Namni hoggantootni Afrikaa aangoorra hin ka'an jedhanii qeeqaa turan akkamiin ofiif angorratti hafan?

Madda suuraa, AFP
Lammiileen Yugaandaa umuriin isaanii waggaa 40 gadi ta'e ykn ummata biyyattii harka 4 keessaa harka 3 ol kan ta'an pirezidaantii tokko qofa beeku.
Pireezidaantichis manguddoo ganna 81 Yoweri Museveniiti.
Bara 1986 fincila hidhannoo gochuun aangoo olaanaa kana kan qabatan manguddoon kun barana yeroo 7ffaaf filannoo walitti aansanii mo'achuu isaaniti.
Dorgomaa isaanii Boob wayinii gargaaraummaa qabxii guddaatin gataniiru. Amma kan hafu injifachuun isaanii labsamuu qofa. Dorgomaa isaanis humnootni nageenyaa ukkaamsuun achi buutee isaa dhabmasiisaniiru.
Kana booda waggota shanan dhufaniif Musseeveeviin geeggessummaa isaanii akka itti fufan wan mirkaneeffatan fakkaata.
Kanaanis biyyattii gara waggaa 40 ta'uuf gaggeessuu jechuudha. Achiin boodas yoo hireen umurii dheeressite itti fufu danda'u.
Kana dura heerri mootummaa biyyattii pirezdaaniin tokko marsaa meeqaaf haangorra akka turu kan daandessu ture.
Museeveeniin garuu daangaa aangoo Pireezdaantummaatti hin amannu,jechuun sana jijjiraan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kuns pirezdaantichi marsaa meeqaaf yoo barbaadanimmoo umurii isaanii guutuu pirezidaantii akka ta'aniif karaa saaqe.
Imalli Museeveenii bara 1944 kan jalqabe yoo ta'u, maatii loon horsiisan keessaa Lixa Yugaandaa Ankolee keessatti dhalate.
Yeroo Yugaandaan Biriteen irraa walabummaa argachuuf qabsaa'aa turtetti dhalatee jedhama. Garuu waggoota dheeraaf guyyaa dhaloota isaa hin beeku ture.
Yaadannoo jireenya isaa irratti akka barreessetti "Qormaata lubbuu namaa balaa irra buusu kan akka ajjeechaa fi saamicha waan tureef.. guyyaa dhalootaa keenya yaadachuuf yeroo hin qabnu turre,"jedhe.
Bara 1967 Museveniin Yugaandaa gadhiisee gara Yunivarsiitii Daares Salaam biyya ollaa Taanzaaniyaatti argamutti qajeele.
Achittis barnoota dinagdee fi saayinsii siyaasaa barachuun barattoota siyaasaa guutuu naannichaa waliin tumsa uume.
Maqaan Museeveenii bara 1970moota keessa, fonqolcha mootummaa Idi Amiin booda jaalala guddaa argate.
Museveniin garee 'Front for National Salvation' jedhamu ijaaruuf gumaacha guddaa qaba. Gareewwan finciltootaa deeggarsa Taanzaaniyaatiin Amiin aangoorraa ari'an keessaa tokko.
Bara 1981 waraana riphee lolaa biyyatti keessatti gaggeessa tureen gareen isaanii Sochii Diddaa Biyyaalessaa (NRM) waggaa shan booda injifatee angoo qabachuun Museveniin hogganaa ta'e.
Bulchiinsa Amiin waggaa saddeet keessatti namoonni 400,000tti tilmaamaman ajjeefamaniiru.
Ummanni biyyattis kana wal bira qabuun yeroon aangoo Museeveenii nagaa fi guddina guddaa kan qabu yoo ta'u amanu. Namoonni hedduunis isa galateeffatu.
Garuu qeeqxonni isaa mormitootatti duuluu fi dhaabbilee walaba ta'an dhabamsiisuun aangoo bakka irribasaa taasifatee jechuun isa qeequ.

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Bara bulchiinsa isaanii diinagdeen Yugaandaa guddachuu kan eegale yoo ta'u, waggoota 10 darban keessatti biyyattiin giddu galeessaan guddina %6 ol agarsiifteetti.
Museveniin jaalallee warra dhihaa ta'us, bara 1998tti yeroo Yugaandaa fi Ruwaandaan finciltoota mootummaa kuffisuuf qabsaa'an deeggaruuf biyya ollaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo weeraruun maqaan isaa bade
Yeroo sanatti qeeqxonni pirezidaantichi mormii irratti obsa qabaachuu isaaniis komataniiru. Aangoo gadhiisuuf karoora akka hin qabnes ifa ta'e.
Museveniin barreeffamoota bara 1986 walitti qabame keessatti akkas jedhee barreessee ture.
"Rakkoon Afrikaa akka waliigalaatti, fi addatti Yugaandaan, ummata osoo hin taane hoggantoota yeroo dheeraa aangoo irra turuu barbaadanidha.jedhe"
Garuu bara 2005tti ilaalchi isaa waan jijjiirame fakkaata, heerri mootummaa Yugaandaa fooyya'ee, daangaa pirezidaantiin tokko marsaa meeqa tajaajiluu akka danda'u kaa'ame.
Bara 2017tti daangeffamni umurii kaadhimamaa pirezidaantummaas kaafame.Innis aangoo irratti hafe. Tarkaanfii kun miseensonni paarlaamaa, paarlaamaa keessatti hanga waldhabuu fi taassoo walitti darbachiisuttu kan geesse ture.
Museveniin aangoo gadhiisuuf yaada akka hin qabne yeroo ifa ta'u, michoonni isaa duraanii tokko tokko aangoo irraa ka'uu jalqaban. Kanaan humnoonni nageenyaa xiyyeeffannoo isaanii gara isaaniitti deebisan.
Filannoo bara kanaas kan isaanitti dhiyaate hin argamne.
Weellisaan Poop fi nama siyaasaa kan ta'e Boobii Waayin Museeveeniin sagalee filannoo hateera jechuun isa himate.
Paartiin Waayinii miidiyaa hawaasaa irratti akka jedhetti, helikooptarri tokko mooraa mana isaa magaalaa guddoo Kaampaalaatti argamu keessatti bu'ee ''humnaan bakka hin beekamnetti isa geesse,'' jedheera.
Hogganaan paartii mormituu ganna 43, aangoon isaanii dargaggoota hedduu kan hawwate ta'ullee waan milkaa'eef hin fakkatu.
Yeroo hedduus yakka biyya ganuun himatamee hidhamaa tureera.
Deeggartoonni Museeveenii waggoota kurnan aangoo irra turan keessatti tasgabbii madaalawaa Yugaandaan argatte agarsiisu.
Dubbi himaan NRM Amaanu'eel Lumalaa Doomboo namoonni miliyoona 1.7 ol ta'an lola biyyoota isaanii keessatti baqatanii gara Yugaandaa akka godaanan ibsu.
''Waggaa 40 dura biyyoota baqattoota erguun gurguddoo naannoo keenya jiran keessaa tokko turre,'' jechuun Doomboon BBC'tti himeera. "Amma Yugaandaan Afrikaa keessatti baqattoota keessummeessuun ishee ijoodha," jedhu.
Museveniin akka nama cimaa fi hawwii guddaa qabu qofa osoo hin taane, akka nama dargaggoota Yugaandaa guddisutti of ilaala.
Garuu ija Boobii Waayinii kan umriin Museeveenii walakkaa ta'e duratti pirezidaantichi dadhabaa biyya gara kufattitii oofaa jiru ta'uun ibsama.
Waa'ee fayyaa isaanii yeroo gaafatamanis museeveeniin "Amma waggaa 40f si waliin ture. Hospitaala anaa galee dhageessanii beektuu? Yeroon [vaayirasii koroonaa] guyyoota 21'f na qabe malee." jechuun deebisan.
Museeveeniin akkuma umuriin isaa dabalaa dhufeen qeeqxonni biyyattii qabeenya biyyaa gara maatiitti jijjiiraa jira jechuun yaaddoo keessa jiru.
Giiftiin duree isaa Jaaneet ministeera barnootaa yoo taatu, ilmi intalasaammoo hogganaa waraanaati.















