Deeggartootni Tiraamp suuraa sobaa AI hojjechuun gurraachota US irratti xiyyeeffatan

Suuraa sobaa AI hojjetame

Madda suuraa, AI-GENERATED IMAGE

Deeggartootni Doonaald Tiraamp suuraa sobaa gurraachota Ameerikaa AI [Artifishaal Intelejensii] hojjetame qooduun gurrachotni Ameerikaa akka paartii Rippaabilikaanotaa filatan jajjabeessaa jiru.

BBC Paanaroomaan suuraa sobaa dhugaa fakkeeffamee hojjetame hedduu gurraachotni Ameerikaa akka Tiraampiin deeggaran agarsiisu qoodamuu bira gaheera.

Filannoo bara 2020 irratti gurraachotni Ameerikaa sagalee isaanii Joo Baayideniif kennuun injifannoo isaaf murteessaa turan.

Tiraampi amma saglee isaanii argachuuf gurraachota Ameerikaa irratti xiyyeeffataniiru.

Garuu suuraalee kunneen kallattiin duula Tiraampi gaggeessan waliin walitti hidhachuu isaanii ragaan agarsiisu hin jiru.

Hundeessitoota ‘Black Voters Matter’ keessaa tokko suuraan fakkeeffamee hojjetame kun Doonaaldi Tiraamp hawwaasa gurraacha Ameerikaa biratti fudhatama qaba jechuuf yaadameeti jedhe.

‘Black Voters Matter’ akka lammiileen gurraacha Ameerikaa filannoo irratti sagalee isaanii kennan kan jajjabeessudha.Warra suuraa kana hojjetan keessaa tokko BBCtti akkas jedhee hime. ‘’Suuraan kun dhugaadha jechaa hin jiru.

Filannoo pirezidaantummaa Ameerikaa dursuun suuraaleen sobaa Artifishaal Intelejensiin fakkeeffamuun hojjetaman kunneen odeeffannoo uummata dogogorsan amma baay’inaan mul’ataa jiran keessaati.

Waan amma filannoo Ameerikaa ilaalchisee deemaa jiru akka kan bara 2016 yeroo gidduugaltummaan biyya alaa keessa jira jedhamee sana miti.

Amma suuraan AI hojjetamuun qoodamaa jiru kun lammiileedhuma Ameerikaan kan tahaa jirudha.

Isaan keessaa tokko garee Maarki Kaayee yoo tahan Filooridaa keessaa sagantaa raadiyoo qabu.

Suuraa isaan hojjechuun qoodan keessaa tokko kan Tiraamp dubartoota gurraacha Ameerikaa hammachuun seequ agarsiisudha.

Suuraan kun fuula Feesbuukii Maark Kaayee irratti kan qoodame yoo tahu hordoftoota miliyoona tokkoo ol qaba.

Warra suuraa kana hojjetan keessaa tokko BBCtti akkas jedhee hime. ‘’Suuraan kun dhugaadha jechaa hin jiru.''

Suuraa sobaa AI hojjetame

Madda suuraa, AI-GENERATED IMAGE

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Filannoo pirezidaantummaa Ameerikaa dursuun suuraaleen sobaa Artifishaal Intelejensiin fakkeeffamuun hojjetaman odeeffannoo uummata dogogorsan amma baay’inaan mul’ataa jiran keessaati.

Waan amma filannoo Ameerikaa ilaalchisee deemaa jiru akka kan bara 2016 yeroo gidduugaltummaan biyya alaa keessa jira jedhamee sana miti.

Amma suuraan AI hojjetamuun qoodamaa jiru kun lammiileedhuma Ameerikaan kan tahaa jirudha.

Isaan keessaa tokko garee Maarki Kaayee yoo tahan Filooridaa keessaa sagantaa raadiyoo qabu.

Suuraa isaan hojjechuun qoodan keessaa tokko kan Tiraamp dubartoota gurraacha Ameerikaa hammachuun seequ agarsiisudha.

Suuraan kun fuula Feesbuukii Maark Kaayee irratti kan qoodame yoo tahu hordoftoota miliyoona tokkoo ol qaba.

Jalqabarra namuu dhuugaa sehe. Garuu yoo sirriitti ilaalamu suuraa sun xiqqoo ifti itti baay’achuun calaqiisa, isa malee ammo quba isaaniirra qeensi hin mul’atu. Kun ammo hojii AI tahuu agarsiisa.

Maark kaayee ani ogeessa suuraa miti. An nama odeeffannoo dabarsu jechuun istuudiyoo isaarraa BBCtti dubbate.

Barreeffama guraachotni Ameerikaa Tiraamp deeggaruu himu suuraa kana waliin maxxanse.

Namoonni kunneen hundinuu pirezidaantii duraanii Tiraampiin deeggaru jechuun.

Namoonni hedduun suuraa sana jalatti yaada kennan dhugaa sehan.

‘‘Ani amma suuraan kun dhugaadha jechaa hin jiru. Kaniin jechaa jiru, ‘Hey, ilaalaa, Tiraampi gurraachota Afrikaa Ameerikaa waliin sagantaa kanarra jira jechaan jira. Ilaalaa! Hammam akka isa jaallatan!’’ jedhe.

‘‘Namni tokko karaa kamiinuu suuraa kana ilaalee yoo sagalee isaa kenne rakkoon kanuma nama sanaati malee kan suuraa kanaa miti.’’

Suuraa biraan akka malee qoodame ammoo kanuma AI hojjetame yeroo Tiraamp gurraachota Ameerikaa filannoof bahan waliin ka’anidha.

Suuraan kun Tiraampi jarreen kanneen waliin ka’uuf jecha konkolaataa isaa dhaabe kan jedhu sobaan itti dabalamee barreeffamuun erga qoodamee hedduu ilaalame.

Nama akkaawontii isaa maqaa Shaggy jedhu suuricha maxxanse yoo qorannu deeggaraa Tiraamp Mishigaan jiraatu tahuu eera.

Ergaa karaa miidiyaa hawaasaa BBC’f ergeen ‘’suuraan maxxanse namoota kumaatama hedduu Kiristaana tahaniin jaalatameera’’ jedhe.

Suuraan inni maxxanse namoota miliyoona 1.3 tahuun ilaalameera. Garuu suurichi AI kaafamee jedhee BBC Paanaromaa yoo gaafatu ofirraa cufe ykn bilook godhe.

Ji’a Amajjii darbe keessa pirezidaanti Joo Baayiden mataan isaanii hojii AI Kanaan miidhamaniiru. Sagaleen kan Joo Baayiden fakkeefamuun waraabamee darbe filattootni Niw Haampshaayir bakka inni dorgomaa turee akka sagalee kennuu dhiisan hime.

Kana raawwachuu kana mane deeggaraan Paartii Dimokiraatotaa tokko teeknoloojiin hammam akka miidhaa geesisuu danda’u agarsiisuuf tahuu hime.

Filannoo Ameerikaa dhufaa jiru irratti gurraachotni Ameerikaa xiyyeeffannoo keessa galfamaniiru.