Morkii kilaboota Ingilaand gufachiise, olaantummaa Arsenaal kilaboota Jarmanii irratti qabu obbaase

Madda suuraa, Getty Images
Morkiin Chaampiyoonsi Liigii kilaboonni 16 taasisan kilaboota Piriimer Liigii Ingilaand, dorgommicha keessa baayyinaan galuun olaantummaa qabataniiru jedhamuun jajamaa turaniif, morkii milkii qabu hin turre.
Barana kilaboonni Piriimer Liigii ja'a gara 16tti kan makaman yoo ta'u tapha marsaa jalqabaa Kibxataa fi Roobii taphatamaniin tokkoonsaaniiyyuu hin injifanne.
Kilaboonni Ingilaand kunneen marsaa jalqabaa kanaan dirreen ala isaan ga'e. Niwukasil qofatti dirreesaatti Baarseloonaa keessummeessee goolii tokkoon walqixa ba'e.
Liigicha keessatti kilabiin maqaa gaarii qabu, kan addunyaarratti kilaboota ciccimoo keessaa tokko ta'e, Maanchistar Siitiin harka Riyaal Maadiriiditti salphate.
Tapha kana goolii 3 fi 0 dhaan mo'amuu jechuun tapha itti aanutti Itihaad irratti qormaata cimaatu garee Gaardiyoolaa eeggata jechuudha.
Sana dura ammoo kilabni Ispeen biraan Tootenhaam mufachiisee ture. Tapha goolii hedduun irratti galeen Atileetikoo Maadiriid 5 fi 2n kilaba kaaba Landan, Spurs'n, injifate.
Tapha Riyaal Maadiriid fi Maanchistar Siitii irratti taphataan tokko ga'umsa addaa mul'iseera. Federikoo Vaalveerdee kophaasaa goolii sadi galchuun kilaba Piriimer Liigii keessatti abdatamu gaddisiise.
Gareen Peep Gaardiyoolaa dorgommii olaanaa Awurooppaa kana keessa turuuf hojii guddaa hojjechuu akka qabu hoji-manee kenneef.
Chelsiinis akkuma Tootenhaamitti injifatame. Chaampiyoonaan bara darbee PSGn dirreesaatti goolii 5 fi 2n injifateera.
Kilabni Turkii Gaalatasaraay chaampiyoonaa Piriimer Liigii bara darbee Liiverpooliin goolii 1 fi 0n yoo injifatu, dursaan kilabichaa Arsenaal Baayer Leverkusen, Niwukasil Baarseeloonaa waliin qixa ba'aniiru.
Walumaagalatti kilaboonni Piriimer Liigii tapha marsaa jalqabaa kana hin injifanne. Kilaboonni kunneen carraa biraa qabu- marsaa lammataan torbee deebi'ee dhufa.
Hedduun ammallee waan fedhan argachuuf carraa bal'aa qabu, taphi garri caalus dirree isaaniirratti taphatama.
Garuu kilaboonni muraasni rakkoo keessa jiru.
Kilaboonni Piriimer Liigii Ingilaand yeroo dhumaaf tapha kilaboonni 16 dorgoman kana marsaa jalqabaa osoo hin mo'in kan hafan bara 2022-23 ture.
Olaantummaa kilaboota Piriimer Liigii fashale
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dorgommii Chaampiyoonsi Liigii baranaa keessatti ga'umsi kilaboota Piriimer Liigii Ingilaand hanga ammaatti gaarii ture.
Ammoo olaantummaan kilaboota liigii kanaa baayyee odeeffame. Kilaboota ja'a gara 16tti darban keessaa shan 1-8 keessa galuun kallattiin darban.
Inumaa qabxii gabateerratti ibsame keessatti kilaboota 1-4 turan keessaa sadi kilaboota Ingilaand.
Dursaan liigichaa Arsenaal Chaampiyoonsi Liigii keessattis tokkoffaa ta'ee gara 16tti makame.
Garuu ga'umsi isaanii leellifamaa ture kun dorgommii kilaboota 16 keessatti waan fashale fakkaata.
Keessattuu akkaataa itti Chelsii, Tootenhaam fi Maanchistar Siitiin injifataman olaantummaa arbeeffame kanatti bishaan naqa.
Kilaboonni kaan sadeen: Arsenaal, Niwukasil fi Liiverpuul marroo lammataarratti qabxii deebifachuuf abdii qabu. Kaan garuu qorumsa cimaatu isaan eeggata.
Niwukasil osoo dursuu xumura irratti Baarseloonaa faana qabxii qooddate, Arsenaal durfamaa osoo jiruu goolii xumura irratti Kaayi Havertis galcheen baraarame, Liiverpuul goolii 1fi 0n Gaalataasaraayiin mo'ame.
Arsenaal dorgommii Chaampiyoonsi Liigii bara kanaa yeroo jalqabaaf osoo hin injifatin ba'e.
Taphoota duraa saddeet keessaa saddeet injifachuun gara 16tti darbe. Kilaboota Piriimer Liigii Ingilaand kunneen keessaa kan morkataa isaatti karaa cufee qabxii sadiin ba'uuf ijibbaata falmate Niwukasil ture.
Garuu taphi marroo lammataa Isteediyeemii Nuu Kaamp (Baarseloonaa) ta'uun akkaan isa qoruu danda'a.
Maarree olaantummaan kilaboota Piriimer Liigii kun akka itti fufu yoo barbaadame marroo lammataatti hojii guddaa hojjechuu qabu.
Shanan isaanii marroo jalqabaa dirreesaaniin ala morkatan. Chelsii, Spurs, Siitii irraa hojii guddaatu eegama, qabxii gatan hin deebifatan taanaan nagaatti.
Ammoo Arsenaal fi Liiverpuul dorgommicha keessa turuuf abdiis carraas guddaa qabu.
Kilaboonni marsaa 16 kanaan marroo jalqabaarratti ga'umsa gaarii agarsiisan, kanneen kilaboota Piriimer Liigii duuba turanidha. Baayyeensaanii inumaa 1-8 keessa warra hin turredha.
Bodo/Glimt, Atileetikoo, Riyaal, PSG fi Gaalatasaraay gabatee Chaampiyoonsi Liigii irratti 1-8 keessa hin turre. Boodarra falmachuun gara 16tti darban.
Tooftaa fi malli Gaardiyoolaan male hin hojjenne

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Leenjisaan Maanchistar Siitii Peep Gaardiyoolaan taphattoota sarara fuulduraa goolii galchuurratti ga'umsa olaanaa qaban akkaan abdatee ture.
Akkanni itti amane osoo hin taane harka Maadiriiditti salphatan. Dandeettiinsaanii Barnaboo irratti osoo hin mul'atin hafeera.
Gooliin jalqabaa Federiikoo Vaalveerdee qoramuu Siitiif ka'umsa taate. Kubbaan gooli eegaan Riyaal Maadiriid Tiiboo Koortowaa fageessee dhiite erga ittisaa Siitii Nikoo Oo Reeyilii irra bu'ee booda Vaalveerdeef haalli mijate.
Taphataan sarara gidduu Riyaal Maadiriid kun goolii eegaa akkaan sodaatamuu fi Siitiin abdatu Jiyaanluyiijii Donaaruumaa qaanessuuf yeroo itti hin fudhanne.
Hanqinni Tootenhaam ittiin qaana'e Siitii biratti mul'achuu baatus, akkaataa Gaardiyoolaan itti dhihaate garuu Maadiriid akka tapha kana mi'eeffatu taasiseera.
Qabxiin akkaan isa barbaachistu, qabxii sadi, Siitiirraa argachuun salphaa akka hin taane Maadiriid caalaa kan beeku hin jiru.
Peep Gaardiyoolaan waancaa Chaampiyoonsi Liigii nyaachuuf fedhiin qabu fagoodha, garuu amma harka Maadiriiditti kan kufu Siitiin, dorgommicha keessaa ba'uuf carraan qabu bal'ateera.
Ammoo gareen Gaardiyoolaa kun bara kana yoo kufe, baroota taphaa sadi walitti aansuun Riyaal Maadiriidiin dorgommii Chaampiyoonsi Liigii keessaa baafamuu isaati.
Gaardiyoolaan ga'umsa gareesaa wayita madaalu ijoolleesaaf qabxiin kana caalu akka maluuf dubbata.
Garuu yeroo ammaa Siitiin qormaata isa fuuldura jiru darbuuf mudhiisaa hidhachuu akka qabu ammoo amana.
''Qabxii kana deebifachuuf carraa bal'aa qabaachuu dhiisuu dandeenya. Garuu ammoo inuma yaalla,'' jedhe Gaardiyoolaan.
''Qabxiin arganne ga'umsa nuti agarsiifne hin madaalu. Tapha gaarii taphanneerra. Waan nurraa eegamu gooneerra. Garuu carraa bal'aa hin uumne. Osoo akkas gooneerra ta'ee adeemsa nu fayyadu deemne jechuudha. Garuu Riyaal Maadiriid baayyee hamoodha.''
Gaardiyoolaan rukuttaa peenaalitii Viniishiyes Juuniyer dhiite kan Doonaaruumaan oolche irratti wayita yaada kennu, gooli eegaan kun akka abdii isaaf kenne ibse.
''Goolii 3 fi 0n, goolii 4 fi 0 akka caalu beekamaadha. Qabxiin argame nama qora, salphaa miti. Kana hin haallu. Ga'umsi Vaalveerdee akkaan ajaayiba. Qabxii ulfaataadha, garuu guyyaa ja'a qabna, ni dandamanna. Ammas ni yaalla,'' jedhe.
Dorgommicha keessa turuuf carraa qabuu?

Kilaboonni ja'anuu gara saddeetiitti makamuu ilaalchisee tilmaamni Opta dhaan kenname, kan tapha dorgommii kilaboota 16 gidduutti gaggeeffamu dura kennamee tureerraa hir'ateera.
Kanneen dhimma ispoortii bal'inana gabaasan garuu ammallee carraan jira jedhu.
Irruma caalaa ammoo Arsenaal fi Liiverpuul carraa guddaa akka harkaa qaban himu.
Duraan tilmaama xiqqaa kan argate Niwukasil ammoo erga Baarseloonaa waliin qixa ba'ee qabxii qooddatee booda tilmaama olaana argateera.
Arsenaal fi Liiverpuulitti aansee tilmaamni guddaan kennameefii kan ture Siitiin amma erga Maadiriid goolii 3 fi 0 dhaan injifatamee booda carraa gara saddeetiitti makamuu isaa baayyee xiqqaateera.
Chelsiis carraa Siitiitu isa mudate. Tootenhaam duraanuu tilmaama guddaa hin arganne. Amma ammoo carraan inni qabu baayyee gadi bu'eera.















