Aanaaleen Oromiyaa ergaan akeekkachiisa balaa kennameef isaan kami?

Kutaalee biyyattii balaa sigigaa lafaaf saaxilamuu danda'an
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Komishiniin Hooggansa Sodaa Balaa kutaalee biyyattii balaa sigigaa lafaaf saaxilamuu danda'u jedhe ilaalchisee akeekkachiisa dursaa dabarseera.

Rooba cimaa Naannoo Kibba Itoophiyaa Godina Gaamootti ALI Bitootessa 1, 2018 roobeen aanaalee godinichaa garagaraa keessatti balaan sigigaa qaqqabee yoo xiqqaate lubbuun namoota 52 darbeera.

Kunneen eessa buuteensaanii hinbaramne akka jiran akkasumas jiraattonni kumaan lakka'aman buqqa'uusaaniis Waajjirri Komunikeeshinii godinichaa toora Feesbuukii isaarratti ibseera.

Gama biraatiin Komishiniin Hooggansa Sodaa Balaa kutaalee biyyattii balaa sigigaa lafaaf saaxilamoo ta'an ilaalchisee of-eeggannoon akka taasifamu ergaa akeekkachiisa dursaa dabarseera.

Ergaan kunis yeroo Bitootessa 2018 hanga Fulbaana 2019 ofkeessatti kan qabate akka ta'e himameera.

Waqtiin Arfaasaa keessattuu kutaalee Kibba fi Kibba Baha biyyattiitti waqtii roobaa ta'uusaa kan hime komishinichi, kutaaleen biyyattii kunneen balaa sigigaa lafaaf saaxilamoo akka ta'an Komishinichi beeksiseera.

Dabalataan Komishinichi aanaalee naannolee Amaaraa, Giddugaleessa Itoophiyaa, Oromiyaa, Sidaamaa, Kibba Itoophiyaa, Kibba Lixa Itoophiyaafi Tigraay balaa sigigaa lafaaf saaxilamuu danda'u jedhe adda baasee jira.

Haaluma kanaan naannoo Oromiyaa godina Jimmaatti aanaaleen akka Qarsaa, Maannaa, Gommaa, Geeraa, Saqqaa Coqorsaa, Dedoo fi Cooraa yaaddoo sigigaa lafaa qabaachuu danda'u jedheera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Godina Shawaa Lixaatii aanaaleen akka Gindabarat, Jalduu, Calliyaa, Meettaa Roobii, Abunaa Gindabarat, Tokkee Kuttaayee, Ejersa Lafoo fi Meettaa Walqixxee aanaalee yaaddoo sigigaa lafaa qabaachuu danda'u jedhamanidha.

Kana malees godina Shawaa Kaabaatii aanaaleen Warra Jaarsoo, Darraa, Hidhabuu Abootee, Kuyyuu, Yaayyaa Gullallee fi Alaltuu kunneen akeekkachiisa dursaa komishinichaa keessatti eeramanidha.

Shawaa Bahaatii aanaan Gimbichuu, Arsiidhaa aanaaleen Asakoo, Gololchaa fi Seeruu akkasumas Harargee Bahaatii immoo Meettaa fi Gurawaan adda bahaniiru.

Dabalataan komishinichi godina Shawaa Kibba Lixaatii aanaan Ammayyaa, Gujii Lixaatii aanaaleen Hamballaa Waamannaa, Abbaayaafi Galaanaa akkasumas godina Bunnoo Beddelleetii aanaalee Deeggaa, Gachii fi Dhidheessaa yaaddoo sigigaa lafaa qabaachuu danda'u jedheera.

"Gandoota aanaalee hunda keessatti sigigaan lafaa ni mudata jechuu miti" kan jedhe komishinichi, naannolee balichaaf saaxilamoo ta'anitti garuu of-eeggannoon taasifamuu akka qabu himeera.

Tarkaanfilee fudhatamuu qaban

Miidhaa balaa sigigaa lafaa waqtiilee Arfaasaa fi Gannaatti mudatuun qaqqabu hir'isuuf tarkaanfileen garagaraa fudhaatamuu akka qaban Komishiniin Hooggansa Sodaa Balaa beeksiseera.

Tarkaanfilee kunneen keessaa tokkos hawaasa iddoowwan eeranitti argamaniif hubannoo laachuu akka ta'e kan hime komishinichi, Komishiniiwwan Hoggansa Sodaa Balaa naannolee, qaamoleen mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran akkasumas miidiyaaleen qooda akka fudhatan himeera.

Kana malees hawaasni burqaawwan bishaanii hinbaramnefi waqtii arfaasaafi gannaatti iddoowwan shaffaxa fi tabba ta'anitti mul'atan fayyadamuurraa akka ofqusatanis akeekkachiisera.

Mallattoowwan sigigaa lafaa kan akka sigigaachuu dhagaafi biyyee yeroo mul'atanittis qaamolee mootummaa dhiyeenyatti argaman beeksisuun akka barbaachisu himeera.

Dabalataan mallattooleen babbaqaqiinsa lafaa keessattuu iddoowwan shaffaxaafi hallayyaatti yeroo mul'atanittis waajjiraaleen hooggansa soda balaa aanaaleefi miidiyaaleen hawaasa beeksisuu akka qabanis dhaamera.

Kana malees iddoowwan balaa sigigaa lafaaf saaxilamoo ta'an dhiyeenyaan hordofuufi yeroo balaatti hawaasa gargaaruud qophii taasisuu akkasumas giddugalawwan qindeessa deebii yeroo hatattamaa qophii akka ta'an gochuun akka barbaachisu komishinichi akeekkachiisa isaa keessatti eeree jira.

Waqtii roobaa hordofee kutaalee Itoophiyaa garagaraatti balaawwan sigigaa miidhaa yemmuu qaqqabsiisan kan mul'atu yemmuu ta'u, balaa sigigaa lafaa Adoolessa bara 2024 Naannoo Kibba Itoophiyaa Godina Goofaa aanaa Gazzee Goofaatti qaqqabeen lubbuun namoota 250 ol darbuunsaa ni yaadatama.