Tiraamp, Baayidan waliin 'yeroo inni fedhetti' TV gubbaatti falmuu akka barbaadu ibse

Doolnaald Tiraamppifi Joo Baayidan

Madda suuraa, Getty Images

Doonaald Tiraamp, pireezidantii US Joo Baayidan kan ji'oota booda marsaa lammataa Pireezidantummaaf dorgoman waliin TV gubbaatti walfalmuu akka barbadu ibse.

Morkataan pireezidantummaa warra Rippaablikaanii marroo tokkoof pireezidantii ture, Doonaald Tiraamp, masaaraa isa adiitti deebi'uuf duulaa jira.

Tiraamp, pireezidantii warra Demokraatotaa Baayidan waliin TV gubbaatti dhimmoota ijoorratti kallattiin muggutuun barbaadaa jedheera.

Sanuu ''yeroo kamittuu, iddoo kamittuu, bakka kamittuu'' jechuun miidiyaa hawaasaa gubbaatti maxxanse.

Gareen duula filannoo pireezidant Baayidan ammoo Tiraamp ''xiyyeeffannaa dheebotee, waltajjii argachuuf dhama'aa jira'' jedheera.

Filannoo pireezidantii Ameerikaa Sadaasa dhufu gaggeefamuuf ammatti falmiin TV kallattiin gaggeefamuuf qabame hin jiru.

Tiraamp morkataasaaf gaaffii ''wal haa muggutnuu'' kan dhiyeesse morakattuun paartiisaatii Niikii Haaleey dorgommii keessaa of baasuu erga beeksiftee booda.

''Dhimmoota Ameerikaafi uummata Ameerikaaf barbaachisoo ta'an gubbaatti Joo Baayidaniifi ani muggutuun gaarummaa biyya keenyaaf barbaachisaadha'' jechuun Tiraamp miidiyaa hawaasaa kan ofii, Tiruuz Sooshaal jedhamurratti maxxanse.

Dabaluun muggutiin (falmiin) kun qaamota waggoota 30 darbaniif falmii hogganaa turan akka Komishiin falmii pireezidantummaa ykn Koree Biyyaalessaa Dimookraataan akka qophaayu ibse.

Tiraamp komishiniin falmii pireezidantii walaba jedhamuus loogii paartii Dimookraatotaa akka qabu himata.

Maanguddoon ganna 77 Tiraamp, morkataansaa gannaa 81, Baayidan duulloomee waan dagatuuf danda'ee hin falmuu jedhe. Baayidan gama isaaniin rakkoo daguufi dullumaa kan qabu Tiraamp ta'uu dubbatan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirees Sekireetariin Waayit Haawus Bayidan yoo falmii kanaaf tole jechuu didan duula filannoo isaaniirratti dhiibbaa ni qabaataa jedhamtee yoo gaafatamtu, garee duula filannoo qindeessu akka gaafatan deebii laatte.

Gareen duula filannoo Baayidan hanga ammaa pireezidantichi Tiraamp waliin falmii gaggeessuuf karoorri qabamuufi dhabuu hin ibsine. Ammoo warri Rippaablikaanii marti haasaa Isteet of za Yuuniyeen jedhamu Kamisa galgala godhamu akka hordofan dhaaman.

''Tiraamp pireezidanticha arguuf yoo ariifate Kamisa akkuma namoota miiliyoonaan lakkaawwaman biroo haasaa pireezidantichaa haa hordofuu'' jedhe daayireektarri kominikeeshinii duula filannoo Baayidan Maayikil Teeler.

Tiraamp gama isaan haasaa Koongireesii Ameerikaaf Baayidan dhiyeessan hordofee jala jalaan sirreefama akka kennu beeksise.

Tiraamp mataan isaa morkataasaa partii Rippaablikaanii waliin falmii TVf tole jechuu dhiisuun qeeqamaa ture.

Ammoo falmiin sun kan bu'aa qabuuf waan hin taaneef akka dhiise beeksise. Booda Tiraamp morkataasaa kana injifateera.

Tiraampiifi Baayidan filannoo bara 2020 irratti yeroo lama walfalmaniiru.