KALLATTIIN, Ulaa Hormuz fi naannoo sanatti haleellaan hammaate, Israa'el haleellaa haaraa Libaanositti eegalte

Haleellaan Israa'el kutaalee Libaanos garagaraa keessatti raawwattu hammaateera. Wayita kanatti Galoo Galaanaa keessatti haleellaan dooniiwwan irratti raawwatamus babal'ateera.

Guduunfaa

  • Iraan dirooniidhaan Kaalifoorniyaa haleeluu akka dandeessu FBI akeekkachiise -Gabaasa CBS
  • Iraan gatiin boba'aa baarmeeliin tokko doolaara 200 galuu akka danda'u akeekkachiiste
  • Ulaa Hormuz fi naannoo sanatti haleellaan hammaate, Israa'el haleellaa haaraa Libaanositti eegalte
  • Biyyoonni miseensa Ejensii Inarjii Idiladdunyaa (IAE) boba'aa yeroo rakkoof kuusan keessaa baarmeelii miiliyoona 400 fayyadamuuf waliigalan
  • Hogganaan Olaanaa Iraan eessa jiru? Maaliif ummatatti hin mul'anne?
  • Hogganaan Olaanaa Iraan madaa'anillee 'nagaa qabu' - Ilma Pirezidantii Iraan
  • Israa'el haleellaa bifa haaraan Libaanos fi Iraan irratti eegaluu ibsite, Iraan ammoo haleellaawwan hedduu Israa'el fi wiirtuuwwan humna waraanaa US Baha Giddu Galeessaa jiran irratti raawwachuu ibsite
  • US dooniiwwan waraanaa Iraan kanneen dhootuuwwan galaana keessa awwaalan 16 barbadeessuu himte
  • Tiraamp akka Iraan ''dhootuuwwan Ulaa Hormuz keessa hin keenye'' akeekkachiisuu booda US tarkaanfii fudhatte
  • Qondaalli poolisii Iraan namni mootummaarratti mormii dhiheessuu yaadu kamuu ''waan diinni arge arguuf deema'' jechuun akeekkachiiseera
  • MM Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu ''lammiileen Iraan sirna Ayaatollaa ofirraa kuffisuu qabu,'' jedhe
  • Tamsaasa kallattii kanaan duraa
  • Odeessaalee keenya karaa marsariitii, YouTube, Facebook fi WhatsApp keenyaa bal'inaan ni argattu

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. US haleellaa mana-barumsaa shamarranii Iraan irratti gaggeessiteef itti gaafatamuu dandeessi -Darektara duraanii CIA, Dimokiraatonni halellaa mana-barumsaa shamarranii Iraan irratti raawwatameef deebii barbaadna jedhan

    Daarektarrii CIAfi Komaandara Ajaja Giddugaleessaa US duraanii Jeneraal Daaviid Petiraawu

    Madda suuraa, Getty Images

    Daarektarrii CIAfi Komaandara Ajaja Giddugaleessaa US duraanii Jeneraal Daaviid Petiraawus, waa'ee haleellaa mana-barumsaa shamarranii Iraan Kibbaa irratti raawwatamuun akka aanga'oonni Iraan jedhanitti lubbuu 168 galaafate jedhanitti gaheen US maal ta'uu danda'a jedhamee gaafatameera.

    Jeneraal Petiraawus BBC News Chaanaalitti akka himetti, ragaa qorannoof dhiyaataa jiru kallattiin argu baatus, kana nama "gaddisiisu misaa'ela Tomahawk waraana kana keessatti fayyadamuu kan danda'u nu qofadha" jedhe.

    "Ragaan durii akka agarsiisutti, waggaa ta'e dyra gamoon kun addatti qaama mooraa humna galaanaa Iraan isa guddaa waan ture fakkaata."

    Akka bu'aa qorannoo jalqabaa US'tti michuu BBC kan ta'e CBS agrsiisetti, US haleellaa lubbuu galaafate kanaaf carraan itti gaafatamtuu akka taatu agarsiisu jira. Haata'u malee, mana-barumsaa kana ta'e jettee osoo hin taane dogoggoraan rukkutte.

    Gama kaaniin, Dimokiraatonni halellaa mana-barumsaa shamarranii Iraan irratti raawwatameef deebii barbaadna jedhan.

    Dimokiraatonni Seeneetii US keessa jiran xalayaa Ministira Ittisaa Pee hegeseeziif ibarreessaniin yeroo waraanni kun jalqabe haleellaa mana-barumsaa shamarratii Iraan irratti raawwatamee daa'imman 110 dabalatee namoota 168 ajjeeseef deebii barbaadna jedhan.

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp ragaa osoo hin dhiyeessiin Iraanitu raawwate jedhee akka amanu dubbateera. haata'u malee, viidiyoon akka agarsiisetti misaa'el US Tomahawk buufata waraanaa iraan mana-barumsaa kana cinaa jiru yoo haleleu agarsiiseera.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: Misaa'eliin US Tomahawk jedhamu yeroo buufata waraanaa Iraan mana-barumsaa cinaatti argamu haleleutti
  2. Iraan dirooniin Kaliforniyaa haleeluu akka dandeessu FBI akeekkachiise -Gabaasa CBS

    Diroonii Iraan

    Madda suuraa, Getty Images

    Odeeffannoo keessaa FBI'n seera kabachiistota Los Anjalas (LA) jiraniif torban darbe erge tokko Iraan Kaalifoornyaa irratti dirooniin "osoo hin eegamiin haleellaa tasaa" raawwachuu dandeessi jechuun akeekkachiisuu isaa Ameerikaatti michuu BBC kan ta'e CBS gabaaseera.

    Qondaalonni tikaa seera kabachiistota US fi Kaalifoorniyaa miidiyaa kanatti akka himanitti, odeeffannoo keessoo egame kanarraa yaaddoo haleellaan yaadame kun geessisuu malu wanti beekame hin jiru.

    Ergaan akeekkchiisaa kun osoo waraanni Iraan hin jalqabuun dura kan ergamedha.

    Bulchaan Kaalifoorniyaa Gaaviin Niwsom X irratti akkas jedhe: "Ammatti yaaddoon qabatama jiraachuu isaa hubachuu baannus, isteetii keenya keessatti waan tasa uumamuu danda'uuf qophoofnee eegdna".

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp buufata xiyyaaraa Jooyint Beez Andiriiwus keessa osoo jiruu gaafatamee, "Qoratamaa jira, garuu waan baayyee ta'aa jiru qabna waan ta'eef wanti gochuu dandeenyu akkuma isaan dhufanitti simachuudha."

  3. Yooyyaa!

    Akkam jirtu hordoftoota keenya?

    Tamsaasa kallattii kanaan dhimma waraana US-Israa'el fi Iraan irratti xiyyeeffanna. Dhimmoota addunyaa fi odeeffannoo biyya keessaas karaa kanaan isiniif dhiheessina.

    Nu hordofaa!

    Tamsaasa kallattiin armaan duraa: