Waantota 10 waa'ee Google isin hin beekne

Nama waajira Google fuulduratti bicycle oofu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hundeessitoonni Google yeroo Google n jalqaban piroojektii qorannoo barnoota yunivarsiitii isaaniif ture.

Jireenya Google utuu hin dhufiin dura jiru yaaddanii beektuu? Odeeffannoo hatattamaan barbaaddaniif fallisaa maal taha ture?

Waan barbaaddan marti jira hanga jechuun dandeessisutti Google irra jira. Daandii hoteelatti geessu, maqaa gaaraa yookiin haroo, dhukkubi tokko maal akka tahe, biyyaafi magaala addunyaa kanaa baruu barbaaddan waan gootan tokko Google keessa seentanii barbaaduu dha.

Google gidduugleessaan sekoondii 1 keessatti gaaffiiwwan 40,000 keessummeessa- guyyaa tokko keessaattimmoo biliyoona 3.5 taha.

Lafa kanarratti Google motora odeeffannoo nuu barbaadu qofa osoo hin taane, samuuda biiznasiifi walitti qabaa odeeffannoo hin mudhukne dha.

Google, irratti yeroo waa barbaannu isa barbaannu irratti kan biraa dabaleetu nuu fida. Garuu hangam waa'ee Google beekna laata?

Google waggaa 20 guutera, ragaawwan muraasa waa'ee Google kunooti.

1. Maqaa

Google

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dogoggorri hiriyyoota gidduu maali?

Google maali? jettanii yoo gaafattan dura homaa jechuu hin turre.

Maqaan 'Google' tarmii herreegaa 'googol' jedhu dogoggora qubeessuurra waan dhufe, 'googol' jechuun immoo lakkoofsa 1 zeeroon 100 itti aanee dhufu jechuu dha.

Akkatti dogoggorri qubeessuu kun yeroo duraa barataa yookiin injinaraan uumame himama baayyeetu jira.

Dogoggorri idilee tahe, jechi haaraa kun nu waliin jira. Isa kaan seenaan haa gaafatu.

2. Dhidhibbaa dugdaa

Massage mat on the background of rainforest in Bali

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dhidhibbaa jennaan dhidhibbaa miti

Hundeessitoonni Google Laarii Peejiifi Seergee Biriin Google n 'Backrub' jedhanii ture kan moggaasan.

Afaan ingiliiziin jechichi dugda dhidhiibuu akka jechuu yoo taheyyuu, isaan garuu sirna qunnamsiistuu duuba/keessaan fuula ramaddii barbaadu ibsuuf itti fayyadamanii turan

3. Jallataa

Yeroo jecha 'askew' jedhu google gootan fuulli Google ni jallata
Ibsa waa'ee suuraa, Hin yaaddahiinaa ija keessan miti

Google'tti maayii qofa miti. Qoosaanis jira

Google irratti jecha ''askew'' jedhu galchaatii ilaalaa mee.

4. Re'oota

Two goats agains a bright blue sky

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, The grass is greener on the Google side

Google magariisummaa waan deeggaruuf maashina marga haamu gara re'ootaatti geeddareera.

Kanaaf immoo ragaan lafa gamoo waajira Google Kaalifooniyaatti argamu irra dhaabbttani marga tulluu fuuldurattii argitani irra jiru dha. Re'oota 200 otoo marga dheedaniis argitu

5. Daldala guddataa

Fakkii miidiyaalee hawaasummaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Beekumsa teekinolojii keessan deebisaa ilaalaa, miidiyaa hawaasummaa eenyutu dhuunfataa?

Google, GMail, Google Maps, Google Drive, Google Chrome kalaquu dabalatee bara 2010 irraa qabee torbee torbeen of guddisaa jira.

Beekuu dhiisuu dandeessu garuu, jaarmiyaaleen kanneen akka Android, Youtube, Waze and AdSense abbaa qabeenyummaan isaanii kan Google dha, kan 70 biroonis jiru.

6. Fakkii boconcoraa

Fuula Google

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, "Doodle 4 Google" wal dorgommii dandeettii barattoota Ameerikaa fuula/baafata Google bareechuuf taasifamu

Fakkiin boconcoraa inni jalqabaa Google ergaa gabaabaa ''waajira keessa hin jiru'' jedhu himuuf bara 1998tti kaasame. Innis, fakkii nama gubatuu qubeewwan Google keessaa ''O'' isa lammaffaa duuba kan dhaabate ture.

Yaadichi kan dhufe hundeessitoonni Google Laariifi Sargeen gara Navaadaa(feestivaala nama gubataa) deemuuf jedhanii, fayyadamtoota isaanii dogoggora teeknikaa sirreessuuf hin jiru jedhanii ergaa dabarsuuf ture

Kanumaan aadaa Google tahee guyyoota kabajamoofi idila addunyaa tahaniif baanarii Google ni geeddaru. Namoota beekamoof immoo kaffaltiin hojjetuuf.

7. Carraa baayyoliin dhaban

Bara 1999tti hundeessitoonni Google n doolaara miiliyoona 1 gurguruuf yoo yaadee tureyyuu namni irraa bitu waan dhibeef hafeera. Qarshii hir'isnaanis hin taane.

Amma Google doolaara miiliyoona 300 baasa.Namni gaafas hin butatiin hafe akkam gaabba laata?

8. Dhaadannoo

Hanqaaquu qalamaan bareedde

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Play nice, kids Ijoolle taphadhaa

''Hamaa hin tahiin'' kan jedhu dhaadannoo ganamaa dhaabbatichaa keessaati

Ammas dhaadanicha waliin jiraa? Deebisaa isinumaaf dhiisna.

9. Dubbii nyaataa, dubbii lubbuu.

Bobboca nyaataa waajira Google fuulduratti argamu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Waajira Googletti yeroo hunda waan nyaatamu jira.

Akka Forbes jedhutti abbaan Google Saargeey Briin yeroo Google jalqaba jalqabu waajirri Google kamiyyuu nyaatarraa metira 60 fagaachuu hin qabu jedhee murteessee ture.

Dur nyaati tursiaa dhaabbatichaa ''swedish fish'' jedham ture amma garuu hojjettoonni Google nyaata biyya dachaasufi bunatu dhiyaataaf.

10. Hiriyyee dhugaa Google

Saree miila fuulduraa diriirsitee teessu.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Sareen nyaata gaariidhaan dhufuuf eegachaa jirti

Googlers(hojjettota ) nooglers (hojjettoota haaraa qacaramani) saroota isaanii iddoo hojii fidanii dhufuu danda'u. Haala waajjiraaf sirriitti waan madaqfamaniif naannoo hin koseessani.

Garabiraa.....

Dubartii adii laaptooppii fayyadamaa jirtu.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Google saffisaa taheera

Baafatni Google bara 1999 irraa harka 100 yoo guddateyyuu, ammas harka saffisa harka 10,000 dhaan haaressu.