Lolaa rooba cimaa hordofee mudatuuf of eeggannoo akkamiitu barbaachisa?

Madda suuraa, Komunikeeshinii Shawaa Lixaa
Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Iluutti lagni Awaash guutee lola'uudhaan jiraattota ganda lamaa qe'eerraa buqqise.
Namoonni kuma 9 ta'an gandoota kanneen keessaa buqqa'an mana barnootaa tokko keessa qubachuudhaaf dirqamuu bulchaan aanichaa Obbo Taaddalaa Tasfaa BBCtti himaniiru.
Balaan lolaa kun aanaalee ollaa keessattillee mudachuu eeran.
''Lagni Awaash bokkaan humnaa ol waan roobeef qabatamaatti yeroo ammaa kana gandoota lama guutummaan guutuutti buqqise. Ganda Weerarsaa Qallinaa fi ganda Muloo Fattay jedhaman."
Hanga ammaatti miidhaan lubbuunamaarra gahe hin jiru kan jedhan bulchaan aanaa Iluu, horiin gaafaa baheera garuu ragaan isaa ammatti guutuu ta'uu baatus handaaqonniifi jabboonni kan miidhaman jiru jedhan.
Lolaan kun bishaan Sambata galgala laga Awaash guute keessaa cabsatee akka bahe kan dubbatan Obbo Taaddalaan, hakan keessaa sa'aatii saddetitti osoo namni qophii hin qabaatiin waan irra baheef midhaaniifi qabeenyi mana keessaa jiraattota jalaa manca'uu isaa ibsan.
„Kanarraa kan hafe ammmoo ummanni qabeenya qabu hanga danda'e qooxii…qooxii waan qaburratti baafachuuf yaalii godheera. Waliigala lakkaaamee baatus qabeenyi halkan sa'aatii saddetirratti waan irratti dhangala'eefi qophii dursaa waan hin gooneeef hanga tokko miidhaan qaqqabeera."
Lagni Awaash yeroo baayyee guutee namoota buqqaasuun beekama waan ta'eef maaliif fala dhabe kan jedhu kan gaafataman aanga'aan aanaa kun, kanaan dura muuxannoo jiruun waggaa toorban kana kan inni bifa kanaan buqqaasee waan tureef mootummaan kallattii kaa'ee rakkoo mudachuu malu xiqqeessuudhaf hojjechaa turera jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
„Garuu ammoo bokkaan kun [potential] lafti kun qabachuu danda'uun ol roobe. Fakkeenyaaf, bishaanichi guutee hanga meetira tokkoofi walakkaa, lamaafi sadii bakki qaqqbu jira. Bakka baayyee inni itti hojjaa namaatiin ol itti ta'e ni jira.
Namoonni buqqa'an akkaataa gargaarsa argachuu danda'anirratti hojjechuuf sadarkaa Buusaa Gonofaa godinaa, naannoofi Federaalaarraa koreen adda addaa dhaabbatee hojjechaa jiraachuu ibsan.
''Ummanni kun yeroo buqqa'an yaballi dhufeefii jira. Yabala sanaan ture ummanni kun kan gara kanatti fuudhame. Konkolataanis mijaawee gara magaalaa Tajiitti geeffamaniiru.
''Bakka tokko mana barumsaa keessadha kan ammaaf qubachiifnee jirru. Achi keessatti ammoo ummata lakkoofsa isaa amma ibsine kanaaf nyaanni mijateef jira."
Hanga ammaatti humna keenyaa ol hin taane kann jedhan Obbo Taaddalaan, kanaan booda garuu humna keenyaan ol ta'a yaaddoo jedhu akka qaban BBCtti himan.
Sababii ummanni bakka tokkotti baayyachaa jiruufi qabeenya harkaa qaban fixuu waan danda'aniif waliif birmachuun waan barbaachisuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu sadarkaa adda addaarra jiran akka isaan gargaaran fedhu.
Godinuma sana keessa aanaa Daawit ganda Qarsaa Boombii jedhamu keessatti, akkasumas godinuma Shawaa Kibba Lixaa aanaa Sabbataa Hawaas keessattis balaan kun mudachuu jiraachuu kaasan.
Roobni bara kanaa ulfaataafi hammaataadha waan ta'eef furmaata isaatiifis ministeerri bishaanaa mootummaa Federaalaa rakkoon kun deebiyee akka hin mudanneef akka hojjetamuuf har'a irraa kaasee iskaavaatariin galee bakka sirrachuun isarra jiraatu akka sirreeffamuuf kallattii kaa'uu dubbatan.
Lagni Awaash yeroo gannaa guutuun aanota Godina Shawaa Kibba Lixaa fi Shawaa Lixaa keessa jiran irraan miidhaa geessisuun kun kan jalqabaa miti.
Lagni kun guutee dambali'uudhaan yeroo gara garaatti ummata qe'eerraa buqqisaa, qabeenyas mancaasuun beekama.
Lagni Awaash guutee dambali'uun godinaa Arsiifi Shawaa bahaa aanaalee gara garaa keessattis namoota buqqisaa tureera.
Inistitiyuutiin Metirooloojii Itoophiyaa ji'a Hagayyaa kana keessa roobni cimee akka itti fufu raageera. Keessumaa Kaaba Bahaa, Kaaba, giddu-galeessa, kibba lixaafi kibba biyyattiitti roobni sadarkaan isaa giddu-galeessaa hanga cimaatti waan eegamuuf of eggachuun akka barbaachisu fuula marsariitii isaarratti ibseera.
Dabalataan kuufama duumessaa humna aduun uumamanirraa ka'uun rooba cabbii makateefi lolaa tasaa qabu hordofsiisu roobni cimaanwaan eegamuuf namuu quba qabaatee of eeggannoo barbaachisu akka fudhatuuf ibseera.

Madda suuraa, Kominikeeshinii Shawaa Kibba Lixaa
Yeroo lolaan mudatu waan gochuu qabdan
Sababa lolaan midhaa cimaa namaafi qabeenya irratti dhaqabu hir'isuuf maloota addaa addaa gargaaramuun ni danda'ama.
Qophii barbaachisaa dursanii taasisuun, midhaa sababa lolaan dhaqabu hir'isuun ykn ittisuun ni danda'ama.
- Cirracha qalqallootti naquun akka lolaa ittisuuf balbala dura naqaa.
Bishaan lolaa gara manaatti hedduminaan hin seenneef malli kun hedduu fayyada
- Miseensa maatii hundaaf bilbiluun bakka jirtanii odeefannoo walii dabarsaa.
Maatiii keessaa miseensi jiruu lolaan baayyachuun dursani wal-qunnamuun bakka jiran wal beeksisuun, haallii yoo hammaatee salphaatti wal argachuuf gargaara.
- Meeshaa elektiriikii hunda buqqisaa boombaafi boolla bishaaniis cufaa.
Elektiriikiifi bishaan yoo walitti bu'an nama bishaan san keessa dhaabattee jiru ykn tuqee jiru elektiriikiin ni qabata.
- Bishaan balfa makatee akka hin-yaaneef, mana fincaani keessan sirriitti cufaa.
Boolli mana fincaani baana yoo ta'e, roobi cimaan yemmuu roobu lolaan itti guutuun bishaan balfama irra yaasuun dhukuba addaa addaaf nama saaxila.
- Gara lafa ol jedhaatti ol bahaa, yoo hindandeessan ta'e, bantii manaatti bahaa.
Lafa ol jedhaatti bahuun bishaan lolaa saffisaan deemu akka nama fudhatee hin dabarreef gargaara.












