Google waraabbii sagalee namootaa fayyadamuuf heeyyama gaafate

Google Assistant

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbanni Google fayyadamtoonni yoo heeyyema haaraa taasisaniif hojjattoonni akka warraabbii sagale namaa xinxalan akka taasisu beeksise.

Kubaaniyichis kana rawwachuuf filanoon yeroo hundumaa ni jira garuu, hojiin kana keessatti namoonni kallattiin hirmaachuusaaniif ifatti kan himame hin jiru.

Gaaffiin kunis adeemsa Apple baatii Agayya keessa hordofuuf yaadetti kan fufe fakkaata.

Amazon fi Facebook ammoo fallaa kanaa, fayyadamtoonni keessatti hirmaachuu kan hin barbaadne ta'ee akka gaafatan taasisan.

Tarkaanffiin Google ammaa kunis garee mirgaaf duula gaggeessaniin akka gaariitti fudhatameera.

''Kubaaniyoonni hojii gaarii raawwachuufi namoonni sagaleensaanii akka waraabamuuf filachuu mirkanneefachuu qabaatu,'' jedhaniiru daarektarri olaanaa Garee 'Open Rights' Jim Kilok.

''Akka kubaaniyoonni mana jireenyaafi hasaa isaanii guyyaa keessa akka galan adda baasuuf dirqisiifamuu hinqabaatan.''

Warraabbiin sagalee fayyadamtoota 500 keessaa kan tokkoo namaan akka ilaalamu Google himeera.

Sagalee bahee

Teknolojiin komputaraa kan hojjattoonni sagalee dhaggeeffachuun karaa appiiwwaniitti fayyadamuun hiikamuun hojiirra olfamuu kan eegalame baatii Amajjii darbeedha.

Akka Ejansiin oduu Bloomberg gabaaseetti, Amazon, Google fi Apple hojii kana keessatti hirmaataniiru.

Hojjattoonnis sirrii ta'u mirkanneeffachuuf software sagale adda baasuutti fayyadamuun jachootaafi hima waraabu.

Gochi kun kan barame ta'ulleen, maamiltoonni hedduu garuu akka sagaleensaanii waraabamuun irra deebii'amee namaan dhaggeefatamu hinbeekan.

Akkasumas maamiltoonni maaliin isaa akka warabamus wanti beekan hinjiru.

Marsaritiin oduu 'VRT NWS' Belgiyem baatii Adoolessaa keessa warraabbii sagalee Google'n waraabame kumaatama argachu gabaase ture.

Waraabbiiwwan kanneen sagalee haasaa bilbilaa dogongoraan waa'ee 'odeeffannoo dhunfaa,' 'haasawwan nama cisaatii haasa'aman' fi 'waldhabdii cimaa' fa'itu kan hammatte ture.

BKomishinarri Egumsa daataa Hamburg baatii Hagayyaa keessa dhimmi kun akka qoratamuuf gaafannaan ture, Google xinxila sagalee namootaan taasisu gutuu EU keessatti dhaabu kan beeksise.

Teessuma ofi eeggannoo barbaadu

Hogganaa gargaaraan Google tokkoos blogii isaa dhiheenyaatiin 'daataan keessan attamiin akka itti dhima bahamu akka hubattan taasisu dhabu keenyaaf' dhiifama jedhaniiru.

Nino Tasca akka jedhetti Google fayyadamtootumti duraan sagaleen saanii akka itti fayyadamu heyyaman sun ammas akka heyyamiin gaafataa jira.

Amma xinxala sagalee keessatti namoonni qooda ni fudhatu.

Google Assistant on smart screen

Madda suuraa, Getty Images

Kana malees, Mr Tasca akka jedhaniitti, Google dhiheenyatti daataa sagalee enyummeessa keessanii baatiiwwan muraasaan ol turan baayyeesaanii 'battalumatti haquu' eegal

Kana malees tarkaanfiiwwan iccitii gara biraa hojiirra akka olfaman waadaa galeera. Garuu ammo Google kana raawwachuuf hojjattota isaa qofaan akka hin raawwanne himeera.

Gartokkeen qequmsa kubaaniyoota teknolojii kanneen mudates hojjattoota qaama sadaffaa yero tokko tokko akka hojicha manaa akka hojjatan ykn bakka gara biraatii akka hojjatan taasisanitu nageenya waraabbiiwwan kanneenii eegurratti dhiibbaa taasisa.

''Sharikoota gurgurttaa kanneen haaluma icciitii, adeemsa xinxala dhunfaan hojjatan walii hojjachu fi xinxallis maashina nageenyisaa eegameen gaggeessuu itti fufna,'' jechuun ture dubbi himaan Google BBC News kan himan.

Kunis faallaa hojimaata Apple. Apple baatii darbe keessa erga seera isaa foyyeessuun kan booda xinxalaa hojjattoota isaa qofaanan rawwadha jedheera.