Pirezidaantiin duraanii US, Donaald Tiraamp maaliif caalaa jaalatamaa dhufan

Madda suuraa, Getty Images
Tiraamp deebii’anii dhufaa jiru waan ta’eef jaaladhaanii ykn jibbaa.
Pirezadantiin duraanii Ameerikaa Donaaldi Tiraamp kaadhidhamaa pirezidaantummaa Riippablikaanootaa bara 2024 ta’usaa sagalee olaanaa Ayowaatti argataniin mirkaneessaniiru.
Innis ammuma himatamuu leellistoota isaanii biratti jaalatamaa dhufuun sagalee olaanaa argateera.
Kan gara Waayit Haawositti deebii’anii imalaa jiran fakkaatu. Keessttuu Riippablikaanoota biratti yeroo kamuu caalaa jaalatamaa ta’aa dhufan.
Walumaa galatti Tiraamp himannaawwan 91 irratti dhiyaateera. Garuu ammuma mana murtiitti dhiyaateen jaalatamummaansaa dabalaa adeemaa kan jiru fakkaata.
Ammaan tanas Tiraamp deebiisanii pirezidantii ta’u akka hin oollee hedduun shakkaa jira.
Dhiheenya kenniinsi sagalee kaadhiidhamaa paartii filachuuf bulchiinsa Ayowaatti kenname imala Tiraamp gara Waayiti Hawuus kan akeekuu fakkaata.
Innis sagalee 56,200 argate. Kaadhidhamaan Filoriidaa, Roon Deesaantiis sagalee Tiraampii dachaan gadi.
Kana malees miti. Osoo sagaleen Ambaasaadar Niik Heelii, dargaggeessi biiliyeenarri Viiviik Raamaswaamii, jaalleen Tiraampi duraaniifi dorgommaan ammaa Kiriis Kiriistii fi dorgomtoonni kaan argatan walitti kan Tiraamp argate hin caalu.
Kun yoo ilaalamu, filannoof ganaa baatiiwwan 10 hafulleen, Tiraamp carraan pirezidantii Ameerikaa 60ffaaf ta’uf qabu olaanaa fakkaata.
Ofii dhimi Tiraampi riippablikaanoota biratti jaalatamaa taasise maali?
Diinagdee

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qaala’insii gatii boba’aa dhimma ijoo filatoota riippablikaanootaati. Erga inni aangorraa bu’een booda boba’aan qaalii ta’e Ameerikaatti, jedhu deeggartoonnii fi qeeqxoonni Tiraampi.
‘‘Tiraampi keenya yoo dhufe diinagdeen ol, boba’aa gadi’’ jedha jedhanii abdatu.
Dhugaattis Tiraampi wayita aangoorra turaniitti diinagdeen biyyatti gaarii ture. Akkasumas bara aangoo Obaamaattileen caalaa diinagdeen gaarii ture.
Diinagdeen bara Tiraamp kan Covidin jeeqame ture.
Bara aangoo Baayidaniitti ammo waraanni Yukireen gatii boba’aa burjeejesseera. Qaala’insi diinagdees sadarkaa seenaa wagga 40 keessatti argame hin beekne irra gahe.
Amma gatiin Ameerikaatti tasgabbaa’aa jira. Diinagdeenis kan bara darbeerra barana fooyyee qaba.
Wanti baayyeen akka deeggartoonni Tiraamp odeessisan miti.
Ji’a ji’aanis carraan hojii kumaatamaan lakkaa’amu umamaa jira. Deeggartoonni Tiraamp garuu, Ameerikaafi diinagdeenshee kan cimu Tiraampi aangoo yoo qabate qofaadha jedhu.
Tiraamp ‘si’omaa’ v Joo Baayidan ‘mugaa’

Madda suuraa, Getty Images
Deeggaraan Tiraampi, Biilii Bilaatiraas Tiraamp kan tuffii qabuufi cimaadha jedhu. Humna sana gara Waayiti Hawusiitti deebiisuu barbaadna jedhu baayyeen.
Joo umuriin itti cimaa jira. Harka hin kennu jedhanis darbii irratti irra dedeebiin gufatanii rakkatu. Taateen kunis maqaafi beekkamtii isaaniirratti dhiibbaa umeera.
Tiraamp yeroo hunda Joo irratti qoosuu jaalatu. Kanaanis deeggartota isaa ni bohaarsa. Haata’u malee garaagarummaan umurii lamaan isaanii jidduu jiru guddaa kan jedhamu miti. Ta’us Tiraamp kaameeraa fulduratti gufatanii hin beekan.
Deeggartoonni tokko tokko ammoo Ameerikaan durfamu kan qabdu nama bizinasiitiin malee nama siyaasaatiin ta’u hin qabu jedhu. Tiraamp bizinasii keessa turuunsaafi beekamtii miidiyaa argachunsaa sagalee ta’efiira.
Tiraamp haasaa isaatiinxinxala siyaasaa wal xaxaa hin beeku. Haasaan isaa nama hin baranneefilleen kann akka salphaatti galuudha. Diinasaanii dubbiin waraanuu waan baayyisaniif, baayyee namaa bohaarsuu, carraa ummata baayyeen dhagahamu kenneefiira.
Joo Baayidan gama kanaan kennaa hin qabu. Yaa’ii Jijjirama qilleensaa COP26 irratti wayita mugan kaameerran ija ira buufatee ture. Erga sanaa boda Tiraampiifi eeggartoonni isaa kan kolfaa taasisaniiru. Maqaa masoo ‘Joo mugaa’ jedhu yeroo sanaa kaasee hanga ammaatti jira.
Godaantootaafi jecha balaafamaa Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images
Filannoo bara kanaarratti dhimmi godaantootaa kan qabxii falmii ta’u hin fakkaatu.
Daangaa kibba Teeksaasiin jidduugalaan guyyaatti godaantoota kuma 10tu gara Ameerikaa seena.
Kunis lammiilee Ameerikaa hedduu aarseera. Tiraamp dhimmichi kana arse haa fakkaatu malee, taatee sagalee argachuu kan mijeesseef ta’efiira.
Bulchaan Teeksaas Awutobisii dhiyeessuudhaan godaantoota gara bulchiinsoota dimokiraatootaatti gaggeessu. Niiw Yoork dhimmichi dandeettii koon ol, mootummaan federaalaa nah aa gargaaru jechuu erga eegalte bubuleera.
Joo Baayidan godaantootarratti harkiifannaan agarsiisan gatii isaan baasiisaa jira.
Tiraamp gamasaatiin biyyi keenya ‘dirree hattoota-saamtootaa fi wanbadee taatee jirti’ jechuun dubbatan.
Akkasumas ‘godaantoonni dhiiga biyya keenyaa faalan’ jedhanii ture. Haasaan isaa kunis namoota baayyee naasisee ture.
Dhimmoota amma Tiraamp deeggartootasaaf waadaa galaa jiru keessaa tokko dhimma godaantotaarratti xiyyeeffachuudha.
Na filadhaa malee seenaa Ameeriikaa keessatti haala argamee hin beekamneen godaantoota gara biyya keenya keessa galan miliyoonota dugugeen baasa, gara dhufaniittan deebiisa iedhan.
Deeggarsa cimaa dargaggoota Ameerikaa
Qorannoo Niiw York Taayims taasiseen, Tiraampi dargaggoota keessattuu kanneen umuriinsaanii wagga 18-29 ta’een jaalatamaa ta’era.
Filannoo bara 2020tti jaalattoota Joo Baayidan turan. Kan maaltu jijjiree kan jedhu qoratamu barbaachisa.
Tilmaami tokko garuu Joo Baayidan haala waraanaa Israa’el-Gaazaa ittiin qabaniidha.
Tilmaamni gara biraa ammo, haala Tiraampi waltajjiiwwan irratti haasaa itti taasisaniidha. Hawwannaan haasaan Tiraamp kan Joo Baayidaniin adda.
Baayyina himanaatiin jaalatamu

Madda suuraa, Getty Images
Tiraampi yeroo afuriif yakkaan himatameera. Ganaas beelamawwan mana murti hedduutu isa eeggata.
Kana mana ajaa’ibsiisu garuu himatamee mana murtiitti wayita dhuyaatu hundi lakkoofsi leelliftoota isaa dabalaa dhufuusaati.
Tiraamp Niiw Yoorki, Joorjiyaa, Filoriidaa, Maanhaataan, Waashingitaniitti galmeen himannaa irratti kurameera.
Amma gaaffiin baayyee himannaawwan kunnee Tiraamp Waayit Hawus irraa ni danquu laata kan jedhuudha.
Kanarratti murteen mana murti waliigala Ameeriikaa kan eeggamu ta’a. Tiraamp shakkamaa yakkaa ta’anii suuraan buufata poolisiitti ka’an madda galii ta’eera.
Seenaa Ameerikaa keessatti kan akkanaa argame hin beekamu. Namni siyaasaa himannaan irratti baname rakkoo keessa gala malee jaalatamaa hin adeemu. Kan Tiraamp garuu adda.
Firaank Laansi oggeessa raaguu siyaasaati. BBCtti wayita dubbataniittis, ‘‘Tiraamp taatee hamaa gara gaariitti geeddaru danda’eera. Himannichi kan dimokiraatotaan qindaa’e akka ta’e deeggartoota isaa waan amansiiseef milkaa’efiira’’ jedhan.
‘‘Ammuma himatamun deeggarsi isaa itti caalaa dhufa. Bulchiinsoota Maayin fi Kiloraadootti maqaasaa bakka sagalee kenniinsaatii haqanis deeggartoonnisaa caalaa dabalan. Haalli akkasi seenaa Ameerikaa keessatti agare hin beeknu’’ jedhan.
Amma Tiraamp kaadhimamaa riippablikaan ta’uf bulchiinsa Ayiwaa keessatti injifannoon galmeesan torban dhufaatti Niiw Haampishaayariitti irra deebii’utu irraa eegama.
Ambaasadar Niikii Heelii deeggartoota isheetiif ‘‘Ameerikaadhaaf waan walfakkaataan dabalaan hin barbaachisu’’ jechuun duula gaggeessaa jiru. Tiraamp Joo Baayidan kan dullooman waan ta’aniif ana filadhaa jechaa jiru.
Deesaantiis ta’e Ambaasaadar Niikii Heelii, lamaanu Tiraamp kufiisuu kan danda’an hin fakkaatan.












