'Gadameessa lamaa, ujummoo gadameessaa lamaa fi qaama saalaa laman qaba’

Elizaabeet Amoo'aa

"Maqaan koo Elizaabeet Amoo’aa jedhama- dubartii gadameessa lama, ujummoo gadameessaa lamaafi hulaa qaama saalaa lama qabdu,’’ kuni nama ganna 38ti, lammii Gaanaa dha.

Waa’ee rakkoo fayyaa kana yeroo ibsitu sagalee isheerraa diddaatu ykn adda tahuutu dhagahama.

Yeroo umriin ishee ganna 32ti maal akka rakkatte hakimoonni kan adda baasanii itti himan.

Elizaabeet yeroo ammaa UK keessa kan jiraattu yoo tahu waggoota baay'eef dhukkubbii garaa hamaa hojiillee akka hin hojjenne ishee dhorku qabaachaa akka turte himti.

Rakkoon fayyaa kuni daayidelfiis(didelphys) yookiin hulaa gadameessaa dachaa jedhamuun kan beekamu yoo tahu namoota baay'ee xiqqoo irratti qofa mul’ata.

Bara 2010tti rakkoo kana akka qabdu otoo hin beekiin ulfooftee, yeroon dura, ji’a sagal otoo hin guutiin daa’ima dubaraa deesseetti. Daa’imni gadameessa gara mirgaa jiru keessatti otoo guddattuu, ulfuma taatee laguu argaa turte.

‘’Gadameessa koo gara mirgaa jiruun ulfa ta’uu nan danda’a, isa karaa bitaan immoo laguu argu nan danda’a. Kanaafin mucaa koo ulfa taheen kanan dhiiga argaa ture,’’ jetti.

Yaalii baqaqsanii wal’aanuufi qorannoowwan yaalii garagaraan booda qaama ishee keessa maaltu adeemaa akka jiru bara 2015tti hubachuu dandeesseetti.

Elizaabeet amma addunyaan waa’ee gidiraashee akka baru barbaaddi, kanaanis dubartoonni kaan waan isheen dabarsite keessa akka hin darbine feeti.

Yeroo jalqabaaf raadiyoo Gaanaa irra baatee waa’ee dhimma kanaa yeroo haasoftu namoonni baay'een yaada gaarii hin kennineefi, isheen garuu ammallee namoota barsiisuuf kutattuu dha.

Dhaabbata tola oolaa ‘Speciallady Awareness’ jedhamu hundeessiteetti, kitaaba waa’ee seenaa jireenyashee himus barreessitee bara darbe Sadaasa keessa maxxansiteetti.

‘’Gorsi ani dubartoota haala fayyaa wal-fakkaataa qabaniif kennu: hin callisinaa, qofaatti of hin gidirsinaa, dafaa qorannoo fayyaafi yaalii argadhaa-yaadadhaammoo isini adda dha,’’ jetti.