Qondaalli duraanii Mossad akkaataa Israa'el hogganaa olaanaa Iraan itti basaasaa turte ifa godhe

 Ali Kameni

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ali Kameni
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Hogganaan olaanaa duraanii Rippabiliika Islaamaa Iraan Ayaatolaa Alii Kameenii haleellaa waloo Ameerikaa fi Israa'el raawwataniin erga ajjeefamanii torban muraasa booda qondaalli duraanii Mossad akkamitti hogganaan kun fi qondaaltonni olaanoo waraanaa fi siyaasaa biyyattii adamsamaa akka turan ibsan.

Dhaabbata basaasaa Israa'el Moosaaditti qondaalli olaanaa duraanii Raamii Igiraa hojjattoonni basaasaa bakka hoggantoonni jiran akkamitti akka addaa baasaan, akkasumas bu'aan waraana deemaa jiru maal ta'uu akka danda'u gaaffiifi deebii BBC' waliin taasisaniiru.

Akka qondaalli basaasaa kun jedhanitti, teeknooloojiiwwan saayibarii fi meeshaaleen dijitaalaa hojii basaasaa keessatti gahee murteessaa bahaniiru.

Erga guyyaa jalqabaa waraanni kun eegalee kaasee guyyaa guyyaatti haalli fi sadarkaa waraanaa haaraan mul'ataa jira.

Haa a'u malee, waa'ee taatee guyyaa jalqabaa waraana addunyaa raasaa jiruu kanarratti muudate ilaalchisee odeeffannoon ifa ta'e tokkollee hin baane.

Namoonni hedduun Ameerikaa fi Israa'el bakka Hogganaan Olaanaa Rippabiliika Islaamaa turan akkamitti akka bira ga'an, akkasumas Israa'el waraana kana keessatti maal galmaan gahuu akka barbaadduu fi kaayyoo ishee galmaan ga'uuf hangam akka deemtu gaaffiin guddaan ka'aa jira.

Dhimma kana irratti BBC'n gaaffilee fi deebii qondaala basaasaa duraanii Israa'el Raami Igraa waliin taasiseera.

Gahee teeknooloojiin odeeffannoo walitti qabuu keessatti qabu

Bakka Ayatollah Kamenei itti ajjeefameetti naannoo barbadaa'e

Madda suuraa, Airbus

Akka hojjetaan duraanii Mossad kun jedhanitti, teknooloojiiwwan sadarkaa olaanaa addunyaa keessatti argaman dhaabbileen basaasaa odeeffannoo baay'ee akka walitti qaban taasiseera.

Kunis odeeffannoo iccitii namoonni dhuunfaa qaban guutummaatti argachuuf carraa akka uume ni akeeka.

"Har'a namni odeeffannoo basaasaa walitti qabuuf dhamaatii guddaa gochuun isa hin barbaachisu," jedha Raamii Igraa.

"Ejensiiwwan basaasaa bilbila harkaa namootaa butuun, sagalee bakka adda addaatti taasifamu dhaggeeffachuu, yeroo baayyees suuraa kaasuu danda'u.

Odeeffannoo walitti qabuun amma meeshaalee saayiberii fi teeknooloojiiwwan sadarkaa olaanaa qaban irratti kan hundaa'edha''

Akka qondaalli basaasaa duraanii kun jedhanitti, magaalaa akka magaalaa guddoo Iraan, Teehran keessatti ragaa odeeffannoo kaameraa fi meeshaalee dijitaalaa argachuun rakkisaa miti.

Hibboo suuraa reeffa Kamenii

Garuu ammallee dhimmoonni tokko tokko Raamii Igiraaf illee hibboo ta'anii hafan jiru.

Fakkeenyaa suuraan reeffaa Ayaatola Alii Kameenii kan ministirri muummee Israa'el arge jedhan akkamitti akka argame ammallee ifa miti.

"Suuraan kun karaa hojii saayibarii ykn madda namaa bakka sana tureen argamuu danda'a '' kan jedhan qondaalli basaasaa Israa'el kun, odeeffannoo karaa teeknooloojii ammayyaatiin argamuu malees odeeffannoon namootaa naannawa san jiraniin walitti qabamus barbaachisaa ta'uu ibsaniiru.

Akkasumas, yeroo haleellaan kun raawwatametti hogganaan olaanaa Iraan maaliif mana isaanii keessa akka turan ifa miti jedhan.

Tarii Ayaa tolaa Alii Kameenii haalli nageenya isaanii amansiisaa ta'uu fi gosa haleellaa isa mudateen akka irratti hin xiyyeefatamne yaadee ta'uu dand'aa jechuun tilmaama.

Wayita namootni du'a Ayaatollah Kameniif daanditti bahuun gadda isaanii ibsataa turan.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Wayita namootni du'a Ayaatollah Kameniif daanditti bahuun gadda isaanii ibsataa turan.

Kaayyoon waraana kanaa maali?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qondaalli duraanii Mossad Raamii Igraa kaayyoo fi galmoota waraana kana irratti xinxala isaanii kennaniiru.

Ameerikaa fi Israa'el galmi isaanii inni guddaan jijjiirama sirna Iraan ta'uu irra deddeebi'anii dubbataa turaniiru. Kunis kan ta'u haal-dureewwan murtaa'an yoo guutaman qofa akka ta'e akka amanan himaniiru.

Jijjiirama sirnaa Iraan keessatti dhufuuf wantoota sadii barbaachisa jedhu.

Isaanis sochii ummataa bal'aa, humna waraanaa meeshaa mootummaa dura dhaabachuuf dandeetti qabuu fi kana qajeelchuuf hoggansi ifa ta'e jiraachuu qaba jedhu.

Garuu Raamiin jijjiiramaaf wantoonni barbaachisoo ta'an kun yeroo ammaa Iraan keessatti hanqina qabu jedhu.

Akka qondaalli Mossad duraanii kun jedhanitti, jijjiiramni siyaasaa Iraan keessatti dhufuuf yoo ta'e, adeemsa dheeraa fi harkifataa ta'uun isaa hin oolu.

Akkasumas kaayyoon waraana kanaa daangeffamuu akka danda'u ibsuun, kanaaf wanti barbaachisaan mootummaan Ameerikaa kaayyoo isaa galmaan ga'uu fi dhiisuu isaa yoom akka labsu beekuu akka ta'e dubbataniiru.

Raami Igraa Ministirri Muummee Israa'el sochii Iraan keessatti saffisiisuu yoo barbaadan, haalli akkanaa dhugoomuuf wantootni hedduun barbaachisa ta'uu eeru.

Itti dabaluunis waraana kana keessatti miidhaan loltoota Ameerikaa irra gahu yoo dabale dhiibbaan biyya keessaa Ameerikaa waraanni kun akka xumuramuuf godhamu dabaluu akka danda'u dubbataniiru.