Saayintistiin AI beekamtuun dhalattuu Itoophiyaa taate Timniit Gabruu Google irraa ari'amuu himte

Bara 2018 akkaataa Google qabiinsa dubartootaa mormuun hojjettoonni dhaabbatichaa mormi bahaniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bara 2018 akkaataa Google qabiinsa dubartootaa mormuun hojjettoonni dhaabbatichaa mormi bahaniiru

Qorattuun dhalattuu Itoophiyaa qorannoo hubannoo nam-tolchee (AI) beekamtuu taate Google irraa ari'amuu himte.

Hojjettoonni Google dhiibbaan lakkaa'aman sababa isheen hojiirraa ari'amte baruuf hogantoota dhaabbatichaatti xalayaa barreessaniiru. Hojjettonni kunneen bulchiinsi dhaabbatichaa ''sanyummaaf'' kan saaxilamedha jechuun ''haaloo itti bahuuf'' hojiirraa ishee ari'ani jechuun himatu. Kunis, qorannoon ishee hubannoo nam - tolchee (Artificial Intelligence) irratti hojjetteen hojiirra oolmaa sooftiweerichaa waan qeeqxeefi.

Hoggantoota garee hubannoo nam-tolchee (Artificial Intelligence (AI)) keessaa tokko kan taateefi loogummaa sanyii qaba jechuun softiweeriin fuula adda baasu akka hojiirra hin oolle gaafatte Timniit Gabruu (PhD) sababa imeelii hojjettootaaf ergiteen ari'amu beeksifte.

Gama kaaniin, eejansiin federaalaa US dhaabbanni Google hojjettoonni waldaan ijaaramuuf yaalan jennaan seeraan ala ari'aa jira jechuun himeera.

Himannaa Boordiin Biyyaalessaa Walitti dhufeenya Dafqaan Bultootaa (NLRB)'n dhaabbata Google iratti baname dhaabbatichi hojjettoonni waldaan ijaaramuuf sochii taasisnaan seeraan ala isaan hordofan akkasumas gaafatan jechuun himata.

Dhaabbanni Google nageenya daataa cabsuun akka ari'aman ibsuus NLRB garuu kanneen waldaan ijaaramuf socho'an irratti raawwate jedha.

Google garuu wanta seeraan ala ta'e hin dalagne jechuun falma.

Timniit maaltu qunname?

Oduun himannaa eejansii NLRB gaafa miseensi garee hoggantoota hubannoo nam-tolchee (AI) qoratan keessaa tokko taate Google'dhaan ari'amu himte dhagahame.

Akka isheen tiwiitara gubbaa barreessiteetti (Afaan ingliziitti geessa) imeelii ''Biriyaan Wooman fi michuu isaanii (garee keessoo dhaabbata Google) waan ergiteef'' akka ari'amte himte.

Imeeliin dhaabbatichatti itti fayyadamtu waan duraa cufameef waan barreesiste qooduu akka hin dandeenye ibsiteetti.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Garuu, dhaabbatichi ergaan isheen ergiteen akka qeeqamte itti himu beeksiste.

''Imeelii kaleessa galgala hojjettoota bulchiinsa keessa qooda hin qabneef ergite amala hooggansa Google waliin hin deemu,'' jechuun dhaabbatichi akka itti erge himte.

Dabalataan dhaabbatichi hojii akka dhaabdu osoo hin gaafatin akka ishee kaasellee himte.

Oduun isheen ari'amun erga dhagahamee booda injinaroota soft weeriifi kanneen naamusa AI hordofan biratti mufii kaasera. Kunis, Timniit qorattuu kabajamtu waan taatefidha.

Timniit qorannoo bara 2018 qorataa Inistitiyuuti Teekinolojii Masaachustets (MIT) tokko waliin dalagdeen softiweeriin AI fuula adda baasu dubartoota fuula magaala qaban irratti adda baasun isa rakkisa. Kunis, daataa beeziin jalqaba itti tolfame dhiirota adii irratti jechuun ibsite.

Saayintistiin qorannoo hubannoo nam - tolchee (AI) Timnit Gabruu (PhD) softiweerin fuula adda baasu akka hojiirra hin oolle gaafatteetti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Saayintistiin qorannoo hubannoo nam - tolchee (AI) Timnit Gabruu (PhD) softiweerin fuula adda baasu akka hojiirra hin oolle gaafatteetti

Jalqaba bara 2020 turtii gaazexaa Niiw Yoork Taayims waliin taasisteen softiweeriin fuula adda baasu hojiirra ooluu akka hin qabnu himte.

Kaan maaliif ari'aman?

Eejansiin US komii hojjettoota afur waggaa darbe Sadaasa bara 2019 ari'amanfi maqaa ''Thanks giving four'' itti moggaafame irratti xiyyeeffata.

Dhaabbati Google qajeelfama nageenyaa cabsuun akka ari'aman ibse. Hojjettonni immoo waa'ee imaammata dhaabbatichaa ''ifatti baasuu'' isaaniin ari'amu himatu.

Himannaa NLRB'f Google deebii kenneen ''yeroo hundaa marii keessoo jajjabeessaa'' akka ture hime.

NLRB garuu Google hojjettoota waa'ee waldaa hojjettootaa ijaaruuf socho'an irratti xiyyeeffate jedha.

Google maal dalage?

Hojjettoota lama waan raawwaten himannaan baname hojjettoonni wantoota waldaatti ijaaramu waliin walqabatee kaalandarii hojjettootaafi kutaa walgahii fayyadamu isaanii ibsa.

Google kana booda hojjettoota ''gaafate'' jedha eejansichi. Eejansichi NLRB wanti hojjettoonni dalagan qajeelfamoota dafqaan bultootaa jalatti kan bu'uura seeraa qabudha jedha.

Dabalataan, dhaabbatichi hojjettoonni dhimma yoo qabaatan karaa offishiyaala ta'e qofaan akka furmataa argatu akka socho'an jechuun ''doorsise''.

Himannaan dhaabbaticha irratti baname kunis Google pirezenteeshinii hojjettootaa fudhachuu ibsa.

Sadaasa 2019'tti Google yoo hojiif ta'e malee hojjettoonni biraa kaalandarii hojjettootaa akka hin agarre qajeelfama dhorksu baase.

Kunis, akka isaan hin ''ijaaramne'' danquufi jedha NLRB.

Hojjettoota dhaabbatichaa himata baname keessa maqaan ishee kan dhahame Laawurense Bernaald ''hojjettoonni dhimma naamusaa, loogiifi kaan irratti dubbatan akka duraanii dhaabbatichi isaan isan hin ilaalu,'' jetti.

Himannaa irratti banamef deebii akka kennuf Google'f torban lama kennameera. Ebla keessas ragaan dhagahamuu eegala jedhameera.