Qabxiilee ijoo shan MM Abiy Ahimad paarlaamaatti dubbatan

Madda suuraa, Office of the Prime Minister-Ethiopia
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waraanni Ertiraa yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa badii garagaraa raawwachuun yeroo duraaf ifatti himatan.
Dubbiin isaanii kuni yeroo hariiroon biyyoota lamaa hammaatee jirutti dhagahame.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad birrii takka namni Hidha Abbayyaa ijaarruuf nuuf kenne hin jiru jechuunis dubbatan.
Kuni yeroo jalqabaaf bulchaa Itoophiyaa dhimma kanarratti ifatti dubbatamedha.
Bulchaan Itoophiyaa baatiiwwan jahan darban wantoota mootummaan dalageefi gaaffilee miseensota mana mareerraa ka'an deebisaniiru.
Wantoota ijoo muraasa akka asiin gadi ilaalla.
MM Abiy yeroo jalqabaaf Tiraampiif deebisan
Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp erga marsaa lammataaf Ameerikaa bulchuuf filamanii waan dalagan yeroo himan waa'ee Hidha Abbayyaas eeraniiru.
''Akkamiin kuni ta'e jedheen dubbadhe. Maaliif kana goone? Maallaqaan gargaarre. Biyyi kuni... hin beeku.. tarii pirezidantii Rippablikaanii, garuu natti hin fakkaatu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Garuu, Dimookiraatii natti fakkaata, waan fokkuu,'' jedhan.
Pirezidant Tiraamp kana dura ijaarsa Hidha kana Ameerikaan maallaqaan deeggaruu irra deddeebiin dubbataniiru.
Dubbiin isaanii kunis lammiilee Itoophiyaa waggootaaf deeggarsa maallaqa isaaniin ijaaruu beekaniif gaaffii itti ta'ee ture.
Kana dura aangawaan Itoophiyaa kuni ''dogongora'' jedhanii turan.
Himannaa irra deddeebiin Tiraamp dhiheessaniif yeroo jalqabaaf ummatatti kan dubbatan Ministirri Muummee Abiy Ahimad akkana jedhan;
''Hidha Haaromsaarratti deeggarsi birrii tokkollee, liqaan birrii tokkollee Itoophiyaan hin fudhanne.''
''Ejjennoo cimaa jagnoota Itoophiyaan, lammiilee Itoophiyaa biyya keessas alas jiraniin ilkaan ciniinnatanii waliin dhaabatanii waan hojjetaniif pirojeektii raawwatamedha,'' jechuun ibsan.
MM Abiy Itoophiyaa hidha Afrikaarraa guddicha ta'e qofa ijaartee hin dhiisne jechuun isaan hin dhaabanne jedhan.
Dabaluunis, ''Afrikaarraa [hidha bishaanii] sadaffaa kan ta'e Kooyishaa ijaaraa jirti,'' jechuunis himan.
Deebii Ertiraaf akeeke
Dhimmi biraa MM Abiy kaasan tokko waa'ee Ertiraa, akkasumallee haalaTigraay keessa jirudha.
Hariiroon Itoophiyaafi Ertiraa sababa Itoophiyaan ulaa galaanaa gaafatteef osoo hin taane, yeroo waraanaa waan adeemaa tureen rakkoo seenuu dubbatan.
Waraanni Ertiraa Tigraay keessa badii raawwatuufi kanas mormuun irra deddeebiin jila gara Asmaraa erguu dubbatan.
Aksum dabalatee ajjeechaa raawwachuun yeroo jalqabaaf waraana Ertiraa kan yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa isaan dura dhaabate himataniiru.
Ammatti gama Ertiraa deebiin kenname hin jiru. Garuu, kana dura waakkataniiru.
Itoophiyaafi Ertiraan waggoota 20 ta'anif nagaanis waraannis hin jirre keessa erga turte booda MM Abiy Ahimadin araara buusaniiru.
Yeroo waraanni Kaaba Itoophiyaa adeemsifame waraanni Ertiraa waraana Itoophiyaa bira goree loleera.
Yeroo waraana sanaa qaamoleen qooda fudhatan hundi badiin himatamanis waraanni Ertiraa garuu ajjeechaa jumlaan irra deddeebiin himatamaa ture.
Ertiraan himannaa kana ni waakkatti. .
MM Abiy gaaffii miseensota paarlaamaa irraa ka'eef deebii yoo kennan, yeroo waraanni kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa ture waraanni Ertiraa warshaa dabalatee saamicha guddaa gaggeessaa akka ture ibsan.
Walitti dhufeenyi Itoophiyaafi Ertiraa gidduu jirus kan hammaate Waliigalteen Piritooriyaa mallattaa'uun Ertiraa gammachiisuu dhabuu kaasan.
"TPLF osoo hin badin [akkamitti TPLF waliin] waliigalteen godhama kan jedhuun" walitti dhufeenyi hammaachuu ibsan.
Ertiraan qabeenya yeroo waraana Tigraay saamte akka deebistuufi saamicha dhaabduuf si'a heddu qondaalota mootummaa Asmaraatti erguus dubbatan.
Loltoonni Ertiraa saamichaafi ajjeechaa Tigaay keessatti raawwachaa yeroo turanitti, mootummaa Itoophiyaa waliin wal dura dhaabbannaan akka tureefi hammachaa deemee dhumarratti waliigalteen Piritooriyaa gaafa mallattaa'e daran jabaate.
Deebii TPLF'f akeeke
MM Abiy haala Tigraay keessaa fi ergaa TPLF'f akeekuun ejjennoo mootummaa ibsaniiru.
Tigraay keessa dhihoo waraana Itoophiyaa humnoota Tigraay gidduu walitti bu'iinsi ture.
Balaliin xiyyaaraas guyyootaaf danqamee ture. Isarratti gama mootummaa Itoophiyaa wanti jedhame hin jiru.
Paartileen siyaasaa Naannoo Tigraay keessa jiran ''ajjabuu'' malee qooda ''taatoo ijoo'' tolfachuu hin dandeenyee jechuun dubbatan Abiy.
''Ummanni waltajjii [siyaasaarra] gara taatoo siyaasaatti, paartileen siyaasaa ajjabuurra gaa taatoo ijootti yeroo jijjiiraman ummata qaroome marii beeku waan ta'ef wanti baay'ee ni jijjiirama jedheen yaada.''
MM Abiy ''humna achi jiruuf'' deebiin kiyya jedhanii akkana dubbatan;
''Qonnaan bulaan jandoo fi bakakkaan maasiirraa hin oolchinee sinbirri waan wacceef gara maasii hin deemu jedhee qonnaan bulaan sodaatu hin jiraatu. ...
''Seenaan mootummaa kanaa kanadha. Sagaleen amma jiru akka waca simbiraati. Rooba, bakakkaa dabarreerra.
''Xuxxuqqaan kamuu akka waca simbiraa,'' ilaalla jechuun ''sassaabamuun gaarii ni ta'a'' jedhanii dubbatan.
Torban darbe keessaa keessumaa bakkeewwan lixa Tigraay Naannoon Amaaraa kiyya jedhutti humnoota federaalaafi humnoota Tigraay gidduu walitti bu'iinsi dhalateera.
Aangawoonni Tigraay kana mirkaneessaniiru. Balaliin Daandii Qilleensa Itoophiyaas guyyootaaf danqamee ture.
'Baaleenis, Booleenis'
Dhimmi biraa Ministirri Muummee Abiy dubbatan tokko waa'ee Galaana Diimaati.
Itoophiyaan galaanni diimaa ''dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti'' jechuun akka barbaaddu ifa gooteetti.
Itoophiyaan ammallee karaatti galaanatti baatu barbaadaa jirti.
Gaaffiin ishee kuni garuu biyyoota ollaa bir'achiiseera.
Nuti lola kaasna hin jenne kan jedhan MM Abiy, ammallee irra deebiin gaaffii kana kaasaniiru.
Garuu Baaleenis, Booleenis ni milkaa'a jedhanii dubbataniiru.
''Itoophiyaaf ulaan galaanaa hin barbaachisu jedhee namni yaadu seera uumaa tokko waan dagate natti fakkaata. Namni ni dhalata, ni guddata, namni ni dullooma, namni ni du'a. Kuni waan hin hafne. Itoophiyaafi Galaanni diimaas akkasi. Barabaraan adda bahanii jiraachuu hin danda'an.''jedhan
Akka ibsa MM tti fiixee Mitsiwwaa hanga qarqara Moqadishootti km 5,000 dheerata. ''Lafa bal'aa waan lafatti hafudha.. ''
Lafa km 5000 keessaa Somaalee ummata miliyoona digdamii wayi, miliyoonni muraasni jibuutii, miliyoonni muraasni Ertiraa walumaagala ummanni miliyoona 25 ta'u qarqara galaanaa km 5,000 to'ataniiru.
Ummata miliyoona 130 kan qabdu Itoophiyaan wanti gaafatte garuu 50kmdha jedhan.'' Kuni haqa miti yoo ta'e addunyaarratti haqni hin jiru jechuudha'' jechuun dhimma galaana Diimaa irratti qoodinsi haqa qabeessa ta'e akka hin jirre kan ibsan.
Itti dabaluunis ''kan gaafanne ammoo ajjeesnee, bunnee'' osoo hin taane karaa nagaa fi waligaluun danda'amuuni.
Waan Itoophiyaan kennitee fudhachuu dandeessu jedhanis eeran.
Galanni ummata Itoophiyaaf haa galuuti , hidhi guddichi Afrikaa kan Itoophiyaati. Achi keessaa dhibbeentaa 10%, 15% fudhachuun Itoophiyaaf ulaa kennuun ni danda'ama. Seera daldlaati jechuudha.
Yoo kuni hin taanees Daandiin Qilleensaa guddichi Afrikaa kan Itoophiyaati. Qooda %5, %10 fudhatanii ulaa kennuun ni danda'ama. Yoo ta'u baate liiziin ni danda'ama. Yoo innimmoo ta'uudhaa baate lafa wal jijjiiruun ni danda'ama. Mariin, karaa nagaa ni danda'ama jechuun filannoowwaan Itoophiyaan diyeessuu dandeessu eeran.
Kanaan ala ''Mootummaafi ummanni Itoophiyaa galaana diimaa argachuuf nama nan ajjeesa hin jenne'' jedhan.
Furmaata dippilomaasii
Imaammatni dippolomaasii Itoophiyaan hordoftu kan biyyootra ollaaf dursa kennuu, dhimmaa Galaana diimaa akkamitti furaa kan jedhuu gaaffilee mana maree bakka bu'oota ummataa keessaa ka'aniidha.
MM Abiy ''hanga yoonaa bitaa mirgaan fuula duraan akkasumas duubaan kan jran baay'ee isaanii dubbiseera''jechuun tattaffii gama dippiloomaasiitiin jiran kan ibsan.
''Isiniif mala, gaaffii sirriidha garuu waraanaan ta'u hin qabu, itti mari'annaaa yeroo nuuf kennaa nuun jedhaniiru michoonni keenya''.
Nutis mariif qophiidha jennee yeroo kennuufi eegaa jirras jedhan
Kanaaf sochiin gama dippilomasiin jiru jalqabbiin gaarii ta'uu kaasaniiru.
Yoo kun hin taane, waan akkanatti itti fufu akka hin taanes dubbatan.
''Yoo ta'u baate ijoolleen keenya gaafachuudha. Akkuma dura isinitti hime waan ta'u miti. Ummanni miliyoona 130 ulaa galaanaa malee ba'aa biyyoota ollaa ta'a.''
''Yoo biyyi badhaatewoo dandamachuu danda'a. Kanaaf wal ta'anii hojjechuun ni barbaachisa natti fakkaata.'' jechuun Itoophiyaan ulaa galaanan ala itti fufuf akka rakkisu MM Abiy kan Paarlamaatti dubbatan.
Gama biraan Humna waraanaa biyyaa ijaaruu keessatti jalqabbiin gaarii jiraachus ibsan. ''Dantaa biyyaalessaaratti waliigalteen ni jira. Dhimmonni kuni adeemsa keessa ija godhatu jedheen amana.'' jedhan.
Kanaaf, dhimma galaana Diimaa irratti ''obsaan, kasaaraafi ajjeechaa karaa hin hordofsiisneen furuuf ni yaalama. Akkuma Baalenis Booleenis jedhame garuu hin hafu jechuudha.''jechuun himaniiru















