Mannii Murtii Olaanaa US mirga himatamuu dhabuu Tiraamp deeggaree murteesse

Doonald Tiraamp

Madda suuraa, Reuters

Manni Murtii Olaanaa US himannaa yakkaa pirezidaantii duraanii Donaald Tiraamp irratti dhiyaatee ture irratti murtii kenne. Murtii kanaanis mirga himatamuu dhabuu pirezidaantii duraanii akka kabajamu taasiseera.

Manni murtichaa murtee kana fudhachuu akkuma beeksiseen Tiraamp miidiyaa hawaasaa kan dhuunfaa isaanii "Truth" jedhamurratti "heeraafi dimokiraasidhaaf injifannoo guddaadha" jechuun barreessan.

Dabaluunis, "Lammii Ameerikaa ta'uu kootti nan boona!" jedhan.

Pirezidaantin US Joo Baayidan gamasaanin manni murtii Tiraampif murteessuu isaatti baay'ee dheekkaman. Murteen kun "onaantummaa seeraa" tuffachuudha erga jedhanii booda lammiilee Amerikaafis "ergaa hin taane dabarsa" jedhan.

Manni Murtii Olaanaa US dhaddacha Wiixata, Adoolessa 1, taa'en Doonald Tiraamp "yeroo aangorra turan gochaawwan hojii mootummaan walqabate' ilaalchisee himata yakkaa irratti dhiyaaterraa mirga bilisa ta'uu akka qaban murteesse.

Haa ta'u garuu gochaawwan hojii pirezidaantummaan wal-qabataniin alatti yakki Tiraamp hojjatan yoo jiraate murteen mana murtichaa hin ilaallatu.

Dabalataanis murteen kun bu'aa filannoo bara 2020 Baayidan ittiin mo'atan garagalchuurratti Tiraamp hokkara kaasaniiru himannaa jedhu irratti dhiyaates yeroo biraa akka ilaalamu taasiseera.

Kuni ammoo Doonald Tiraam filannoo Ameerikaa ji'oota muraasan booda gaggeeffamu yaaddoo malee akka morkatan isaan taasisa.

Tiraampifi abukaatonnisaanii guutumaan guututti injifachuu baatanis murteen amma kenname kun hanga filannoon Sadaasa dhufu gaggeeffamutti himanniwwan yakkaa biroo akka harkifatu ta'uunsaa Tiraamp waan barbaadan galmaan gahuuf gahaadha.

Abbaan alangaa himannaa Tiraamp irratti dhiyaate gaggeessan Jaak Ismiizifi gareensaanii, murtee manni murtee laate itti fufanii falmuu yoo barbaaden galmee yakkaa sirnaan haaressanii dhiyeessu.

Gareen abbootii murtii Mana Murtii Olaanaa US sagalee kennaniin 6 fi 3 sagalee caalman Tiraampif muran.

Doonald Tiraamp aangoo pirezidaantummaa qabu tureen hojiiwwan mootummaa hojjate huda irratti himata irratti dhiyaate kamirraayuu mirga bilisa ta'uu akka qabu murteessaan abbootin murtii jahaan.

Filannoo bara 2020 wajjin wal-qabatee himannaa abbaan alangaa Jaak Ismiizifi gareensaanii Tiraamp irratti dhiiyeessan keessaa tokko, Itaanaa Pirezidaantii kan turan Maayik Peens akka Joo Baayidan filannoo mo'atan mirkaneessuu hin qabdu jechuun Tiraamp dhiibbaa irratti gaggeessaa turan kan jedhuudha.

Dubbii Tiraamp Amajjii 6, 2021 waa'ee bu'aa filannoo dubbatan irraa kan ak'e deeggartoonnisaanii masaraa mootummaa seenun hokkara kaasuu hordofee himanni irratti dhiyaates kufaa ta'uunsaa hin oolu jedhame.

Sababni isaa dubbii sana osoo pirezidaantummaarra jiranii dubbatan waan ta'eef.

Mormitoota Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Doonald Tiraamp fi gareensaanii murtee kanatti gammachuu yoo ibsatan, abbootin murtii sadi Tiraamp irratti akka murtaa'uf falmaa turan mormii qaban ibsataniiru.

"Pirezidaantin mootii seeran olii miti," jedhan abbaan murtii Sooniyaa Sotomeeyar.

Pirezidaantii duraanii US Doonald Tiraamp irratti himannaa yakkaa heddutu dhiyaate. Isaan keessaa tokko filannoon Ameerikaa burjaaja'eera jechuun kan Tiraamp falmaa turaniidha.

Manni Murtii Olaanaa biyyattii himannaa kana manni murtii sadarkaa gadii akka ilaaluf gadi ergee jira.

Tiraamp filannoo Sadaasa dhufu gaggeeffamu kan injifatan yoo ta'e, abbootin seeraa isaan biiroo haqaatti muudan himannicha guutummaan haquu danda'u jechuudha.