Tiraamp ''hiyyeessa gaddeebituu dandeettii hin qabne,'' jechuun Tireevar Nooh arrabse, akka himatus dhaadate

Qoosaa Tireevar Nooh'tiin kan mufate Tiraamp ''namni kun nama guutummaatti kasaareedha,'' jechuun miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social irratti barreesse.

Guduunfaa

  • Odeeffannoo wayitaawaafi xiinxala garagaraa dhimma biyya keessaafi addunyaarraa karaa: Marsariitii, Facebook, YouTube fi Whatsapp keenyaa kanaan argattu.
  • Tiraamp ''hiyyeessa gaddeebituu dandeettii hin qabne,'' jechuun Tireevar Nooh arrabse, akka himatus dhaadate
  • Weellistuun Naayijeeriyaa manashee keessatti bofaan hiddamtee duute
  • Daangaan banamee Filisxeemoonni Raafaah seenuu jalqaban
  • Iraan mariin US waliin gochaa jirtu guyyootan booda waan tokkorra akka gahamu akeekte
  • Siitiin Tootenhaam waliin qixa, Viilaan mo'amuun Arsenaal biraa isaan hambisaa jira.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. UKn Kaaba Itoophiyaatti tasgabbiin akka uumamu waamicha dhiheessite

    Itoophiyaa fi UKn waliigaltee investimentii fi sarara humna ibsaa diriirsuu mallatteessan

    Madda suuraa, Ministry of Finance - Ethiopia

    Ministirri dhimma alaa UK Yivette Cooper wayita Itoophiyaa daawwatanitti haala kaaba biyyattii keessatti mudataa jiru akka tasgabbaa'u gaafataniiru.

    Faayidaa tasgabbii fi nageenya naannoo akkasumas waraana ittisuun qaburratti dubbachuu ibsan qondaalli UK kun.

    ''Kanaaf ammoo tasgabbiin kaaba Itoophiyaatti mirkanaa'uun murteessaadha,'' jedhan.

    Qondaalli UK kun wayita kaaba Itoohiyaatti rakkoon deebi'ee dhalataa jirutti kana dubbatan.

    Waraanni fi walitti bu'iinsi deddeebi'ee kaaba Itoophiyaatti mudate lammiilee hedduu gaaga'eera.

    Namoonni sababa waraanaan miidhaman ammallee osoo hin bayyanatin waraanni biraan ka'uuf deema.

    Yvette Cooper Dilbata kaleessaa Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad waliin mari'achuun damee investimentii fi anniisaa irratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

    Waliigalteen kun sarara humna ibsaa lama kan kutaalee Itoophiyaa hedduu walquunnamsiisu dabalata.

    Mootummaan UK damee kanaaf doolaara miiliyoona 400 ramadeera.

    Ministeerri Maallaqaa Itoophiyaa Facebook isaarratti akka ibsetti sararri ibsaa tokko kan Degahabur-Kebridahar keessa darbuun naannoo Somaalee giddugala biyyaan walquunnamsiisudha.

    Sararri kun kiilomeetira 206 kan dheeratuu fi anniisaa kV 132 kan baatuudha.

    Sararri inni kan biraan ammoo kan Hurso-Ayishaa irraa ka'uudha. Kun ammoo anniisaa humna bubbeerraa maddu kan kaaba baha biyyattii irraa fuudhee gara Jibuutiitti dabarsuudha.

    Sararri kun kiilomeetira 198 kan dheeratu yoo ta'u anniisaa kV 400 baata.

    Itoophiyaan sarara humna ibsaa lammiilee biyyattiin ga'u dhibbeentaa 96 irraan ga'uuf hojjetaa jiraachuu fi bara 2030tti kuufama anniisaa 20GW irraan ga'uuf hojjetaa jiraachuu ibsiti.

  2. 'Iraan irratti tarkaanfiin yoo hin fudhatamne deebitee jabaatti'- Ministira Ittisaa Sa’uudii

    Tiraamp

    Madda suuraa, AP

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp

    Ministirri Ittisaa Sa’uudii Arabiyaa Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp akkuma doorsisanitti, tarkaanfii waraanaa Iraan irratti yoo hin fudhanne Iraan caalattuu “jabaatti” jechuun dubbatan jedhamuun ijoo dubbii ta'eera.

    Marsariitiin oduu Ameerikaa 'Axios' jedhamu akka gabaasetti, Ministirri Raayyaa Ittisaa biyyatti Prinsi Kaalid Bin Salmaan Jimaata darbe marii addaa Waashingitanitti taa’ame irratti, yoo Ameerikaan Iraan haleeluu baatte sirnichi akka cimu dubbachuu maddeen naannawa jiran wabeeffachuun gabaaseera.

    Haa ta'u malee dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan gabaasa kana kuffisuun ''ejjennoo biyya tokkoo gabaasa miidiyaa qofaan hin murtaa'u'' jedhan.

    Itti dabaluunis biyyi isaanii hariiroo tasgabbaa’aa Sa’uudii Arabiyaa waliin qabdi jedhan.

    Gaazexaan Ashraq Al-Awsat Dilbata darbe maxxanfame qondaala olaanaa Sa’uudii wabeeffachuun ejjennoo Sa’udiin Iraan irratti qabdu akka hin jijjiiramne ibseera.

    Qondaalli maqaan isaa hin ibsamne kun akka jedhanitti, Sa'uudii Arabiyaan rakkoon Iraan waliin qabdu dippilomaasii fi mariitiin akka furamu barbaaddi.

    Gama kaaniin Hogganaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Iraan Meejar Jeneraal Abdolrahim Muusaavii yoo Iraan haleelamte Ameerikaa fi michoota ishee deebii hamaan akka mudatu akeekkachiisaniiru.

    "Dogongorri diina keenyaa tokko lammiilee Ameerikaa balaadhaaf saaxila, ibiddi naannichatti qabatus Ameerikaa fi michoota ishee guba" jechuun akeekkachiisan

  3. Tiraamp ''hiyyeessa gaddeebituu dandeettii hin qabne,'' jechuun Tireevar Nooh arrabse, akka himatus dhaadate

    Tiraamp fi Tireevar Nooh

    Madda suuraa, Getty Images

    Ameerikaatti dhaabbata Comedy Central jedhamurratti qoosaa fi agarsiisa adda addaa dhiheessuun kan beekamu Tireevar Nooh, gidduu kana waa'ee Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa Pirezidantii Barbeedos Miyaa Amoor Mootliin waliin kaasee dubbachuun maqaansaa qoodamaa ture.

    Tireevar Nooh Badhaasa Giraamiif wayita waltajjii gaggeessu nama yakkoota saal-quunnamtiin walqabataniin yakkamaa ta'e Jeefirii Epistiin waliin maqaa Tiraamp kaasee qooseera.

    Qoosaa isaa keessatti akkas jedhe: ''Sirba bara kanaa- kun Badhaasa Giraamii artistii hundinuu, akkuma Tiraamp Giriinlaand barbaadutti, arguuf eeguudha. Tiraamp dhugaa qabas, sababni isaa kanaan booda Odooli Epistiin waan hin jirreef, bakka Biil Kilintan waliin deemee aara galfatu isa barbaachisa.''

    Qoosaa kanaan kan mufate Tiraamp ''namni kun nama guutummaatti kasaareedha,'' jechuun miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social irratti barreesse.

    Dhalataan Afrikaa Kibbaa kun qoosaan inni Epistiin waliin maqasaa kaasuun qoose dogoggora ta'uu kan ibse Tiraamp, ''hiyyeessa gaddeebituu dandeettii hin qabne kana himachuuf abbootii seeraa itti ergaan jira,'' jedhe.

    ''Biil Kilintaniif dubbachuu hin danda'u, garuu an takkaa Odoola Epistiin keessatti argamee hin beeku, ittiyyuu dhihaadhee hin beeku. Hanga galgala kana oduun sobaa narratti oofamutti ittiinis himatamee hin beeku. Miidiyaalee soba odeessaniinillee akkasitti himatamee hin beeku,'' jedhe Tiraamp.

    Tireevar Nooh ''maqaa na balleesse'' jechuun ''Maallaqa guddaadhaanin ishee himadha,'' jedhe.

    ''Tireevar Nooh yoo ofiif jedhe dubbiisaa haa sirreessu,'' kan jedhe Tiraamp ''Qophaa'i Nooh, si waliin waan jiru sirreessuufin jira,'' jechuun akeekkachiise.

    Dhiheenya kana Tiraamp miidiyaalee idiladdunyaa kanneen akka BBC, New York Times, Associated Press fi Wall Street Journal maqa balleessiin himateera.

  4. Weellistuun Naayijeeriyaa manashee keessatti bofaan hiddamtee duute

    Ifunanya Nwangene kophaashee konsartii qopheessuuf karoora qabdi

    Madda suuraa, Ifunanya Nwangene / Instagram

    Weellistuun umrii waggaa 26 kun manashee magaalaa Abujaa keessatti argamutti erga bofaan hiddamtee booda wal'aansaaf gara hospitaalaa geeffamtus lubbuun hafuu hin dandeenye.

    Erga isheen hiddamtee booda namoonni appaartimantii isheen keessa jiraattu keessaa bofa baasan, bofichi ''Koobiraadha'' jedhanii wayita iyyan dhagahamu.

    Weellistuun kun bara kana kophaashee konsartii qopheessuuf karoora akka qabdu hiriyaan ishee Sam Ezugwu BBCtti hime.

    Ifunanya Nwangene weellistuu ''ga'umsa gaariin guddataa jirtu'' jedhe hiriyaan ishee kun.

    Hiriyaan kan biraan Hilarii Obinnaa jedhamu weellistuun kun ''bakka rafaa jirtutti bofaan hiddamte,'' jedhe.

    Erga isheen hiddamtee booda bofi lama kutaa ishee keessaa argamuus hime.

    Naayijeeriyaatti bofi kan nama hidduu fi ajjeesu baadiyyaa keessatti ture. Weellistuun kun magaaalaa walakkaatti hiddamtee du'uun ammoo lammiilee Naayijeeriyaa baayyee rifachiise.

    Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO) Afrikaa keessatti balaan bofaan namarra ga'u baayyee dagatameera jedhe.

    Ardii kana keessatti waggaatti namoonni kuma 435 hanga kuma 580 ta'an bofaan hiddamanii wal'aansa barbaadu jedhe jaarmiyaan kun.

    Balaa kanaan waggaatti namoonni kuma 300 ni du'u jedhe Dhaabbati Fayyaa Addunyaa.

  5. Daangaan banamee Filisxeemoonni Raafaah seenuu jalqaban

    Konkolaataawwan keelloo

    Madda suuraa, AFP

    Daangaan Gaazaafi Masrii gidduu jiru banamnaan warri Filisxeem gara Raafaah seenuu jalqaban.

    Karaan kuni yeroo Gaazaan bara 2024 Israa'eliin to'atamte cufamee tureera.

    Silaa karaan kuni yeroo waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa'eliifi Hamaas gulantaa jalqabaa karoora Tiraampiin raawwate, Onkololeessa darbe banamuu qaba ture.

    Haa tahu malee Israa'el reeffi lammiilee Gaazaatti du'anii torbee darbe hamma deebi'utti uggurte.

    Lammiileen Filisexeem karra kana akka foddaa ittiin addunyaa wal-quunnamanitti ilaalu.

    Haa tahu malee namoota lakkoofsaan muraasa tahaniifi meeshaa muraasa galchuu qofatu eeyyamama.

  6. Iraan mariin US waliin gochaa jirtu guyyootan booda waan tokkorra akka gahamu akeekte

    Alaabaa USfi Iraam

    Madda suuraa, Reuters

    Muddama USfi Iraan gidduutti dhalate hambisuuf yaaliin dippilomaasii garaa garaa taasifamaa jira. Yaalii godhamu kana xinxaalaa akka jirtu Iraan kan beeksifte yoo ta'u, guyyoota ittaanan keessatti waan tokkorra akka gahamu abdii akka qabdus ibsite.

    Dubbi himaa Ministeera Dhimma Alaa Iraan kan ta'an Ismaa'eli Baaghaayi yaalii dippilomaasii godhamaa jiru irraa guyyoota ittaanan keessatti bu'aa akka eegdu ibsan jechuun maddi oduu Rooyitars gabaase.

    US humna waraanaa Baha Giddu Galaatti geessuun yeroo Iraan waliin muddamni cimaan dhalatee jirutti, Tiraamp "Iraan marii cimaa nu waliin taasisaa jirti" jechuun miidiyaaletti dubbate.

    Marii kanaan Iraan waliigaltee qabatamaarra ni geessi jedhee akka abdatu kan hime Tiraamp, humni waraanaa guddaan gara Baha Giddu Galaatti qajeeluus irra deebin dubbate.

    "Biyyoonni naannoo [keenya jiran] gidduu keenya deemuun ergaa wal-jijjiiraa jirra. Dhimoonni heddu ka'anii. Yeroo ammaa tokoon tokkoo qabxii adeemsa dippilomaasii keessatti ka'an irraatti murtee kennafi xiinxalaa jirra; guyyoota ittaanan keessatti bu'aansaa ni argama jennee abdanna," jedhan qondaalli Iraan Ismaa'eli Baaghaayi.

  7. Koongootti lafti albuuda irraa baasan jigee namoonni 200 du'an

    Lafa jigaa jiru

    Madda suuraa, Hassan Lali / BBC

    Demookiraatawa Rippaabliika Koongootti laft jigee namoonni 200 ol du'uu hogganooti hidhattootaa naannoo kana to'atan himan.

    Lafti albuudaa magaalaa Rubaayaa jedhamutti argamutti sababa rooba hamaan lafti jiguu, dubbii himaan bulchiinsa hidhattootaa Lumumba Kaamberee Muyisaa gaazexeessitootatti hime.

    Dubartootaafi ijoollee dabalatee naannoo kanatti namoonni albuuda kooltaan baasu. Albuudni kuni bilbila ismaarti fooniifi koompitara tolchuuf oola.

    Namni kanaan dura naannicha to'atu suphaan hin taasifamneefi jedhe. Kunis namoota baraaruudhaaf rakkoo taheera jedhameera.

    Gosti biyyoo naannicha jirus akkaan kan mucucaatu tahuus ibseera.

    Qondaaloti Koongoo lubbuu namootaa balaaf saaxiluuniifi akeekkachiisa of eeggannoo otoo hin kennin hafuun himataniiru.

  8. Haleellaa Raashiyaan Ukireenitti geggeessiteen ijoolleen kudha lama ajjeefaman

    Konkolaataa caccabaa

    Madda suuraa, Armed Forces of Ukraine/Telegram

    Haleellaa diroonii Raashiyaan baha Yukireenitti raawwatteen ijoolleen kudha lama ajjeefaman. Iddoon kuni iddoo dhabbanni annisaa guddaan Yukireen itti argamu dha.

    Konkolaataan hojjettoota fe’aa adaamaa ture Dilbata halkan haleellaa kanaaf saaxilamuun yoo xiqqaate namoonni 15 miidhamanii jedhe Tajaajilli Hatattamaa Yukireen.

    Haleellaa Raashiyaa biraanis namoonni lama kan ajjeefaman yoo tahu sagal ammoo madaa’aniiru.

    Dirooniin hospitaala magaalaa Zaapooriizhaazhiyaa yeroo haleele ammoo namoonni ja’a miidhamaniiru.

  9. Chaayinaan wanbadoota Maayaanmaar afur du’aan adabde

    Chaayinaatii namoota yakka walii dhahuun irratti murame

    Madda suuraa, CCTV

    Chaayinaan miseensota maatii wanbadee Baayi jedhaman kan wiirtulee waliindhahaa Maayaanmaar sochoosan afur ajjeeste.

    Kunneen miseensota maatii 21 keessaa yoo tahan waliin dhahuu, ajjeechaa, miidhaa qaamaa qaqqabsiisuufi yakkoota biroon dhaddacha bulchiinsa Guwaangdoongitti itti murtaa’e.

    Sadaasa darbe dhaddachi hogganaa garichaa dabalatee namoota shan irratti adabbii du’aa dabarsus hoggantichi adabbiisaan dura dhukkubaan lubbuunsaa darbeera.

    Torbee darbe Chaayinaan tarkaanfii waliin dhahuu lammiilee Chaayinaa kumaan lakkaa’aman saaxile miseensota maatii Maayaanmaar wanbadee 11 du’aan adabdeetti.

    Waggootaaf maatiin Baayi magaalaa daangaa biyyoota lamaanii jirtu Laakaayiing keessatti daldala saal-quunnamtii, qumaaraafi gowwomsaa dijitaalaa adeemsisaa turan.

    Sanyiin warra Baayi waliin dhahuu kana dalaguun ‘tokkoffaa dha’ jechuun ilmi hogganaa garichaa gaafa to’annoo jala oolu dubbateera.

  10. YOOYYAA!

    Akkam jirtu hordftoota keenyaa?

    Odeeffannoo wayitaawaa kallattiin toora isiniif tamsaasnu jalqabneerra.

    Nu hordofaa!