YouTube irratti namoota hunda caalaa argachaa jiran: Daa'imni waggaa torbaa dolaara miliyoona 22 argata

Ryan kan Ryan ToysReview irra jiruu

Madda suuraa, YouTube

Ibsa waa'ee suuraa, Galiin Ryan argatu erga waggaa darbeetii qofa dadhaa dabaleera

Dolaara miliyoona 22 argachuudhaan daa'imni waggaa torbaa ashaangulliota (toy) keessa deebiyee ilaalu tokkomucaa YouTube irratti nama hundaa ol argatu ta'een beekameera.

Akka barruun Foorbiis argadhe jedutti daa'immni Ryan jedhamu Ryan ToysReview nama Jake Paul jedhamuun dolaara 500,000 caaleera.

Viidiyoowwan guyyaa guyyaan kan fuula YouTube irratti ba'an yommuu ta'u kan mata duree blue giant myself jedhu fuula Ryan qabatee bahe Dilbata kaleessaa irraa eegalee si'a miliyoona daawwatameera.

Dude Perfect channel kan jedhamu ammoo dolaara miliyoona 20 argachuudhaan sadaffaadha jedheera Foorbiis.

Ijoolleen maaliif viidiyoo isaa kana jaallatu jedhamee NBC irratti gaafatamee, sababiin isaan jaallataniif ani waanan isaan bohaarsuufi anis nama taphataa waanan ta'eef," jedhe Ryan

Chaanaaliin kun erga maatii Ryaniin Bitootessa 2015 banamee, viidoyoon kun namoota miliyoona 26 ta'aniin daawwatameera, hordoftoota miliyoona 17.3 ta'anis horateera.

YouTube irratti vidiyoo agarsiisuun warra galii guddaa argatan sadarkaatiin
Presentational white space

Ashaangulliitonni (toys) takkaa viidiyooo sanaan mullatan dafanii gabaarratti gabaa gaariin argachuunis ni gurguramu.

Ammallee daa'ima waan ta'eef galiin Ryan argatu keessaa %15 lakkoofsa baankii herregaa keessa akka ture taasifamee yeroo umurii seeraan ga'eessa ta'e qofa fudhachuu danda'a.