Dhimmi MM Abiy Ministira Dhimma Alaa US Ruubiyoo waliin mari'atan maali?

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaafi Yunaayitid Isteet karaatti Gaanfa Afrikaatti ''nageenya waaraa'' buusuuf bu'uura kaa'un danda'amurratti mari'atan.
Waajjirri Ministira Dhimma Alaa Yunaayitid Isteet guyyaa Roobii ibsa baaseen kana beeksise.
Dhimma kana kan mari'atan marii bilbilaan Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Ministira Dhimma Alaa Yunaayitid Isteet Maarkoo Ruubiyoo waliin taasisaniini.
Mariin aangawoota kanaa ji'oota sadii keessatti yeroo lammataaf taasifame.
Aangawoonni lamaan Ameerikaafi Israa'el waliin ta'un Iraan waliin yeroo waraana hamaa keessa jiraniifi daafiin waraana kanaa biyyoota Giddugala Bahaa yaaddessaa jiranitti mari'atan.
Gama kaaniin, Kaaba Itoophiyaatti waraana Itoophiyaafi Ertiraa yookiin TPLF gidduu ka'uu mala yeroo jedhamutti marii taasisan.
Ibsa dubbii himaan itti aanaa Ministeera Dhimma Alaa US Toomi Pigoot baasan akka eerutti aangawoonni lamaan gaafa Roobii mari'atan.
''Ministirri Dhimma Alaafi Ministirri Muummeee nageenya naannichaaf cichoomina qaban, wal ta'insa farraa shororkeessummaa, badhaadhina dinagdeefi Gaanfa Afrikaatti nageenya waaraaf bu'uura tolchuuf mari'atan,'' jedheera ibsi bahe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Aangawoonni lamaan ajandaadhuma wal fakkaataa irratti Mudde 03, 2025 mari'atanii turan.
Marii tibbanaa irratti gama Waajjira Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad wanti jedhame hin jiru.
Guyyoota muraasa darban bulchaan Itoophiyaa bakkeewwan baha Itoophiyaa daawwataa turan.
Pirezidantiin Jibuutii akka beeksisanittimmoo Ministirri Muummeee Itoophiyaa Abiy Ahimadiifi jilli isaanii daawwannaa guyyaa tokkoof Jibuutii jiru.
Jibuutiin biyya xiqqoofi ulaa tokkicha Itoophiyaan galaanatti ittiin baatudha.
Bulchaa Itoophiyaan alatti Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammadilleee Jibuutii jiru.
Dureewwan sadan torbanoota muraasa durallee Naannoo Somaalee, Itoophiyaa keessatti wal arganii mari'ataniiru.
Itoophiyaan ulaa dabalataa galaanatti ishee baasu akka barbaaddu ibsuufi sochii eegaluun biyyoota Gaanfa Afrikaa bir'achiiseera.
Bulchaan Itoophiyaa dhimma kana karaa nagaan galmaan gahuu akka fedhan irra deddeebiin dubbataniiru.
Baatii Guraandhala keessa Parlaamaatti yeroo dhihaatan dhimma galaana Diimaa irratti ''obsaan, kasaaraafi ajjeechaa karaa hin hordofsiisneen furuuf ni yaalama.
''Akkuma Baalenis Booleenis jedhame garuu hin hafu jechuudha,'' jechuun dubbataniiru.
Biyyoota sochii Itoophiyaan irra deddeebiin komii ibsataa jiran keessaa tokko immoo Ertiraadha.
Bulchaan Itoophiyaa gaaffiifi deebii Afaan Tigriffaan torban dura taasisaniin mootummaan Tigraayitti lola kaasuuf fedhii akka hin qabne dubbatan.
Haa ta'u malee, hooggansi TPLF ''qophii waraanaa bal'aa'', ''bittaa meeshaa'' fi ''duula waraanaa gochaa jira'' jechuun himatan.
''Gareen dhaabatee hafe [TPLF] qophii waraanaa bal'aarratti argama. Baay'ee kan nama dhibummoo ifatti humnoota farra Itoophiyaa waliin hiriiruu isaati,'' jedhaniiru.
Humni alaa isaan akeekan immoo Ertiraadha - biyya yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa michuu mootummaa Itoophiyaa turte.
Aangawoonni Itoophiyaa yeroo ammaa mootummaan Ertiraa TPLF fi Faannoo waliin hariiroo tolfate, daangaa Itoophiyaa seenee lafa to'ateera jechuun himatu.
Dhimma kanaaf deebii kan kenne mootummaan Ertiraa himannaa kana waakkateera.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad gaaffiifi deebii Afaan Tigriffaan miidiyaa biyya keessaa waliin taasisan irratti Ertiraa akekkachiisaniiru.
Mootummaa Ertiraa irraa "waan gaarii argachuun kan hin yaadamnedha. Kana waan ta'eef, humna argannaan biya jeequurraa duubatti hin deebiyu," jechuun himatan.
''Haata'u malee, bareechinee waan beeknuuf irra deebiin ummata keenya akka miidhan carraa hin kenninuuf.
''Tarii yoo yaalan ammoo carraaqqii dhumaa ta'a jedheen amana," jechuun ergaa akeekkachiisa of keessaa qabu dabarsaniiru.
Ertiraan immoo mootummaan Itoophiyaa "Ulaaga Galaanaa Walabaa" maqaa jedhuun "tuttuqqaa waraanaa" raawwachaa jira jechuun kana dura himatti.
Dhimmi biraa Gaanfa Afrikaatti biyyoota yaaddesse waraana Sudaan keessa adeemaa jirudha.
Mootummaan Sudaan yeroo jalqabaaf ifatti dirooniin daangaa Itoophiyaa keessaa bahu lola keessa hirmaataa jira jechuun mootummaa Itoophiyaa akeekkachiiseera.
Dirooniiwwan kuni birmadummaa isheerratti ''haleellaa ifatti'' raawwate ta'u ibsuun kunis ''gocha dubbii barbaaduuti'' jechuun kan himate Ministeera Dhimma Alaa Sudaan ibsa baaseeni.
Dhimma kanarratti gama mootummaa Itoophiyaa deebiin ammatti ifatti kenname hin jiru.















