibsuu yaadachiisan.
Raashiyaan himannaa kana cimsitee mormiteerti. UN'tti Ambaasaaddarri Raashiyaa Vasily Nebenizya , Ameerikaa fi michoonni ishee sagantaa niwukilaraa Iraan irratti sodaa uumuutti jiru jedhan.
Sodaan kun tarkaanfii waraanaa Iraan irratti fudhatamuuf sababa ta'uu fi waldhabdeen Baha Giddu Galeessaa keessatti uumamu dabaluuf itti fayyadamaa jira jedhan.
Chaayinaanis gama isheen Ameerikaa cimsitee qeeqxerti. UN'tt Bakka bu'aan Chaayinaa Fu Kongi, rakkoo niwukilaraa Iraan mudateef Ameerikaan itti gaafatamummaa qabdi jedhan.
Mariin dhimma kana irratti waligaltee uumuu danda'u osoo gaggeeffamaa jiruu Waashingitan humna Iraan irratti haleellaa banuu ishee tattaaffii dippilomaasii miidheera jedhan.
Iraan gama isheen deebii kan kennite yoo ta'u, UN 'tti ambaasaaddarri Iraan Amiir Sa'iid Iraavaanii , sagantaan niwukilaraa Iraan kaayyoo nagaa qofaaf akka ta'e dubbatan.
Dhamma kana irratti waligaltee uumuuf marii taasisaa utuu jirtuu haleellaan irratti raawwtamuu kaasuun Iraan qoqqobbii idil-addunyaa deebisuuf yaalii taasifamu kamiyyuu akka hin mormitu himaniiru.
Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp sagantaa niwukilaraa Iraan akka sababa waraana kanaatti eeru.
Jalqaba baatii kanaa Tiraamp osoo Ameerikaan baatii Waxabajjii keessa iddoowwan niwukilaraa Iraan sadii haleeluu baattee Iraan torban lama keessatti boombii niwukilaraa hojjachuu dandeessi turte jedhan.












