Maaliitti dubartiin waggaa 25 al-takkaatti daa'imman sagal deesse

Madda suuraa, Getty Images
Daa'imman saglan dubartiin biyya Maalii umurii ganna 25 taate Halimaan dheengadda deesse haala gaariirra jiraachuu hakiimonni himan.
Haata'u malee, daa'imman kunneen meeshaa ho'a kennu (incubators) keessa ji'a lamaa hanga sadii turuu qabu jedha daarektarri kilinikii bakka isaan itti dhalatanii.
Daa'imman kanneen keessaa shan dubara, afur ammoo dhiira yoo ta'an, yeroo dhalatan giraama 500 hanga kiiloogiraama 1 ulfaatu.
Halimaan daa'imman saglan kana yeroo takkaatti deessu kanatti doktoroonni kudhaniifi hakiimonni gargaarsaa 25 irratti hirmaataniiru.
Maaliitti dubartiin waggaa 25 altakkaatti daa'imman sagal deesse, haalli akkanaa addunyaarratti mudachuun carraansaa baay'ee xiqqoodha.
Ministirri Fayyaa Maalii Dr Faantaa Sibii akka jedhanitti dubartiin kun wal'aansa baqaqsanii yaaluu(Caesarean section) jedhamuun deesse.
Haliimaa Siisee wayita ulfa turtetti altiraasaawundiin akka ilaalamtee turtetti daa'imman garaashee keessa turan torba.
Hospitaalota Maalii fi Morookoo keessatti wayita ilaalamaa turtetti daa'imman torba irraan kan hafe daa'imman lamaan biroon jiraachuun tasumaa hin baramne ture.
Dr Faantaa Sibii akka jedhanitti daa'immanii fi haati isaanii haala fayyummaa gaariirra jiru.
Torbeewwan muraasa erga hospitaala turanii booda manatti deebi'u jedhan.
Qondaalli fayyaa kun garee ogeeyyii fayyaa Maalii fi Morookoo akkaan ajaayibsiifataniiru.
Garee wal'aansa fayyaa haadha kanaaf taasisaniin baga gammaddan kan jedhan Dr Faantaa Sibii, ''ogummaan dhala namaa wayita madda gammachuu ta'u arguu caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru,'' jedhan.
Haalli Haliimaa Siisee wayituma ulfaa irraa eegalee qalbii biyya Lixa Afriikaa ( Maalii) hawwate, hooggantoonni biyyattii baay'ee itti dhimmamaa turan.
Kanaaf bakka kunuunsaaf isheef mijatu Morookootti akka yaalamtu haala mijeessan.
Maaliitti haalli mijateefii wal'aanamaa kan turte yoo ta'u wayita doktarri addaa(ispeeshaalistii ta'e) barbaadamutti ammoo Morookootti ergamaa turte.
Dubbi Himaan Ministeera Fayyaa Morookoo Raashiid Koudhari, dubartiin kun daa'ima haga kanaa deessi jedhee eegee hin beeku jechuun AFP'tti himan.















