Dhaabbileen tekinooloojii gurguddoo du'aatii ijoollee DR Koongoo Kobaaltii baasaniif himataman

Miner

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, DR Koongoo keessatti mala aadaan albuuda yeroo baasan

Dhaabbileen tekinooloojii gurguddoo addunyaa kanaa Apple, Google, Telsa fi Microsoft du'aatiifi miidhama daa'imman Dimookiraatawaa Rippaabilika Koongootti albuuda baasuun walqabatee uumameen himataman keessatti tarreeffamu.

Himannaan kun kan dhiyaates Jaarmiyaa Mirgoota Namoomaaf Falmanin bakka bu'ummaa maatiiwwan Koongoo keessatti argaman 14 fudhachuun.

Falmitoonni mirgoota namoomaa kunis dhaabbileen tekinooloojii gurguddoo kun oomisha isaanii keessatti Koobaaltiin akka faayidaarra ooolu ni beeku; albuuda kana baasuuf ammoo humna daa'immaniitti akka malee fayyadamuu jechuun kan himatan.

Dimookiraatawaa Rippaabilika Koongoo albuuda Koobaaltii addunyaaf dhiyaatu keessaa %60 ni dhiyeessiti.

Albuudi kun ammoo baatirii lithium-ion jedhamu konkolaataawwan humna ibsaan hojjetan, laaptooppiifi bilbilawwan keessati gargaaramuuf oola.

Haata'u malee, adeemsi albuuda kana baasuu seer-maleessa, sarbamuu mirgoota namoomaafi malaammaltummaatiin kan walxaxedha yaaddoo jedhutu jira.

Himannaan US keessatti baname kun akka jedhutti kaampaanonni tekinooloojii albuudni Koobaaltii isaan oomisha isaanii keessatti fayyadaman humna daa'imaa akka malee fayyadamuu waliin walqabachuu isaa "addatti ni beeku".

Kaampaanonni tekinoolojii kun toora ittiin isaaniif dhiyaatu to'achuu dhiisanii karaa hin malleen dafqa ijoollee saamuun bu'aa saaammachaa jiru jedhan.

Dimokiraatawaa Rippabilika Koongoo albuuda Kobaaltii addunyaaf dhiyaatu keessaa %60 ni dhiyeessiti.

Madda suuraa, AFP/Getty

Ibsa waa'ee suuraa, Dimokiraatawaa Rippabilika Koongoo albuuda Kobaaltii addunyaaf dhiyaatu keessaa %60 ni dhiyeessiti.

Kaampaanonni biroon himannaa kana keessatti tarreeffamanii jiran dhaabbata koompiitera omishu kan akka Dell fi kaampaaniiwwan albuuda baasan Zhejiang Huayou Kobaaltiifi Glencore, maatiiwwan warra Koongoo lafa albuudni kun irraa bahudha.

Maatiiwwan Koongoo bakka albuudicha irraa ba'u qabatan kun ijoollee keenya itti bobbaafnee hojjechiifna jechuunis ni dubbatu.

Dhaabbanni Glencore jedhamu ibsa gaazexaa UK Telegiraamiif kenneen "albooda mala aadaan ba'u kamiyyu hin bitu, hin hojjedhu ykn hin daldalu jedheera.

Itti dabaluunis dhaabbatichi "ijoollee hojii humna hojjechiisuu, dirqamaan hojjechiisuu, ykn hojii humnaa dirqamaa kamiyyu ni balaalleffata; kana ilaalchisee obsa hin qabu" jedha.

BBCn dhaabbata Zhejiang Huayou Koobaaltirraa yaada barbaadee ture garuu ammatti hin arganne.

Ragaa mana murtiif dhiyaate argeera jechuun gaazexaan UK Za Gaaridiyaan akka jedhutti, daa'imman albuuda osoo baasanii lafti irratti citee awwaalamaniifi kan miidhaman baayyeedha.

Maatiin 14n Koongoo kunneen kaampaanonni himatan sababa yakka hojii humnaa dirqamaan hojjechiisuun, cabuu hamilee irra ga'eefi to'achuu dhiisanii dhibaa'ummaan rakkoon kun akka qaqqabu waan taasisanii beenyaan nuu kaffaluu qabu jedhan.

Microsoft deebii Telegiraamiif kenneen dhiyeessa albuudaa fudhatu mara of eeggannoofi itti gaafatamummaan akka hojjetu ibsee, seera dhiyeessitoonni isaa waan cabsan yoo jiraate ammoo qoratee tarkaanfii ni fadhata jedhee jira.

BBCn yaada isaaniif dhaabbilee akka Google, Apple, Dell fi Tesla gaafachaa tureera.