Gadameessa dubartii duute keessaa daa'imni jalqabaa dhalatte

Miilla daa'imaa

Madda suuraa, Getty Images

Dubartii du'aan boqotterraa gadameessa fuudhanii dubartii lubbuun jirtuuf erga bakka buusanii booda daa'mni fayyaan dhalachuu dandeesseetti jedhu Ogeeyyiin fayyaa Biraazil.

Wal'aansi fayyaa gadameessa qaama dubartii lubbuun jirtu kana keessa kaahuu sa'aatii 10 kan fudhateefi wal'aansi biroon daa'ima horachuu ishee dandeessisu kan raawwatame bara 2016 magaalaa Saa'oo poolotti ture.

Dubartiin gaanna 32 yaala kana argatte dhalootumaarraa gadameessa hin qabdu ture.

Kana dura arjoomni gadameessaa namoota lubbuun jiraniin haadhota ijoollee isaaniif guumachan dabalate 39 kan raawwatame yoo ta'u daa'imman 11 dhalachuu danda'anii jiru.

Haata'u malee yaaliin daa'ima argachuu dubartii lubbuun hin jirre irraa taasifame hanga ammaatti osoo hin milkaa'iin tureera.

Yaala kenname

Dubartiin gadameessa arjoomte kun haadha ijoollee sadii fi umuriin walakeessaa 40 geessee, dhiigni sababa sammuu keessaatti dhangala'eef lubbuun dabarte.

Dubartiin arjooma gadameessaa argatte ammoo rakkoo fayyaa 'Mayer-Rokitansky-Küster-Hauser syndrome' jedhamuu fi dubartoota 4,500 keessaa tokkorratti mudachuu danda'un miidhamteedha.

Rakkoon kun qaama saala dubartii fi Gadameessa miidha.

Ovaariin ykn qamni hormaataa dubartii hanqaaquu qopheessu nagaa waan tureef ogeeyyiin fayyaa hanqaaquu qophaaye fuudhanii Ispeermii nama abbaa daa'imaa ta'u waliin wal-nyaachisuun qorrisiisan.

Dubaartiin wal'aansi kun godhameef sirni ittisaa dhibee qaama ishee gadameessa dubartii duutee baqaqsanii yaalun argattee akka hin lolleef ogeeyyiin fayyaa qoricha sirna ittisaa dhibee qaama ishee dadhabsiisu kennaniif.

''Ajaa'iba guddaadha''

Torban 6 booda dubartiin kun laguu arguu jalqabde.

Ji'a torbaan boodas hanqaaquun ispeermii wajjiin wal ta'ee qophaa'e gara gadameessa isheettii dabarfame.

Turtii ulfaa naga qabeessaan boodas intallii durbaa kg 2.5 ulfaattu waggaa kana ji'a kana keessa baqaqsanii yaaluun nagaan dhalachuu dandeesse.

Hospitaala 'das Clínicas' Saa'oo Poolootti ogeessa fayyaa kan ta'an Dr. Daanii Eziinbeerg waldhaansi baqaqsanii bakka buusuu gadameessaa arjoomtota lubbuun jiraniin raawwatamu addunyaa wal'aansa faayya keessatti bakka guddaa qaba jedhu.

"Dubartoota carraa dahuu hin qabneef daa'ima akka argatan garagaara'' jedhu.

Koollejii Impeeriyaal Landan keessatti argamuuf kan hojjetan Dr. Siraajaan Saasoo ammoo bu'aan argame ''ajaa'iba guddaadha'' jedhan.