Yoo bofti isin hidde lubbuu keessan oolfachuuf maal gochuu qabdu?

Nama bofa harkaan qabee jiru

Madda suuraa, Getty Images

Akka ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) irraa argame agarsiisutti, guutummaa addunyaarratti waggaatti lakkoofsi namootaa miliyoona 5.4tti tilmaamamu bofaan ni hiddamu.

Isaan keessaa ammoo miliyoona 1.8 hanga miliyoona 2.7 kan hiddaman bofa summii qabuuni.

Waggaatti namoonni 81,410 hanga 137,880 ta'an guutummaa addunyaarraa bofaan hiddamuun lubuun isaanii akka darbu ragaan WHO ni mul'isa.

Kana malees, lakkoofsi namoota bofaan hiddamuun qaamni isaanii irraa muramuufi qaamaa hir'atan baayyeedha.

Bofa summii qabuun hiddamuun laamsha'uu, arganuu dadhabuu, dhiiga faalamuu, dhibee dhangala'uu dhiigaafi kaleen hojii dhaabuuf nama saaxila.

Namoonni qonnaarra hojjetaniifi daa'immaan hunda caalaa miidhamanidha. Yeroo baayyee daa'imman ulfaatina (body mass) xiqqaa qabaachuu isaaniirraa kan ka'een miidhaa guddaaf saaxilamu.

Akka WHO jedhutti, biyyoota tirooppikaaliifi saabtirooppikal ta'an keessatti hiddaan bofaa rakkoo fayyaa hawaasaa dagatamedha.

Rakkoon kun baayinaan Afrikaa, Eeshiyaa fi Ameerikaa Kibbaa keessatti hammaataadha.

Eeshiyaa keessatti waggaatti namoonni miliyoona 2 ta'an bofa summii qabuun hiddamu. Afrikaa keessatti ammoo namoota 435,000 hanga 580,000 ta'anitu hiddamu.

Biyyoota galii gadi aanaafi giddu-galeessa qaban keessatti summiin bofaa dubartoota, daa'immaniifi qonnaan bultoota hawaasa baadiyyaa harka-qalleeyyii ta'an baayyee miidha.

Rakkoon kun caalaa kan hammaatu biyyoota sirni fayyaa isaanii dadhabaa ta'eefi qabeenya wallaansa fayyaaf oolu gahaa hin qabne keessatidha.

Yeroo bofti isin hiddu maal gochuu qabdu?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo bofni isin hiddu, namni hiddames, namni isa hiddame gargaaruuf yaalus bofarraa fagaachuu mirkaneessuu barbaachisa. Bofa sana qabuuf hin yaaliinaa.

Bofa sana fageenyarraa ilaaluun akkamitti akka inni itti taa'u adda baafachuuf yaalaa. Kana gochuun yeroo hospitaala geessan salphaatti wallaansa argacuuf gargaara.

Yoo kan danda'amu ta'e bofa sana suura kasuu yaalaa.

Bofti sun yoo ajjeefame ammoo yeroo hospitaala deemtan fuudhaatii doktora bira geessaa. Garuu yoo bofti sun dhokateera ta'e ykn hin mul'atu ta'e barbaduutti yeroo hin gubiinaa.

Bakka bofaan hiddamtetti faayaawwan, sa'aatii, abilii mormaa, ykn wantota biroo godhatteetta taanaan ofirraa baasi.

Erga bofti isin hiddee booda hin fiigiinaa, hanga danda'ame sochii xiqqeessa ykn hanga danda'ame nama bofti hidde akka hin deemne gochuun gaariidha.

Osoo yeroo hin gubiin kan danda'amu taanaan ambulaansii hospitaala geessisu waammadhaa.

Kan danda'amu taanaan, waanta yeroo bofti isin hiddu mudateefi mallattoo itti aanee uumame yaadadhaa.

Akkuma hospitaala geessaniin, jalqaba bofti sun maal akka fakkaatuufi maaltu akka uumame doktoraaf ibsaa.

Tasgabbaa'aa - naasuun haala jiru hammeessa malee wan fayyadau hin qabu. Faayaa, qubaaleefi uufata nama muddu ofirraa erga baaftanii booda taa'aa ykn hirkadhaa.

Naannoo hiddame sana baallisaatii hidhaa.

Hospitaala itti geeffamaa jirtanitti dursitanii bilbiluun akka waan wallaansaaf barbaachisu qopheeffatan itti himaa.

Yoo osoo qofaa jirtanii hiddamtan ta'e, gara bakka gargaarsaaf waamamtaniitti suuta deemaa.

Yeroo bofti isin hiddu waantota gochuu hin qabne

Yeroo bofti isin hiddu bakka sana hidhuun gaarii ta'ee garuu jabeessitanii hin hidhiinaa. Yoo jabaatee hidhame, summiin bofa sun bakka hidhame sana fudhatee gara qaamni muramuutti geessuu mala.

Summiin bofaa dhaqna keessa faca'uu waan danda'uuf sochii baayyee hin taasisiinaa.

Nama bofaan hiddameef qoricha baalaa ykn qoricha hin beekamne hin kenninaafii.

Nama bofti ciniineef dhugaatii kamiyyu hin kenniinaafii.

Nama bofti ciiniine keessaa summii bofaa xuuxuuf hin yaaliinaa.

Nama bofti hidde summii isaa keessaa dhangalasna jechuun bakka isaa hin muriinaa.

Bakka hiddame hin qulqulleessiinaa, cabbii irra hin kaa'iinaa.

Akkamitti bofaan hiddamuurraa of ittisuu dandeenya?

Akka malee sodaataa ta'uun hin barbaachisu - dammaqina qabaachuu qofa. Yeroo baay'ee bofti akka nama hin hiddineef wanti barbaachisu osoo hin yaadda'in qarmattuma miira dammaqaa idilee qabaachuu qofa barbaachisa.

Fageenya miidhaaf nama hin saaxille keessa turaa.

Bofa kamiyyuu baadhachuuf, qabachuuf ykn waliin qoosuuf hin yaaliinaa. Kana gochuurratti hojiisaa ogeessotaa dhimmi ilaalatuuf dhiisaa.

Bofti yeroo hunda jechuun ni danda'ama akkuma ati isa sodaattu si sodaata. Carraan kennamnaaniif osoo baay'ee rakkoo hin uumiin si biraa sokka.

Bofti xixiqqoon ykn micooliin bofaa akkuma haadholii isaanii yoo nama hiddan lubbuu namaa galaafatu waan ta'eef, bofa xiqqaadha ykn micooliidha jettanii akka miidhaa hin qaqqabsiifnetti yaaduun hin gowwoomfaminaa.

Yoo naannoo bofti summii qabu jiraattan, lakkoofsa bilbilaa fi teessoo hospitaalaa/doktara galmeeffadhaa qabadhaa.

Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa jedhutti, akka waliigalaatti bofaan hiddamuun addunyaa guutuutti kan argamu yoo ta'u, Indiyaa dabalatee biyyoota Kibba Baha Eeshiyaa keessatti lakkoofsi namoota balaa kanaan du'anii ol'aanaadha.

Akka gabaasa mootummaan Indiyaa baaseetti, taateewwan bofaan hiddamuu gandaa fi magaalaa keessatti baay'inaan mul'ata.

Indiyaatti gosootni bofaa 250 ol kan jiran yoo ta'u, isaan keessaa 52 summii kan qabanidha.