Guddinni sammuu akkuma hojjaa keenyaa yeroo booda ni dhaabbataa?

Saayintistoonni kana dura sammuun keenya umrii saalfattee (dargagooman) booda hin guddatu jedhaniitu yaadu ture.
Haatahu malee teeknolojiiwwan kanneen akka maashinii ‘MRI’ erga kalaqamaniin booda, sammuun keenya of haaromsaa akka deemu barame.
Sammuun keenya hammuma muuxannoo jireenya keenyaa caasaafi bifa isaa geeddarataa adeema. Dandeettiin kunis Niiwuroopilaastisitii jedhama.
Keelii Laambart Yunivarsiitii Richmoond’tti, Baayolojii fayyadamuun amala namootaa qo’atti.
‘’Yeroo dhalanne sammuu keenya keessatti seelii narviifi niwurooniiwwan biiliyoona 86 tahan qabanneeti dhalanne.
Tahus seelii kana hunda qabaachuun qofti, akka xuubii manni ittiin hin ijaaramneeti.
Seelii biiliyoona 86 qabaannee yoo itti hin fayyadamne, yoo caasaa hin qabsiisne waa’ee hin baasu.
Kanaaf ,niiwrooniiwwan sammuu fayyadaniifi fayyaalessa tahan qabaachuuf barumsaafi leenjiidhaan caasaa akka qabaatan gochuun barbaachisaadha,’’ jetti.
Laaraa Booyid, Yunivarsiiti Kolombiyaatti, Niiwuroosaayintistiidha, akka isheen jettutti guddina sammuu keenyaaf dhimmi ijoo amala keenyadha.
Sammuun keenya si’ataa tahee akka turuuf dalagaa isa baratameen ala kennuufiifi barsiisuun nurra jiraata.
‘’Haalli jireenyaa sochiifi dammaqina qabu guddina sammuuf barbaachisaa dha, kanas waan haaraa barachuun fiduu dandeenya, fakkeenyaaf afaan haaraa barachuu,meeshaa muuziqaa barachuu fa’idha.’’
‘’Badhaadhaa tahuun qarshiidhaan soorumuu, dalagaa keenya guyyuu kaffallee hojjechiisuu ykn mala otoomaatikii fayyadamuun waa dalaguu nuttii fakkaachuu mala, sammuun keenyi garuu jireenya badhaadhina qabu akkanatti waan fudhatu natti fakkaatu,’’ jetti Laaraan.
Sammuun haala gaarii irra jiraachuuf qaamni keenyi haala gaarii irra jiraachuun irra jiraata.
Akka Laaraan jettutti namoonni shaakallii qaamaa tassisan, dandeettii waa yaadachuu fi waa barachuu qabaatu, akkasumas ga’essummaa isaaniitti sammuu fayyaalessa tahe qabaatu.

‘’Kutaan sammuu keenyaa tokko dalagaa wayii irratti muuxannoo yeroo dheeraa qaba taanaan, carraan isatti milkaa’aa tahuu guddaa dha, waan haaraa baranna taanaan garuu niiwurooniiwwan haaraa caasaa qabsiisaa jirra gatii taheef leenjii fi irra deddeebiin dalaguun barbaachisaadha,’’ jetti.
Dalagaa tokko hojjechuun dura sammuu keenyatti shaakaluun murteessaa akka tahes himti Laaraan.
Atileetonni beekamoo otoo gara dorgommiitti ykn shaakallitti hin galiin dura sammuun isaanitiin shaakaluu jalqabu.
Gama biraan fakkeenyaaf, namni dhiigni sammuusaa keessatti dhangala’e tokko deebi’ee dhaabbatee deemuudhaaf yeroo itti fudhachuu danda’a garuu miilaan adeemuu yaadasaatti shaakaluun irraa fayyadamuu danda’a.
Kanaaf sammuun keenyi dandeettii amala gaarii hin taane cabsuun isa gaarii tahe fudhachuu qaba.
‘’Gama biraan dhukkuba hamaa keessa taanee sammuun keenyi miira dhukkubbii xiqqoollee jabaatee akka nutti dhagahamu godha, garuu nuti miira kana salphisnee yoo fudhanne, dhukkubichis hir’ataa adeema,’’ jetti Laaraan.
Haa tahu malee sammuun keenyi guddachuuf haala gaarii barbaada. Namni dhiphina yeroo dheeraaf saaxilame tokko guddinni sammuusaa daangeffamaa taha.
Keeliin, sammuun keenyi wiirtuu aannisaati jetti.
‘’Hammeentaa qaama keenya keessaa harka lama qofa haa qabatuyyuu malee, annisaa qaama keenyaa harka 20 barbaada.
Kanaaf yoo ni dhiphanna taheef aannisaan keenyi seelii sammuu keenyaa ijaaruuf fayyadamnu akkamiinan kanarraa miliqa jechuu jalqabaa jechuu dha,’’ jetti ogeettiin kuni.
Kanaaf aannisaa gaarii hin taane yeroo gara sammuu keenyaa fidnu of eeggachuufi akkatti jalaa baanu baruu qabna.
Sammuun keenyi umrii waliin geeddaramaa adeemaa kan jedhu Keeliidha.
Sammuun ijoollee kan ga’eessotaa caalaa guddachuu, bal’achuufi dafee waa barachuu danda’a.
Kunis kutaan sammuu ijoollee baayyeensaa kan hin geeddaramneefi akka waraqaa homtuu irratti hin barreefamnee gatii taheefi jetti.
Haa tahu malee yeroo umriin keenyi dabalu waa barachuuf abdii kutachuu hin qabnu sababiin isaas akka qorannoon agarsiisutti namoonni taphaafi dorgommii keessa yeroo dheeraa turan sammuun isaanii ammallee waa yaadata.
Kanaaf Laaraan, sammuun keenyi guddina isaa akka itti fufuuf dorgommii fi taphoota kanneen akka bishaan daakaa, afaan haaraa barachuu, dandeettii haaraa yaaluu fa’i keessatti hirmaachuu qabna jetti.












