Donaald Tiraamp yaalii ajjeechaa irratti taasifamen madaa'an

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidantiin duraanii Ameerikaa Donaaldi Tiraamp duula na filadhaarra osoo jiranii yaaliin ajjeechaa irratti taasifame.
Bulchiinsa Peensilvaaniyaatti dhukaasni yaalii ajjeechaa irratti erga taasifameen booda battaluma waltajjiirraa akka bu'an taasifame.
Viidiyoon taate kana agarsiisu akka mul'isutti dhiigi gama gurra isaanii dhangala'aa ture, gurra isaanii mirgaas qabatanii ture. Ergasii dhukaasiin walitti fufinsaan dhagahameera.
Battaluma sana hojjettoota Tajaajila Tikaa Ameerikaan marfamanii gara konkolaataa eegaa jirutti geeffamaniiru. Yeroo gara konkolaataatti seenanis harka ol kaasanii agarsiisaa turan.
Miidiyaa hawaasaa isaanii Truth Social network, irratti kutaa gurra isaanii mirgaa ol-aanu rasaasni akka ure himan.
Dubbii himaan isaanii wiirtuu fayyaa naannootti wal'aanamaa jiraachuu himan.
''Battaluma sana rakkoon akka jiru bareera sagalee hursun dhagahe, achiin dhukaasa, yerooma sana rasaasni qaama koo yeroo miidhu natti dhagahame,'' jedhan Tiraamp.
''Dhiigni baay'een waan dhangala'eef yeroosin waan tahe bare.''
Yeroo hojjettoonni tikaa wal-tajjiirraa isaan ariifachiisan buusan gurraafi fuula isaanii irra dhiigni ni mul'ata ture.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yaalii ajjeechaa isaaniin namni shakkame achumatti hojjettoota Tajaajila Tikaa Ameerikaan ajjeefameera jedhan dubbii himaan dhaabbatichaa Antoonii Guuglileemii.
Namni biraa bira ture ajjeefamuufi lama immoo madaa'uu himaniiru.
Kanneen miidhaman sadeen dhiirota akka tahan dhaabbatichi beeksiseera.
Maddeen seera raawwachiisan miidiyaa BBC waliin hidhata qabu CBS'tti akka himanitti namichi haleellaa raawwate qawwee kan qabate yoo tahu bakka ol ka'aa meetira muraasa fagaaturraati dhukaase.
Dhaabbanni Qorannoo Federaalaa Ameerikaa FBI shakkamaa ajjeefame ''yeroof adda baasuu,'' himuun sababa haleellaa kanaa garuu hin mirkaneessinee jedhe.
Bakka bu'aan addaa dhaabbata kanaa Keeviin Roojeek haleellaa kana akka yaalii ajjeechaatti fudhannaa jedhan.
Shakkamaan waraqaa eenyummaa gatii hin qabneef eenyummaasaa adda baasuuf qoranno qaccee sanyii (DNA) taasisaa akka jiran himan.
Kaadhimamaan warra Rippaablikaanaa kuni yeroo dhukaasni itti banamu reef Peensilivaaniyaa iddoo Batilar jedhamuufi filannoo Sadaasa dhufuuf murteessaa tahetti reefu haasaa jalqabu ture.

Madda suuraa, REUTERS
Wanti Pirezidantii duraanii US qunname qaamoleen hawaasaa garagaraa balaaleeffachaa jiru
Mana isaanii Delaawaare irraa kan dubbatan Pirezidant Baayidan haleellaa raawwate balaaleeffataniiru.
‘’Hookkara akkanaaf Ameerikaa keessa bakki hin jiru,’’ jedhan. ‘’Namni hunduu balaaleeffachuu qaba.’’
Boodarra masaraan Waayit Haawus akka beeksisetti Pirezidant Baayidan gara Waashingitan Diisiitti deebi’u isaaniin dura Tiraamp waliin dubbataniiru.
Namoonni paartilee siyaasaa US lamaan keessa sosso’an taatee mudate balaaleeffataniiru.
Pirezidantiin duraanii US Baaraak Obaamaa ‘’dimookiraasii keenya keessa hokkarri siyaasaa bakka hin qabu,’’ jechuun himan.
Dabaluunis, ‘’Pirezidantiin duraanii Tiraamp miidhaan guddaa waan irra hin geenyef gammaduu,’’ ibsan.
Dureewwan UK, Jaappaan, Kanaadaa fa’i kanneen taatee mudateen rifaatuu ibsaniifi balaaleeffatan keessaati.
Pirezidantiin duraanii Donaald Tiraamp fi Pirezidant Baayidan paartii garaagaraa bakka bu’anii marsaa lammataaf pirezidantii US ta’uf wal morkataa jiru.












