Barataa Koongoo: ‘Laaqana dhiiseen daataa interneetii bitadha'

Madda suuraa, Getty Images
Boonher Malengaa lammii Koongoo yoo tahu barata yuunvarsiitiiti. Ji'a darbe keessa guyyaa tokko daataa inerneetii bitamoo dhiisa jechuun yaadasaan mormi keessa gala.
''Baay'ee waan beela'ee jiruuf nyaatan bitadhamoo daataa interneetii sa'a 24 bitachuu wayya,'' jedheen yaadaa ture jechuun BBCtti hime.
Dargaggoon ganna 27 kun deeggarsa maallaqaaf maatii isaa irratti kan hirkate yoo tahu, barataa injiineriingiiti. Daataa interneetii bituun waraqaa eebba isaa hojjeta.
Koongoo magaalaa Kinshaasaa keessa jiraata. Uummatni magaalichaa galii argatu irraa 26% interneetii argachuuf baasii taasisa. Karaa salphaan ammoo moobayilaan daataa bitanii interneetii fayyadamuudha.
''Halkan tokkoof guyyaa tokko beela'aa oolee buluun lubbuu koo hin ajjeesu waan taheef daataa interneetii sa'a 24 bitadheen garaa qullaa rafuu koo naaf wayya jedheen of amansiise.'' jedhe.

Maaleengaan akka jedhutti hiriyyotni isaa hedduun haaluma wal fakkaataa keessa jiru.
Akka gabaasa bara 2019 interneetii adunyaa ilaaluun bahetti , koongoon biyya gatiin interneetii baay'ee qaalii tahe keessatti aramadamti.
Akka gabaasichattii gatiin interneetii gaariidha kan jedhamu galii kee ji'aa irraa 2% fi isaa gadi baasii kan taaisftu yoo tahedha.
'Hogganaan mana tajaajila interneetii tokko kophee koo fudhate'
Magaalaa Kinshaasaa irraa gara Bahaatti km 2,000 bakka fagaatuti waggoota muraasa dura waan isa mudate yoo dubbatu Erik Kasingaa akkuma dargaggoota kaanii interneetii fayyadamuu jaallata.
Magaalaa Bukaavoo jedhamtu keessatti dargaggoonni kaanis akkasuma fayyadamu. Erikis barnoota digirii lammaffaaf yuunvarsiitii Nezerlaandis tokkotti internetiin galmaa'a.
I felt terribly ashamed. Nobody should have to experience that just for internet"

"Saffisni interneetii baay'ee dadhabaa waan taheef galmeen kun sa'a tokko keessatti osoo xumuramuu danda'uu sa'aa sadii fudhate.''
Erik garuu maallaqni giphiidhaa qabu kan sa'a tokkoo qofa kaffaluu danda'a. Haala kana hundaas hogganaa mana tajaajila interneetii sanatti himuun isa hafe boodan siif fida jedhee hubachiisuufan yaale jedhe.
Haa tahu malee hogganichi na abaaruun natti iyyuu jalqabe jedhe. Interneetiin warra hiyyeessotaaf miti nan jechuun natti iyye jedhe.
Hogganichis kophee haaraa Kasingaan kaawwatee ture irraa baafachuun akka inni miilla qullaa fageenya dheeraa deemee galu dirqisiise.
''Baay'een salphadhe'' jedhe. Galmee yuunvarsiitii yaale sanas hordofuutti hin deebina. Torban booda maallaqa hafe kaffaluun kophee isaa deebisachuu yommu dhaqu namichi jalaa gurgurateera.
'' Namni kamiyyuu interneetiif jedhee waan akkasii kana keessa hin galu.''

DR Koongoon Afrikaa irraa biyya baay'ina uummataan sadarkaa 4ffaa irra jirtu yoo tahu, harka 2/3ffaa Lixa Awurooppaa taati.
Albuudota hedduun kan badhaate yoo tahu isaan keessaa albuudota bilbila Ismaartifoonii [Smartphones] hojjechuuf oolan qabdi.
Haa tahu malee lammiileen ishee tajaajila qajeelaa tahe kan akka fayyaa, bishaan dhugaatii fi elektirikii hin qaban.
Teeleekomunikeshiniin biyyattii akka tilmaametti lammiileen ishee 17% qofatu tajaajila inerneetii moobayilaa argata.















