Yaa'ii Afriikaa fi Raashiyaa: Fedhiin Raashiyaan Ardii Afriikaa irraa qabdu maali?

Helikooptara Mi-8

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Helikooptaroonni waraanaa meeshaalee Raashiyaan dhiyeessitu keessaati

Raashiyaan tibbana marii hooggantoota biyyoota Afriikaa hedduu hirmaachise geggeessaa jirti.

Kunimmoo Raashiyaan biyyoota biroo caalaa Afriikaa keessatti fedhii qabaachuushee kan agarsiisuudha.

Yuuniyeniin Sooviyeetotaa duraan Afriikaa keessa haalaan socho'aa turanillee yeroo waraana hololaa booda garuu olaantummaan siyaas diinagdee Raashiyaa Afriikaa keessaa hir'ateera.

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin imaammata dhimma alaa biyyasaanii keessatti xiyyeeffannaan jalqabaa Afriikaa waliin michummaa cimsuu akka ta'e dubbatan.

Fedhiin Raashiyaan Afriikaa keessatti agarsiisaa jirtu kun hagam bu'a qabeessa?

Getty
We do not impose our views, respecting the principle of "African solutions to African problems" proposed by the Africans themselves.
Vladimir Putin
Russian President

Fedhii Raashiyaa

Michummaan Raashiyaa fi Afriikaa bara Soviyeet irraa eegalee kan ture yoo ta'u yeroo ammaa Moskoon bifa haaraadhaan seenaa walitti dhufeenyaa kana cimsaa jiraachuu beeksisteetti.

Yaa'ii Raashiyaan biyyoota Afriikaa waliin gaggeessitu osoo hin eegalamin dura gaaffii fi deebii miidiyaa biyyattii waliin kan taasisan Pirezidaanti Putiin michummaa Afriikaa waliin cimsuun hojii dursa argatuudha jedhan.

Biyyoota Afriikaaf deggersa siyaasaa fi dippiloomaasii, ittisaa fi nageenyaa, diinagdee, to'annoo dhibee, deggersa namoomaa fi gama barnootaan akka taasisan waadaa galaniiru.

Second World War victory march re-enactment

Madda suuraa, Getty Images

Erga bara 2015 as hooggantoonni biyyoota Afriikaa 12 irraa Raashiyaa daawwataniiru, kanneen keessaa ja'a bara 2018 keessa qofa kanneen Moskoo daawwataniidha.

Hooggantoonni biyyoota Afriikaa fi Raashiyaa walitti adeemuu eegallaan Ameerikaan ammoo mufachuu eegalte.

Bara darbe Ameerikaan Afriikaa waliin hojjechuuf hariiroo tarsimaawaa diriirsitee turte.

Xiinxaltoonni Ameerikaan Raashiyaa fi Chaayinaa dura dhaabbachuuf hojii akkanaa eegalte ittiin jedhu.

Hariiroo loltummaa

Raashiyaan gama ittisaan michummaa cimaa Afriikaa waliin qabdi, meeshaalee waraanaas baay'inaan dhiyeessiti.

Garuu gabaan meeshaalee waraanaa Raashiyaa guddichi Afriikaa osoo hin taane Eeshiyaadha.

Garuu erga bara 2014 as hariiroon gama meeshaa waraanaatiin jiru Afriikaa fi Raashiyaa gidduutti cimaa dhufeera.

Ergasii Raashiyaan biyyoota Afriikaa 19 waliin waliigaltee meeshaa waraanaa fi gama loltootaa mallatteessiteetti.

Bara 2017-18 gidduutti Raashiyaan biyyoota akka Angoolaa, Naayijeeriyaa, Sudaan, Maalii, Burkina Faasoo fi Ikkuwaatooriyaal Giiniif meeshaalee waraanaa dhiyeessa turte.

Nagaa eegsistoota Raashiyaa Afriikaa keessatti

Hariiroon Raashiyaan gama lotummaa fi nageenyaatiin Afriikaa waliin qabdu dhiyeessii meeshaa waraanaa qofaan kan murtaa'e miti.

Raashiyaan humna nageenyaas gara biyyoota Afriikaatti erguun sochii nagaa eegsisuu keessatti hirmaachaa turteetti.

Keessattuu Rippaabilika Afriikaa Giddu Galeessaa keessatti UN deggeruun garee riphee loltootaa haleelaa turteetti.

Russian contractors

Madda suuraa, Getty Images

Qabeenya uumamaa

Raashiyaan hariiroo diinagdee biyyoota Afriikaa waliin uumuuf fedhii guddaa akka qabdu ibsiteetti.

Keessattuu damee albuudaa kan indastirii isheef murteessaa ta'an irratti biyyoota Afriikaa albuudaan badhaadhan waliin hojjechuuf akka jirtu ibsiteetti.

Albuuda daayimandii

Madda suuraa, Petra Diamonds

Ibsa waa'ee suuraa, Albuudi daayimandii waan Raashiyaa feetu keessaa isa jalqabaati

Raashiyaan qabeenya uumaa, keessattuu albuuda uumamaa biyyoota Afriikaa akka Angoolaa, Mozaambik, Kaameeruun, Gaanaa, Naayijeeriyaa fi Rippaabilik of Koongoo keessatti oomishuuf hojii eegalteetti.

Hariiroo daldalaa

Garuu haala diinagdee walii galaatiin Raashiyaan biyyoota Afriikaa caalaa Awurooppaa fi Eeshiyaa waliin walitti dhiyaatti.

Biyyoonni Sahaaraan gadii irra caalaa kan daldalaa turan Raashiyaa waliin osoo hin taane Indiyaa, Chaayinaa fi Ameerikaa waliin.

Ameerikaa, Chaayinaa, Jaappaan, fi Gamtaan Afriikaa Raashiyaa caalaa misooma Afriikaa deggeraa turan, gargaaraas turan.

Raashiyaan yeroo ammaa michummaa diinagdee bara Sooviyeet ture haaressuun biyyoota Afriikaa waliin gama hundaan waliin hojjechuu barbaaddi.