Waan 'Google' waa'ee keenya beeku akkamiin balleessuu dandeenyaa?

Madda suuraa, Getty Images
Maal akka barbaannu, maaltu akka nutti tolu fi marsariitii kam akka abuurru beekuun wantoota hedduu keessaa isaan muraasa.
Amma waa'ee 'Google' marsariitii guddicha dubbachaa jirra.
''Yeroo tajaajila 'Google' fayyadamtan, odeeffannoo keessaniif nu amanuu dandeessu.''
Kun sarara jalqabaa eegumsa odeeffannoo taasisuu qabnu ilaalchisuun barraa'e irratti, dhaabbanni teeknooloojii guddichi waan nutti himudha.
Garuu wanti isin kana dura beekuu hin dandeenye, Google 'my activities' keessatti waa'ee keessan kuufamu akkamiin balleessuu akka dandeenyu carraa nuuf kennuu isaati.
Akkamiin haala salphaan kanas raawwachuun akka danda'amu isiniif ibsina.
1. Waanan duraan hojjadhe balleessi
Yeroo hunda gaafa waan tokko barbaannu ('search') goonu, kaampaanichi akkaawuntii (eenyummeessa) email keessan waliin walitti hidha.
Akkasumas sochii keessan tokkoon tokkoon, kan akka guca guutuu fi 'Gmail' keessan yoo daawwattan ni galmeessa.
Odeeffannoon keessaan hundi marsariitii ''My Activity'' jedhamu keessatti kuufama, dhaqxanii ilaaluu qabdu.

Madda suuraa, Captura de pantalla
Yoo feetan 'search option' kan jedhu fayyadamuun waan barbaaddan balleessuu dandeessu, yookaan ammoo guyyaadhaan adda baasuun waan barbaaddan balleessuu dandeessu.
Kana jechuunis seenaa keessan (waan kana dura fayyadamtan hunda) kan ittiin balleessitaniidha.
Gaafa filannoo kanatti fayyadamtan akeekkachiisni ''tarii adeemsi keessan kun miidhaa qabaachuu danda'a'' jedhu ni dhufa. Dhugaatti garuu, seenaa abuura keessanii balleessuun miidhaa tokkoyyuu hin qabaatu.
Hojimaata Google fi akkaataa applikeeshinoonni Google ittiin hojjataniin walitti hin dhufu (gabaabumatti sodaachisuuf kan dhufudha jechuudha).
2. YouTube irratti seenaa qabdan hunda balleessuu
Wantoota YouTube irratti daawwattan fi barbaaddan hundallee Google ni hordofa.

Madda suuraa, YouTube
Kunis garuu waan salphaatti balleessuu dandeessanidha. Jalqaba harka bitaarraa filannoo jiru ''History'' filachuun sana booda ''Clear all history'' cuqaasuun ''clear all watch'' kan jedhu filattu.
Yookaan ammoo kan balleessuu feetan qofa filachuudhaan balleessuus ni dandeessu.
3. Dhaabbileen beeksisaa waan keessan kan beekan akkamiin balleessuun akka itti danda'amu
'Google' waa'ee keessan beekuu qofa osoo hin taane odeeffannoo keessan gara dhaabbileettis ni erga.
Yeroo hedduus beeksisoota wanta isin barbaaddaniin walfakkaatuun kan argitanus kanumaafi.
Garuu hin yaadda'inaa - odeeffannoo keessan gara dhaabbilee beeksisaatti dabarfame beekuu dandeessu.
Kana gochuuf, akkaawuntii 'Google' keessanitti seenuun ''Personal info and privacy'' kutaa jedhu galtu.

Madda suuraa, Google - Mark Shea
Yeroo kanatti kan ilaalaa jirru ''Ads settings'' filannoo jedhudha. Isarratti cuqaasuun ''Manage ads settings'' kan jedhu filadhaa.
Kana yoo gootan filannoo ''Ads personalisation'' jedhu agartu. Kana 'deactivate' yoo gootan, beeksisa odeeffannoo keessan Google irraa argame irratti hundaa'uun isinitti ergamu tasa hin argitani jechuudha.

Madda suuraa, Google - Mark Shea
Filannoon beeksisni akka isinitti hin dhufne taasisu garuu tasuma ifaatti hin jiru.

Madda suuraa, Google - Mark Shea
Akeekkachiisni Google kana booda beeksisa fedhii keessaniin walqabatu hin agartanu jedhu dhufuu danda'a. Kun garuu filannoo keessan waan ta'eef isintu murteessa.
4. Seenaa bakka argama keessanii Google irraa balleessuu
Yoo bilbila 'android' fayyadamtan ta'e, Google seenaa keessan bakka deemtanii itti fayyadamaa turtan galmeessuun yeroodhaan tarreessee kaa'a.
Kaartaa Google irraa odeeffannoo keessan hunda balleessuuf dirqama fuula kana seenuun isin barbaachisa.
'Location tracking' kan jedhu balleessuu fi seenaa keessan kan yeroo hundaa or kan filattan balleessuu dandeessu. Yoo feetanis kan filattan tokko qofa 'on the waste basket' filannoo jedhu cuqaasuun balleessuu dandeessu.














