Teknooloojii: 'Google' afuffeen intarneetii Keniyaaf dhiheessuuf

Madda suuraa, Loon
Afuufeewwan bokokan gurguddoo kunneen keeniyaa keessatti baadiyyaa bakka fagoo jiraniif intarneetii dhiyeessuuf jedhameera.
Kun osoo baadiyaa Itoophiyaaf dhiyaatee hangamma rakkoo tajaajila interneetii dhaabbata tokkichaa dhiyaatu nama obbaafachiisa.
Kubbaaniyaan jaarmiyaa Google, kan biraa, Luun jedhamu waliin waliigaltee daldalaa kan jalqabaati jedhame beeksiseera: Kunis, Telkom Keeniyaa waliin tahuun naannichaaf tajaajila wal-quunnamtii dhiyeessuudha.
Gurmuun anteenaan dhaabbata kanaa qilleensa biyyoota Afirkaan olitti fannifameera.
Ogeessonni garuu michoomni kuni komunikeeshiniin akka garee tokkoon dhuunfatamu taasisa jechuun akeekkachiisaa jiru.
Teekinoloojiin afuuffee intarneetii dhaabbata Alfaabeet yaalii 'X ' jedhamuun hojjetame, maqaansaa duraa garuu Luun jedhama.
Odeeffannoon dabalataa waliigaltee kanaa garuu ifa hin taane.
"Luun waliin cimnee hojjechuun tajaajila daldala sosocho'aa jalqabaa, afuufee Luun fayyadamuun Afriikaaf dhiyeessuu barbaanna," Hojii-gaggeessan Telkom Aldoo Maaruus himaniiru.

Madda suuraa, Loon
Afuuffeen Luun baqqaana isatiraatosfeerii (stratosphere) sarara galaanaa ol 20km bololi'u; ol fageenyi dhaabbatichi jedhu iddoo qilleensifi lubbuu qabeeyyiin jiraniin alattidha.
Afuuffeen hamma lafa teeniisiin itti taphatamu gahu kun pilaastikii irraa kan hojjetame yoo tahu heeliyamiin (helium) kan guutameefi soolaarii irraa humna kan argatudha. Afuuffeewwan kun ji'ootaaf ol fagaatanii akka turaniifi saffisaafi kallattii tilmaamuun dambalii qilleensaa akka yabalan tahaniitu hojjetaman
Afuuffeen tokko tokkoonshee anteenaa intarneetii dabarsu, lafaa ka'ee hanga 5,000sq km uwwisu qabdi.
Michooma kanaan Telkom Keeniyaa intarneetii yoo dhiyeessu dhaabbanni Luun immoo naannolee baadiyyaa fagootti raabsa.












