Namichi Filooridaatti Tiraampiin ajjeesuuf yaale yakkamaadha jedhame

Ibsa waa'ee viidiyoo, Watch: Trump says 'justice was served' after attempted assassin found guilty on all charges

Riyaan Ruut namni jedhamu Fulbaana bara darbee dirree golfii itti taphatan keessatti pirezidaant Tiraampiin ajjeesuuf yaaleera jedhame yakka hojjeteera jedhame.

Abbaan seeraa manguddoon ganna 59 yaalii ajjeechaan himatame himata isa irratti baname hundaan yakkamaa tahuu mirkanaa'eera jedhe.

Meeshaa waraanaa fageenya dheeraa deemu qabaachuu fi yaalii ajjeechaan himatamee yakkamaa jedhame.

Yaaliin ajjeechaa kun Fulbaana 15 bara 2024 kan raawwate yoo tahu, yeroo sana kaadhimamaa pirezidaantii kan ture Tiraamp golfii taphataa ture.

Golfii kun kanuma Tiraamp yoo tahu mana jireenyaa isaa Mar-a-Lagoo irraa daqiiqaa 15 adeemsisa.

Hojjettoonni nageenya eegsisan Sekireet Sarvis jedhaman nama meeshaa waraanaa qabatee bosona keessaa bahu dursanii arguun to'atan.

Jalqaba namni kun achii baqachuuf yaaleera. Ta'us naannichaa osoo hin fagaatiin to'annoo jala oolchan.

Ruut yeroo murtoon kun isa irratti darbu miidhaa ofirraan gahuuf yaalee ture, jedhe michuu BBC kan tahe CBS News. Kobbee harkatti qabateen morma isaa keessa waraanuuf yoo yaalu humni nageenyaa achi ture irratti qabaniiru jedhe.

Erga murtoon kun darbee Tiraamp miidiyaa hawwaasaa irratti abbootii seeraa fi namoota akka Ruut to'annoo jala ooluuf odeeffannoo kennan galateeffataniiru.

Tiraamp waa'ee manguddoo kanaa yoo dubbatu akkas jedhe. Namni kun nama hamaa kaayyoo hamaa of keessaa qabudha. Garuu isa qabaniiru. ''AMEERIKAA KEESSATTI HAQA dabarsuun yeroo isaa amma'' jedhanii barreessan.

Abbaan Alangaa waliigalaa Pamelaa Boondii: ''Yaaliin ajjeechaa kun pirezidaantii keenya irratti qofa kan godhame osoo hin taane haleellaa akka biyyaatti nurratti gaggeeffamedha'' jette.

Riyan Ruut, nama Tiraam ajjeesuuf yaaluun himatame yakkamaa jedhame.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Ryan Routh, 59, defended himself at the trial
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Murteen Ruut irratti kan darbu Mudde 18 dhufu yoo tahu hidhaa umurii guutuun adabamuu danda'a.

Balleessaa hin qabu jedhee falmachuun of irrattis tarkaanfii fudhachuuf yaaleera. Qorannoon kun Fulbaana 8 darbe kan eegale yoo tahu, abbaan seeraa garuu yakkamaa jedheera.

Karolinaa Kaabaa dhalatee Hawayii keessa jiraachaa kan ture Ruut taatee Filooriidaa dura wantoota adda tahan gochaa fi dubbachaa tureera.

Tiraampiin tapha golfiin dorgomuu, akka alatti isaa baasanii fi dubbii seenaa tirannaa dhala namaa ilaallatu dubbachuu, ''waan gaarii wlaiif yaaduu'' fi waa'ee Adoolfi Hiitlerii fi Vilaadmir Putin dubbachuu akka barbaadu ibse.

Abbaan seeraa garuu dubbii isaa kana dhaabsisaniiru. Yeroo yaalii ajjeechaa raawwate Ruut bosona keessa dallaa dirree golfii alaan dhokatee ture jedhe manni murtii.Karaa kamiinuu bakka Tiraamp jiru arguu hin danda'u ture garuu hojjettoonni FBI meeshaa waraanaa bakka inni turee fi dhokatee baattuu rasaasaa wlaiin arguu himan.

Manni murtii akka jedhetti Ruut, namni Tiraamp ajjeesuf yaale jedhamuun himatame kun yaadannoo bakkeewwan Tiraamp itti argamuu danda'u eeran bakkichatti dhiiseera.

Hiriyyaa isaaf yaadannoon barreessee achitti dhiise ammoo ''kun yaalii ajjeechaa Doonaald Tiraamp irratti godhedha,'' jedha.

Taatee Filooriidaa dabalatee wagguma sana keessa yaaliin ajjeechaa yeroo lama Tiraamp irratti raawwate.

Waxabajji 2024 keessa Peeniselvaaniyaatti osoo Tiraamp deeggartoota fulduratti dubbii taasisuu itti dhukaafamuun gurra isaa rukutuun darbe.

Namni dhukaasicha bane bakkichumatti ajjeefame. Namoonni kaanis miidhamanii ture.

Haleellaan namoota siyaasaa irratti US keessatti gaggeeffamu haalaan dabaleera. Dhiyeenya Chaarlii Kiirk akkasuma osoo yuunvarsiitii Yuutaa keessatti dubbii taasisaa jiruu ajjeefame.