Tiraamp yaalii ajjeechaa ammas irratti raawwatameen booda 'gonkumaa harka hin kennu' jedhan

Pirezidaantiin duraanii Doonaald Tiraamp dirree goolfii isaanii Filooriidaa irratti yaalii ajjeechaa fakkaatu irratti rawwatamus miidhaan kan irra hin geenye ta’uu fi shakkaman to'annoo jala ooluu aanga'oonni Ameerikaa mirkaneessaniiru.
Dhabbanni basaasaa Ameerikaa FBI’n Tiraamp dirree keessa utuu jiruu naannawa fagenya 455m bosona keessa dhukaasni qawwee irratti banamuu ibseera.
Boodarra qawween gosa AK47, boorsaa lamaa fi kaameraan GoPro bakka balaan kun itti dhaqqabetti argameera.
Namni ijaan arge tokko shakkamaan kun bosona keessaa fiigee bahee konkolaataa Niisaan gurraacha tokkotti utaalee yoo galu, eegdonni itti dhukaasaa turuu arguu isaa hime. Namni ijaaan arge kun konkolaatichaa fi lakkoofsa gabatee sana suuraa kaafachuu dubbate
Polisiin taatee kana hordofuun nama bosona keessa fiige baha sana to’annaa jala oolchuu ibsan.

Tiraamp iimeelii deeggartoota isaaniif ergeen ''nagaa’’ta'uu isaa eerera.
"Wanti duubbatti na deebisu tokko hin jiru, ani yoomiyyuu harka hin kennu!" jechuun barreesse.
Taatee kun kan raawwatame yaaalii ajjeechaa baattii lama dura , namni qawwee hidhate tokko hiriira, Pennsylvania keessatti gaggeeffame irratti Tiraamp ajjeesuuf yaalee gurra isaa rukutee booda.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
FBI’n maxxansa X irratti barreesseen taatee Tiraamp irratti raawwatame kana qorachaa akka jiru ibseera.
Amma daandii fi bosona Filooriidaa kann naannawa dirree goolfii sanatti dhiyoo jiru keessatti hordoffii cimaan taasifama jira jedheera ibsi dhabbaticha.
Miidiyaaleen Ameerikaa qondaaltota seera kabachiisan maqaan isaanii hin ibsamne wabeeffachuun shakkamaa kana maqaan isaa Ryan Wesley Routh, kan Hawaayi jiraatu jechuun himan.
BBC‘n miidiyaa hawaasaa maqaa sanaan walsimu argatee adda baasuuf yaaleen Routh loltoonni biyya alaa gara Yukireen deemanii humnoota Raashiyaa waliin akka lolan gaafachuu isaanii kann agarsiisu jira.
Routh bara 2002 fi 2010 gidduutti yakka hedduu Kaaba Kaarolinaa, Gu‘ilford keessatti himatamee itti murtaa’uu isaa maddi CBS News ibseera.
Yakkoonni kunneenis meeshaa dhorkaa qabachuu, hidhamuu mormuu, konkolaataa mootoraatti buusee rukutee fiiguu, hayyama haqameen konkolaachisuu fi qabeenya hatame qabachuu kan dabalatudha.

Pirezidaantii Joo Baayiden ''Pireezidaantiin duraanii kun miidhamuu dhabuu isaan nan boqodhe'' jedhan.
Itti aanaa pirezidaantii Kamalaa Haaris filannoo pirezidaantummaa irratti Tiraamp waliin dorgommii cimaa keessa jiran ''yaaliin ajjeechaa pirezidaantii duraanii Tiraamp irratti raawwatamuuf ture baay'ee na jeeqeera'' jedheera.
"Yeroo dhugaa jiru walitti qabnu ifa ta'a: jeequmsa siyaasaa nan balaaleffadha. Taatee kun jeequmsa dabalataa akka hin fidne hundi keenya gahee keenya bahuu qabna."jetteetti.
Yaalii ajjeechaa baatii lama dura tiramp irratti rawwatame hordofee
irratti tajaajila basaasa biyyatti mormiin muudachuun Daarektarri dhaabbatichaa Kimberly Cheatle taatichii raawwatamee torban lama boodaa aangoo gadhiisuun kann yaadatamuudha.












