Falmii Pirezidaantummaa jalqabaa irratti Joo Baayiden dubbii Tiraampi ofirraa qolachuuf rakkatan

Joo Baayidenii fi Tiraampi falmii jalqabaa gaggeessan

Madda suuraa, Getty Images

Falmii pirezidaantummaa Kamisa galgalaa dura lammiileen Ameerikaa hedduu umurii fi gahumsa qaamaa Joo Baayiden irratti yaaddoo qabu ture.

Pirezidaantichis falmii kana irratti aannisa xiqqaan argaman, dubbii isaan irratti ka'e ofirraa qolachuufis hedduu yoo rakkatan argamaniiru.

Dubbiin isaanii ifa miti. Callisanii dubbii xeebaa turan. Falmii kana gidduutti gareen duula filannoo Joo Baayiden pirezidaantichi utaalloon qabamanii rakkataa turan jedhan.

Kanaaf sagalee isaanii baasanii dubbachuuf rakkataa turan jedhan. Garuu kun waan akka sababaatti dhiyaate fakkaata.

Daqiiqota 90'f Baayiden funyoorra deemaa turan. Akkuma dubbii isaanii jalqabaniin toora irraa maqan. Deebiin isaanii waan hiika qabu hin fakkaatu.

Dhumarratti sagantaa fayyaa jaarrolee mootummaan gaggeessu ''mo'anneerra'' jechuun waan dubbii falmii isaanii waliin wal hin qabanne dubbachuun xumuran.

Daarikterri Komunikeeshinii duraaniiJoo Baayiden Keetii Bedingifildi CNN irratti dhiyaachuun ''falmii kana irratti waan karaan lama ibsamu hin jiru. Kun Joo Baayideniif falmii gaarii hin miti'' jette.

Dhimmi isaaf murteessaa ture aannisaa fi gahumsa qaamaa gaarii irra jiraachuu isaa agarsiisuu ture. Kana ammoo hin goone jechuun ibsite.

Akkuma falmichi ho'aa deemeen Joo Baayiden dubbii jajjabduu Tiraampiin aarsan dubbachuu jalqaban. Kaan isaanii haala gaariin galma barbaadaniif oolaniiru. Kaan ammoo Tiraampiin aarsuun akka deebii hamaa tahe Joo Baayiden irratti dubbatu taasisaniiru.

Isaan keessaa tokko baayiden ''ani taatoo fiilmii poornoogiraafii wlaiin qunnamtii saalaa hin goone'' jechuun Tiraampiin tuqan.

Mata duree falmii isaanii keessaa CNN kan kaase dhimma godaansaa fi dinagdeeti. As irratti lammiileen Ameerikaa Joo baayiden caalaa Tiraampiin amanu jedhama.

''Joo Baayiden dhumarratti waan jedhaniyyuu ifa hin turre. Waan guddaas waan dubbate miti,'' jette Keetiin.

Tiraampi ammoo deebii Baayiden hordofuun dubbii miila jalaa fuudhu dubbatan. Falmichi kanaan goolabame.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tiraampi falmii kana irratti naamusa gaariin dhiyaate. Isa dur falmi gidduutti jeeqaniifi dubbii addaan kutuun beekaman dhiisaniiru.

Falmii bara 2020 irratti dubbii Baayiden gidduu galanii dubbachuu fi jeequun naamusa badaa kan agarsiisan Tiraampi falmii kana irratti garuu tasgabbii fi naamusa gaariin irraa mul'ateera.

Baayiden falmii kana irratti ragaan deeggaruun waan Tiraampiin harka kennachiisu hedduu hin dubbanne. Fakkeenyaaf dhimmi ulfa baasuu yoo ka'u Tiraampi warri Dimokiraatotaa ulfa baasuu erga daa'imni dhalatee deeggaru jechuun karaa dogogora taheen ibsaniin.

Dhimmi ulfa baasuu kun warra Rippaabilikaanotaa fi Tiraampiif bakka dadhabbii isaaniiti ejdhama.

Baayiden garuu carraa kanatti fayyadamuun dubbii jabaa dubbachuun Tiraampiin qabxii gachiisuu hin dandeenye.

Seenaa filannoo Ameerikaa keessatti falmii inni kun isa dafee jalqabedha. Sababni isaa ammoo warri Dimokiratotaa Tiraampi irratti yeroodhaan xiyyeeffachuu waan barbaadaniifidha.

Kan lammataa ammoo addhabina Baayiden mudachuu malu yeroo dheeraa qaban kana keessatti sirreeffachuuf waan isaan gargaaruufi.

Dabalataan yeroo filannoo jeequmsa Tiraampi kaasaa ture lammiileen biyyattii akka yaadatan gochuu barbaadu. Garuu falmii kana booda lammiileen Ameerikaa rakkinoota Tiraampi biyyattii keessatti uume osoo hin taane dadhabina Baayiden falmii kana irratti agarsiisan odeessaa jiru.