US diroonii Iraan gara dooniishee xiyyaara baatutti balali'aa ture rukkutuu himte

Dubbi-himaan Waraanaa US dirooniin Iraan gara doonii Ameerikaa xiyyaara baatu Galaana Arabiyaan keessa jirutti “humnaan cabsee itti deemaa ture” rukkutamee kufuu hime.

Guduunfaa

  • Loltuun tokko jalaa madaa'uu booda haleellaa Israa'el Gaazaa keessatti gaggeessiteen Filisxeemonni 17 ajjeefaman
  • Qabxiilee ijoo shan MM Abiy Ahimad paarlaamaatti dubbatan
  • Odeeffannoo wayitaawaafi xiinxala garagaraa dhimma biyya keessaafi addunyaarraa karaa: Marsariitii, Facebook, YouTube fi Whatsapp keenyaa kanaan argattu.
  • Rakkoolee bu'uuraa Itoophiyaa mudatan sadi
  • 'Waldhabdeen Ertiraa waliin yeroo waraana Tigraayitti qabeenya saamaniifi namoota ajjeesan jalqabe waliigaltee Piritooriyaan booda dhohe'
  • Galaanni Diimaafi Itoophiyaan bara baraan gargar bahanii hin jiraatan- MM Abiy
  • 'Diina siif hin kenniin, diina siif kenne ammoo diina duudaa siif hin kenniin' - MM Abiy
  • Filannoon 'keenyaniifi maagaraa' mana jabaa ittiin ijaaranidha
  • 'Gaafa Afrikaa akka gargari hin baane walitti jiru, akka tokko hin taane micciirameera'
  • Manni-marii walga'ii idilee 10ffaa bara hojii 5ffaa waggaa 6ffaa gaggeessaa jira
  • Tiraamp ''hiyyeessa gaddeebituu dandeettii hin qabne,'' jechuun Tireevar Nooh arrabse, akka himatus dhaadate

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Namich Doonaald Tiraampiin ajjeesuuf yaale hidhaa umurii guutuun dabame

    Riyaan Ruuz yeroo qabametti

    Madda suuraa, Getty Images

    Namni maqaan isaa Riyaan Ruut jedhamu Fulbaana bara 2024 wayita Pirezidant Doonaald Tiraamp dirree Golfii isaa Filooriidaa jirutti ajjeesuuf yaale hidhaa umurii guutuun adabame.

    Umuriin isaa wggaa 59 kan ta’e Ruut, bara darbe yeroo Tiraamp kaadhimamaa pirezidantii turetti Tiraamp Internaashinaal Golf Kilab Lixa Paalm Biich jirutti isa ajjeesuuf yaaluutiin yakkamaa kan jedhame.

    Yeroo sana hojjetaan US Sakiriit Sarvisii bakka sana ture Ruut qawwee qabatee bosona keessaa osoo bahaa jiruu argee kan itti dhukaase. Namni kun bakka sanaa baqatus osoo baayyee hin fagaatiin qabamuu danda’e.

    Murtii dabarbe keessatti haati murtii Aliin Kaanoon, yakki Ruut “mormii tokko malee hidhaa umurii guutuu kan adabsiisudha” jette.

    “[Namni] kun kaadhimamaa pirezidantii kan ture [Tiraamp] ajjeesuudhaaf ji’ootaaf yaalii taaisaa kan ture yoo ta’u, kaayyoo isaa kana dura nama dhaabbatu kamiyyu ajjeesuufis kaayyeffatee ture. Gocha isaa kanaafis yeroo miira gaabbii itti ibsate hin qabu,” jechuun barreessite.

    Erga abbootiin murtii yakkamaa ta’uusaa itti murteessanii Ruut, dhaddacharra osoo jiruu qalamaan morma isaa waraanuuf wayita yaaletti, poolisoonni atattamaan dhaddacharraa isa baasan.

    Oduu yaalii ajjeechaa Tiraamp irratti raawwataman:

  2. Humnoonni Immigireeshinii Minisootaa bahuufi

    QONDAALA DAANGAA

    Madda suuraa, REUTRS

    Ibsa waa'ee suuraa, HOOMAN

    Qondaalli to'annoo daangaa Toom Hooman humnoonni immigireeshinii 700 Minisootaa bahaa jiraachuu hime.

    Hooman akka jedhetti humnoonni hafan 2,000tu kutaa bulchiinsaa tana keessatti hafa.

    Mudde keessa oppireeshinii kan dursee humni gara kana ergame 150 turan jedhe.

    Ji'a darbe, Kantiibaan Miniyaapoolis Jaakoob Fireey humnoonni federaalaa gara Miniyaapoolis bobbaafaman 3,000 hanga 4000 akka ta'an ibsanii turan. Kunneen lakkoofsa poolisii magaalichaa 600 ta'an harka hedduu caalu jechuu dha.

    Bulchaan Minisootaa Tiim Waalz tarkaanfiin qondaala to'annoo daangaa Hooman fudhatan "kallattii sirrii" fi garuu "saffisuu fi bal'inaan humna kana hir'isuu" qaba jedhan.

    Tiim Waalz "Qorannoon mootummaan durfamu ajjeechaa Aleeksi Pireettii fi Renee Guud irratti raawwatamuu akka qabuu fi duullis akka dhaabbatu" gaafatan.

  3. Saawud Arabiyaan gaalaaf paaspoortii kennuufi

    Gaalaa fi namoota

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Gaalaa fi namoota

    Saawud Arabiyaan gaala miliyoonaan lakkaa'amaniif paaspoortii kennuuf karoorfattee jirti.

    Pirojektii gaalaaf paaspoortii baasuu kanas kaleessa ifa gooterti.

    Tarkaanfiin kun horii qaalii biyyattii kana bulchuuf kan yaadamedha.

    Akkasumas damee kana hordofuu fi amanamummaa bulchiinsi mootii Saa'ud Arabiyaa gabaa biyya keeessaa fi addunyaarratti qabu cimsuuf akka ta'e Anaadoluun gabaase.

    Ministeerri Naannoo, Bishaanii fi Qonnaa pirojektiin kun Kibxata galgala deetaa ministeeraa Mansuur Biin Hilaal AL-Mushaayitiin ifoomuu ibse.

    Aanga'oonni akka jedhanitti, jalqabbii kanaan kuusaawwan odeeffannoo amanamaa gaalaa fi abbootii qabeenyaa isaanii adda baasuufi

    Damee gaalaa, sanadoota eenyummeessaa gaalaan wal qabatan qindeessuufis jedhu.

    Amanamummaa gabaa gaalaa biyya keessaa fi alatti ol kaasuufis yaadamee ta'uu gabaafameera.

    Pirojektii kanaan ragaan gaalaa, abbummaan, sanyii fi dhimmootni fayyaa gaalaa waliin wal qabatan ni galmaawu. Paaspoortiin gaalaas ifatti kan beekamu ta'a.

    Ragaa hanga Waxabajjii 2025tti jiruun baay'inni gaalawwan biyya Saa'udii Arabiyaa Mil. 2,2 ta'a.

  4. Ameerikaan biyyoota Afrikaa 32 waliin waliigaltee daldalaa bilisaa (AGOA) haaromsite

    Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraamp Kibxata kaleessaa waliigaltee daldalaa waggoota 25f ture kan biyyoonni Afrikaa 32 qaraxa irraa bilisa ta’anii gabaa Ameerikaatti akka argatan hayyamu haaromsaniiru.

    Ministeerri Daldalaa Ameerikaa, mootummaan Ameerikaa amma biyyoonni Afriikaa sirna daldala qaraxarraa bilisaa gabaa Ameerikaa irraa fayyadamoo taasisu itti fufsiisuuf, hanga dhuma bara Mudde 31, 2026tti waligalticha dheeresseera.

    Ministirri Daldalaa kun jijjiirama daldala addunyaa irratti mul’achaa jiruun caalaatti akka Imaammata Ameerikaan walsimu gochuuf,waggaa itti aanutti Kongireesii Ameerikaa waliin walitti dhiyeenyaan akka hojjetan ibsaniiru.

    Waggoota 25f hariiroo daldalaa Ameerikaa fi Afrikaa ta’ee tajaajilaa kan ture AGOA'n, carraan daldalaa kun Itoophiyaa dabalatee biyyootni Afrikaa biroo oomishaalee isaanii qaraxa malee gabaa Ameerikaaf akka dhiyeessan hayyama.

    Garuu Itoophiyaan sababa waraanaa Kaaba Itoophiyaatiin erga carraa kana keessaa baafamtee itti hin deebine.

    Tiraamp erga aangoo qabatanii carra kana Itoophiyaaf deebisanii kennuu danda'u jedhamee utuu eegamuu irraa deebiin Itoophiyaa carraa kanaan ala taasisuun ni yaadatama.

  5. Waliigalteen meeshaa niwukilaraa akka hin babal’anne Ameerikaa fi Raashiyaa gidduu ture bor xumurama

    Putinii fi Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Putinii fi Tiraamp

    Waliigalteen dhumaa itti fayyadama meeshaa niwukilaraa Raashiyaa fi Ameerikaa gidduu jiru daangessuu Kamisa boruu Guraandhala 05, 2026 kana xumurama.

    Kunis daangaa seeraa biyyoonni karoora isaanii keessatti baay’ina meeshaa niwukilaraa qabachuu danda’an irratti qaban kan xumuru ta'a.

    Waliigaltichi bara 2010 kan mallattaa’e yoo ta'u, tokkoon tokkoon biyyi kuufama boombii nikulera hanga 1,550 fi misaa'eloota boombii ulfaataa 700 irratti daangessa ture

    Waliigaltichi bara 2021 waggaa shaniif kan dheerate yoo ta’u, biyyoonni lachuu haalawwan waligalticha isaa kabajuu itti fufaniiru jedhamee amanama.

    Waliigaltichi xumuramuun biyyoota gidduutti meeshaa waraanaa hordofuu irratti mariidhaaf carraa haaraa akka argamsiisu dubbatamaa jira.

    Haataʼu malee, namoonni tokko tokko biyyoonni hedduun meeshaa niwukilaraa argachuuf carraaqqii waan godhaniif, kun haala dorgommii meeshaa waraanaa fiduu dandaʼa jechuun sodaa qaban ibsaa jiru.

  6. Erga Ameerikaan diroonii Iraan haleeltee booda Tiraamp dubbatan

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Traamp mariin Ameerikaa fi Iraan gidduutti taasifamaa jiru ammallee itti fufee akka jiru,dubbatan.

    Itti dabaluunis, bakka bu’oota isaanii gidduutti walgahii hedduun karoorfame akka jiru himaniiru.

    Dubbiin Tiraamp kun guyyoota darban kana dubbataniin kan wal fakkaatu ta’us, erga waraanni Ameerikaa diroonii Iraan gara doonii Ameerikatti dhiyaatte rukutee kuffisee booda dubbii pirezdantichaa jalqabaati.

    Kiphxata galagala dubbi-himaan Waraanaa US dirooniin Iraan gara doonii Ameerikaa xiyyaara baatu kan Galaana Arabiyaan keessa jirutti “humnaan cabsee deemnaan” haleeluu himan.

    Tiraamp waa'ee haleellichaa omaa utuu hin jedhin “Marii gochaa jiru. Waan tokko hojjechuu barbaadu, dhugumatti wanti tokko ta’uu fi dhiisuu isaa ilaaluu qabna.'' jedhan.

    ''Kanaan dura murtee tokkorra ga'uuf carraa argataniiru, garuu hin milkoofne. Yeroo sana kanaaf oppiseershiinii Hammer gaggeessine. Sun deebi’ee akka ta’u waan barbaadan natti hin fakkaatu, mari’achuufis fedhii qabu. Isaan waliin mari’achaa jirra.” jechuun dubbatan Tiraamp

  7. Loltuun tokko jalaa madaa'uu booda haleellaa Israa'el Gaazaa keessatti gaggeessiteen Filisxeemonni 17 ajjeefaman

    Namoota nama miidhame baatanii deeman

    Madda suuraa, Reuters

    Haleellaa Israa'el Gaazaa keessatti gaggeessiteen Filisxeemonni 17 ajjeefamuu maddeen hospitaalaa himan.

    Humni waraanaa Israa'el akka jedhetti, kun kan ta'e dhukaasa "shororkeessitoonni" kaaba Gaazaa keessatti bananiin loltuun tokko madaa'uu hordofeeti.

    Loltuun kin kan madaa'e, wayita naannoo Sarara Keelloo (Yellow Line) waliigaltee dhukaasa dhaabuu ji'a sadii Hamaas waliin taasifame jalatti daangaa Israa'eliin hogganamutti oppereeshiniin gaggeeffamaa jirutti.

    Gareen meeshaa waraanaa gurguddaan bobba'eefi humni qilleensaa bakka sanatti fuulleffachuun haleellaa gaggeesseen waliigaltee dhugaasa dhaabuu sana "maal na dhibdeetiin cabsan" jedheef deebii kenne.

    Maddeen hospitaalaa akka jedhanitti, namoota ajjeefaman keessaa ja'a daa'immanidha.

  8. Bidiruun baqattootaa bidiruu eegdota galaanaa wajjin walitti buutee namoonni 15 lubbuu dhaban

    Bidiruuwwan lama galaanarraa mul'atan

    Bidiruun godaantota feetee qarqara odola Giriikii Chiyoos jedhamturra imalaa turte bidiruu eegdota galaanaan walitti buutee baqattoonni 15 lubbuu dhaban.

    Qondaaloti Giriik akka jedhanitti bidiruun saffistuu kuni akka hin taanetti jajalachaa turte.

    Balaa mudateen namoonni digdamii afur tahan kan lubbuun baraaraman tahuu himuun, gariin miidhaa jabaa godhatan, kaan ammallee achi buuteen hin baramne jedhaniiru.

    Balaan kuni akkatti mudate eegdota galaanaarraa hamma yoonaa waantii dhagahame hin jiru.

    Kibxata galgala bidiruu eegdota galaanaa afur dabalatee, namoot xilliqsoo danda'an akkasumas heelikooptaraan barbaachi geggeefamaa ture.

    Miidyaan mootummaa Giriik namoota miidhaman keessa ijooolee torba dabalatee dubartii ulfaafi eegdoti qarqara galaanaa keessatti argamu.

  9. Ispeen ijoolleen ganna 16 gadi miidiyaa hawaasaa akka hin fayyadamne ugguruuf

    MM Peedroo Saancheez

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock

    Ispeen ijoolleen ganna 16 gadii miidiyaa hawaasaa akka hin fayyadamne ugguruuf karoorsaa jirti.

    ''Hokkora dijitaalaa irraa isaan tiksina,'' jechuun Ministarri Mummee Peedroo Saancheez Kora Mootummootaa Dubaayitti Kibxata kaleessaa geggeefame irratti dubbatan.

    Dhorkaan kuni dhimma paarlaamaan akka raggaasuuf eegamu yoo tahu, qaama jijjiirama seeraa dhaaboti qabiyyee ''seeraan alaa fi miidhaa qaqqabsiisu'' waltajjii isaanii irra akka bahu eeyyaman akka itti gaafatamummaa fudhatan godha.

    Awustiraaliyaan waggaa darbe dhorkaa wal-fakkaataa hojiirra oolchuun biyya addunyaa jalqabaa taateetti. Tarkaanfii biyyattii kana gariin yoo jajatan kaan ammoo milkaa'ina jedhaniiru.

    Firaans, Deenmaark fi Ostiriyaanillee akkasuma umrii daangessuuf socho'aa akka jiran himaniiru.

  10. Ilmi Gadaafii Sayiif Al- Islaam Gadaafii rasaasni itti dhukaafamee ajjeefame

    Sayiif Al - Islaam

    Madda suuraa, Reuters

    Ilmi gaggeessaa duraanii Liibiyaa, Sayiif Al - Islaam rasaasni itti dhukaafamee ajjeefamuun gabaafame.

    Yeroo tokko abbaa isaa Gadaafii bakka bu'a jedhamee eegamaa kan ture Sayiif Gadaafii Kibxata ajjeefamuu isaa paartiin siyaasaa gaheessa umuriin isaa waggaa 53 kanaa mirkaneessuu maddi oduu Liibiyaa himeera.

    Abokaatoon isaa "Komaandoon namoota afur qabu" magaalaa manni jireenyaa isaa keeessatti argamu Ziintaan keessatti ajjeechaan kun irratti raawwatamuu AFP'n gabaaseera.

    Haleellaa kana garee kamtu akka raawwate hanga ammaa ifa miti.

    Obboleettiin isaa ammoo faallaa kanaan obboleessishee kan ajjeefame gama daangaa Aljeeriyaa waliin waldaagessanirratti ta'uu buufata televizhiinii Liibiyaatti himteetti.

    Sayiif Al -Islaam abbaa isaatti aanee nama dhiibbaa guddaa uumuu danda'u jedhamee yaadama ture.

    Koloneel Muhaammur Gadaafii bara 1969 irraa kaasee Liibiyaa bulchaa turee mormii bara 2011 ka'een aangoorraa ari'amee ajjeefamuun isaa ni yaadatama.

    Bara 1972 kan dhalate Al-Islaam, bara bulchiinsa Gadaafii hariiroo Liibiyaan warra Lixaa waliin qabdu akka fooyyaa'uuf baayyee akka hojjechaa ture himamaaf.

  11. Miidhatmtoonni adda baafamnaan galmeewwan Eppistiin kumaan lakkaa’aman haqaman

    Eppistiiniifi dubartii fuullishee hin mul'anne

    Madda suuraa, Reuters

    Waajirri Haqaa Ameerikaa miidhamtoonni eenyummaan isaanii saaxilamuu himannaan galmeewwan Eppistiin kumaatamaan lakkaa’aman marsariitii isaa irraa haquu hime.

    Abukaatoowwan miidhamtoota Eppistiin, galmeewwan Jimaata gadhiifaman ''akka malee tahee bahuun;'' dhimma jireenya namoota miidhaarra oolan 100 tahan kan ‘’gaggaragalche turedha,’’jedhan.

    Teessoo imeelii, suuraa qullaa maqaafi fuula namoota miidhamuu danda’an turee, galmee kanarraa adda baasuun danda’ama jedhan.

    Kanneen miidhaarraa hafan galmeewwan kunneen gadhiifamuun ‘’qaanessaadha,’’ miidhamtoonni ‘’maqaan dhahamuu, hordofamuufi lamuu miidhamuun,’’ irra hin jiraatu jechuun ibsa baasan.

    Wajirri Haqaa Ameerik galmeewwan eeruun irratti kenname hunda kaasuun, ‘’dogoggorri namaafi teekninkaa,’’ kuni mudate jedhe.

  12. Biil Geetis galmee Eppistiin keessatti eeramuun ‘dhukkubbii yeroo gaa’elatti waliin turr’ na yaadachiisa - Haadha warra duraanii Geetis

    Biil Geetis fi Meeliindaa Fireench Geetis

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Tola ooltuufi Biiliyanarri beekamuu Meeliindaa Fireech Geetis, hundeessaan Maayikiroosooftiifi Biil Geetis, galmeewwan Jeefrii Eppistiin nama haleellaa saalaa ijoolleedhaan yakkamaa jedhame keessatti maqaan abbaan warraashee duraanii eeramuun ‘’dhukkubbii yeroo gaa’elatti waliin turanii’’ akka ishee yaadachiisu himte.

    Poodkaastii miidiyaa NPR irratti dhiyaattee, ‘’gaddaa amanuu hin dandeenyetu natti dhagahame’’ jechuun waa’ee himannaawwan Eppistiin dubbatte.

    Abbaa warraashee duraanii Biil Geetis dabalatee warri maqaan isaanii dhahame deebii kennuu qabu jette.

    ‘’Waan fokkisaa akkasiirraa fagaachuu kootti nan gammadas,’’ jette.

    Abbaa warraashee duraanii Biil Geetis waliin gaa’ela wagga 27 booda ture bara 2021 kan wal hiikan.

    Galmeeww waajirra haqaa Ameerikaa gadhiise abbaan warraashee duraanii dhukkuba saal-quunnamtii daddarbuun qabamuusa Eppistiin himuu agarsiisa.Biil himannaa kana ‘’cirumaa waan hin taane,’’ jedhe

    ‘’Himannaawwan kunneen nama sobdummaan irratti mirkanaa’e irraa dhufan- guutummaan guutuutti soba,’’ jechuun dubbiihimaan Biil Geetis himan. BBC’n haadha warraa duraanii duressaa kanan argachuuf yaalee ture.

  13. Amma nu gahe, US diroonii Iraan gara dooniishee xiyyaara baatutti balali'aa ture rukkutuu himte

    Doonii waraanaa US

    Madda suuraa, US Navy via Reuters

    Dubbi-himaan Waraanaa US dirooniin Iraan gara doonii Ameerikaa xiyyaara baatu Galaana Arabiyaan keessa jirutti “humnaan cabsee itti deemaa ture” rukkutamee kufuu hime.

    Jeettiin waraanaa F-35C jedhamu humni raadaarii isa hin dhorkine doonii waraanaa Ameerikaa guddicha USS Abraham Lincoln irraa ka’e diroonii Iraan kana rukkutee kuffiiseera.

    Akka dubbi-himaan Wiirtuu ajajaa Waraana US Tiim Hawkins jedhutti, kun doonii waraanaa xiyyaara baatu sanaafi hojjetoota isaa eeguuf tarkaanfii “ofirraa ittisuu” fudhatamedha.

    Dooniin Ameerikaa kun yeroo dirooniin kun “kaayyoo ifa hin taaneef” humnaan itti deemaa turte qarqara galaanaa Iraan irraa maayilii 500 irratti argama ture.

    Qabeenyi US barbadaa’eefi miseensi waraanaa miidhame hin jiru.

    Taateen kun yeroo US humna waraanaa guddaa gara Iraanitti butaa jirtuufi muddamni Waashingiten fi Tehraan gidduutti cimaa dhufettidha.

    Kanarratti odeeffannoo dabalataaaf:

  14. Dubartiin Somaaliyaa daa'ima ajjeesuun du'i itti murtaa'e ajjeefamte

    Hodan Mohamud Diiriye xumura bara darbeetti adabbiin du'aa itti murtaa'e, amma ajjeefamte
    Ibsa waa'ee suuraa, Hodan Mohamud Diiriye xumura bara darbeetti adabbiin du'aa itti murtaa'e, amma ajjeefamte

    Taateen kun biyya gariin Somaaliyaarraa adda baatee of bulchitu, Puuntilaand, keessatti raawwate.

    Dubartiin umrii waggaa 34 Hodan Mohamud Diiriye jedhamtu kun shamarree umrii waggaa 14 waan ajjeesteef adabbiin du'aa itti murtaa'ee ture raawwatame.

    Adabbiin du'aa dubartii irratti raawwatame kun Puuntilaand keessatti waan baratamaa miti.

    Dubartiin kun erga manni murtii shamarree oladeemtuu reebuun ajjeesuu ishee mirkaneessuun balleessaa qabaachuushee murteessee booda Kibxata magaalaa Galkayo keessatti tuuta dhukaastotaan ajjeefamte.

    Shamarreen dubartii kanaan reebamtee ajjeefamte Saabirin Saylaan hojjettuu manaa ishee turte.

    Sadaasa keessa ajjeechaan ishee wayita dhagahamu uummanni magaalaa Galkayo mufachuun mormiif karaatti bahee ture.

    Hiriira mormii sanarratti eegumsa daa'immaniif xiyyeeffannaan akka kennamu gaafataniiru.

    Aanga'oonni akka jedhanitti murteen kun kan raawwatame seera ''qisas'' jedhamu jalatti.

    Seerri kun qajeeltoo Amantii Islaamaa yoo ta'u maatiin namni jalaa ajjeefame haqa isaanii beenyaa maallaqaan osoo hin taane adabbii du'aan akka argatan kan dandeessisudha.

    Wayita murteen du'aa kun bulchiinsa Mudug keessatti raawwatamu maatiin Saabirin fi Diiriye bakka sana turan jedha bulchaan naannawa kanaa Faysal Sheek Ali.

    Aanga'oonni Puuntilaand adabbiin du'aa kun dubartii irratti waggaa 10 keessatti yeroo jalqabaaf raawwatamuu himan.

    Tarkaanfiin akkanaa kan fudhatame bara 2013 ture. Yeroo sana dubartii tokko dabalatee miseensonni al-Shabab 13 tuuta dhukaastotaan ajjeefamanii turan.

    Sababni isaan ajjeefamaniif ammoo ajjeechaa hayyuu Islaamaa tokko keessatti waan hirmaataniif akka yeroo sana qondaalonni himanitti.

  15. Qabxiilee ijoo Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy paarlaamaatti dubbata

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    MM Abiy yeroo jalqabaaf Tiraampiif deebisan. Bulchaan Itoophiyaa parlaamaatti argamuun waraana Ertiraa ifatti himataniiru.

    MM Abiy paarlaamaatti argamuun waan danuu dubbatan. Wantoota muraasa garuu ijoo ta’an qofa haa ilaallu.

  16. Qabxilee ijoo morkii Arsenaali fi Cheelsiin Emireetisitti har'a taasisan

    .

    Madda suuraa, Getty Images

    Amajjii 14 Londan Istaadiyoomii Istaamford Biriijitti gooliiwwan Been Waayit, Viktoor Yokeereeshiifi Maartiin Zubimeendiin lakkoofsisan sadiin Arsenaal morkii waancaa karabaawootti dhiyaachuuf morma seensifachuu danda’e.

    Gooliin lamaan Garnaachoon lakkoofsise Cheelsii mo’atamuu jalaa hin baraarre ture.

    Galgala kana gareen lamaan Emireetisitti marroo lammataan walitti dhufu. Morkii kanaan qixxee bahuun Arsenaal erga bara 2020 yeroo duraaf morkii waancaaf akka dhiyaatu godha.

    Dorgommii kanarratti ammo yeroo dhumaaf kan xumuraaf gahanii turan bara saddeet dura.

    Cheelsiin milkaahee yoo darbe ammoo waggoota torba keessatti yeroo arfaffaaf tapha xumuraaf dhiyaata.

    Morkii kana dursee leenjisaa Mikeel Arteettaa yaada kenneen taphni itti aanu dhuguma murteessaadha.

    Xumuraaf gahuuf kana ammaa caala dhiyoo hin taanu. Kana milkeessuuf namoota hamileefi ofitti amanamummaa qaban barbaanna. Hundi keenya waliin taanee kana gochuu ni dandeenya jedheen amana jedhe.

    Leenjisaa haaraan jalqabbii gaarii agarsiisaa jiru Rooziniyeer gama isaan dorgommii kana mo’achuuf hiree guddaa kan qabu Arsenaalii jedheera. Goolii tokkoon nu caalu, dirreesaaniittis taphatu.

    Ni dabarra jedhanii amanu jedhe. Ammoo kana akka ta’utti hubanne hamma dandeenyu mara yaaluun boqonnaan booda qabxii jijjiiruuf murteessaa ta’a jedhe.

    Morkii har’a sa’aa shanitti eegalu irratti gama Arsenaaliin Mikeel Meriinoon sababa miidhamaan hin hirmaatu, Bukaayoo Saakaaniis shakkii keessa jira.

    Cheelsiif ammoo Eestivaawoon hin hiriiru. Arsenaal taphoota sagal darban dorgommii hundaan Cheelsii waliin taphate keessatti takkaawuu hin injifatamne. Jaha injifatee said qixxee bahe.

    Olaantummaan inni guddaan riikardii qabate garuu bara 1999-2004 gidduu yeroo 17 walittti dhufanii isa takkaahuu hin injifatamneedha.

  17. UAE'n Ameerikaa fi Iraan waliigaltee niwukilaraa akka taasisan akeekkachiiste

    Hoogganaa olaanaa Iraan Ayaatollaa Alii kaameenii, alaabaa biyyattiin marfamanii

    Madda suuraa, Reuters

    Biyyi jabduun Baha Giddugaleessaa kun US fi Iraan dafanii dhimma gabbisa niwukilaraa Iraan irratti waliigalteerra ga'uu akka qaban akeekkachiifte.

    Waliigalteen kun osoo mariin biyyoota Baha Giddugaleessaa fi michoota waliin yaadame hin eegalamin xumuramuu qabas jette.

    Baha giddugaleessaaf waraanni biraa akka hin barbaachisnes dhaamte UAE'n.

    Aanga'oonni US fi Iraan Wiixata akka Rooyitarsitti himanitti biyyoonni lameen Jimaata dhufu, Turkiitti walarguun dhimma niwukilaraa irratti ni mari'atu.

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp waliigalteerra hin ga'amu taanaan ''waan hamaatu mudata,'' jechuun akeekkachiise.

    US doonii waraanaa guddicha USS Abraham Lincoln jedhamu gara Iraanitti butuun tarkaanfii waraanaan doorsisaa turte.

    Biyyoota Galoo Galaanaa Arabaa keessatti humna guddaa kan qabduu fi michuu US kan taate Yunaayitid Arab Imireetis, dhimma niwukilaraa irratti waliigalteen waarawaa ta'e US fi Iraan gidduutti mallatteeffamuu qaba jette.

    Kora mootummootaa addunyaa Dubaayi keessatti gaggeeffamu World Governments Summit jedhamurratti gorsaan pirezidantii UAE Anwar Gargash akkas jechuun yaadasaa hirmaattotatti hime:

    ''Naannawaan kun rakkoowwan fi walitti bu'iinsa hamaa hedduu dabarseera. Waraana biraa nu hin barbaachisu. Iraan fi Ameerikaanis akka waliigalan barbaanna. Yeroo hunda qoccolloo akkanaa keessa jiraachuun sirrii miti.''

    Maddeen Iraan akka Rooyitarsitti himanitti Tiraamp mariitti deebi'uuf haaldureewwan sadi kaa'eera.

    Isaanis Iraan yuraaniyemii gabbistu zeeroorraan akka geessu, sagantaa misaa'elaa ishee akka xiqqeessitu ykn daangessituu fi hidhattoota naannawa sana jiran akka deeggaruu dhaabdudha.

    Haaldureewwan kunneen wayita dhihaatan Iraaniif haaraa miti. Garuu biyyattiin kun birmadummaa ishee sarbuu akka ta'etti ibsuun akka hin fudhanne ejjennooshee ibsiteetti.

    Garuu Iraan kan mariif hin dhiheessine gabbisa yuraaniyemii caalaa sagantaa misaa'elaa ishee ta'uu qondaalonni dureewwan amantiitti siqan Rooyitarsitti himaniiru.

    US Waxabajjii darbe wayita waraanni guyyoota 12f osoo adda hin citin Iraan fi Israa'el gidduutti gaggeeffamu Israa'el faana hiriiruun buufataalee niwukilaraa Iraan haleeluun barbadeessuu ibsitee turte.

    Iraanis hojiin gabbisa yuraaniyemii ishee dhaabbachuu ibsitee turte.

    Garuu suuraaleen saatalaayitii dhiheenya ba'an buufati Isfahan fi Natanz deebi'anii dandamachaa jiraachuu mul'isu.

  18. Tiraamp komeediyaaniin beekamaa Tireevar Nohaan itti qoosnaan nan himadha jedhe

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Tiraamp ‘’Nohaa qophaa’ii abukaatoo koon sitti erga,’’ ergaa qoosaan kee farra baata waan jedhu faakkatu, miidiyaa hawaasa dhuunfaa isaa Truth social irratti maxxanse.

    Sirna badhaasaa Giraamii weelisstoonni beekamoo Ameerikaafi kaan irratti argaman kan geggeesse Tireevar Nohaa waa’ee Tiraamp Maal jedhee qoose?

  19. Qabxiilee ijoo shan MM Abiy Ahimad paarlaamaatti dubbatan

    Ministira Muummee Abiy Ahimad

    Madda suuraa, PMO

    Ibsa waa'ee suuraa, Bulchaan Itoophiyaa yeroo duraaf Tiraampiif deebii kennan

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waraanni Ertiraa yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa badii garagaraa raawwachuun yeroo duraaf ifatti himatan.

    Dubbiin isaanii kuni yeroo hariiroon biyyoota lamaa hammaatee jirutti dhagahame.

  20. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balalii gara Tigraay deebisee eegale

    Xiyyaara Itoophiyaa

    Madda suuraa, Ethiopian Airlines

    Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaara Itoophiyaa

    Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa lola loltoota federaalaa fi humnoota naannoo Tigaayi gidduutti tibbana ka'e sodaa jedhuun torban darbe balalii gara magaalota naannoo Tigraay gara garaa keessatti taasisu adda kutee ture deebisee egaleera.

    Torbee darbe Amajjii 29, 2026 irraa eegalee balalii isaa gara Tigraayitti taasisu kan adda kute daandiin qilleensichaa Kiphxata har'aa irraa eegalee balalii gara Tigraay deebisee eegalun ibsameera.

    Wayita sanatti balallii isaa adda kutuu BBC'f mirkaneesse dhabbatichi, sababa kanaafi jedhee ibsuu baatus, rakkoo walitti bu'iinsa guyyotaaf naannoo daangaa Tigraay ture ta'uu gabaasaleen ba'aa turaniiru.

    Balalliin daandii qilleensichaa kan gara magaalota Maqalee ,Aksum, Shiree fi Humaraatti taasifamudha kan adda citee ture.