Balaa Lolaa: 'Oromiyaatti namootni miiliyoona tokkoo ol balaa lolaaf saaxilamoodha'

Madda suuraa, FBC
Balaa lolaa tibbana godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaatti qaqqabeen daa'imman sadi kan umriin isaanii waggaa 10, 8 fi 5 ta'antu lubbuun dabarte
Torbee lamaan darbe keessatti godinaalee akka Baale, Arsii, Harargee bahaa, Harargee Lixaa, Gujii fi Gujii Lixaatti roobni bubbee makate roobun lolaan namoota irratti miidhaa geessisuu isaa Komishinarri itti aanaa Komishinii Hooggansa Sodaa Balaa Oromiyaa Obbo Garramoo Oliiqaa BBCti himaniiru.
Roobni cimaan godina Gujii LIxaa aanaa Galaanaatti namoota sadi ajjeessee namoota 63,000 ol qe'ee isaaniitii buqqise Ebla 28 eegaluusaa jiraattootni aanichaa himu.
Sana booda roobni kun cimuun nama, beellada fi qabeenya irratti miidhaa geessisuu isaa jiraataan aanichaa Obbo Alamaayyoo Curdee dubbatu.
"Loon, re'een, lukkuun, qabeenyi meeshaalen mana keessaa waanti bahe tokkoyyu hin jiru" jedhan.
Haadha warraa fi ijoollee isaanii torba wajin gara tabbaatti kan baqatan Obbo Alamaayyoo "wanni nyaataa hin jiru. Namni waan uffatu hin qabu. Waan ittin nyaatu hin qabu. Waaroo xarafee jala bulus hin qabu" jechuun rakkoo harkaa qaban himu.
Deeggarsi gama mootummaas ta'e qaama biraatin taasifamef akka hin jirre BBC ti kan himan jiraataan aanaa Galaanaa inni biraan Obbo Zannaba Aqaamoo "gara mootummaa iyyinee wanti nuf kenname hin jiru. Teenyeetuma waaqa fi harka mootummaa eeggataa jirra" jechuun BBCti himan.
"Deeggarsa geessuf roobatu danqaa ta'e…"
Aanaa Galaanaatti uummata waliigalaa keessaa walakkaadhaa oltu yeroo ammaatti qe'ee isaatii buqqa'ee jira.
Namoota balaa lolaa gandoota aanichaa 17 mudateen miidhaman deeggarsa aanaalee ollaa, godina fi qaamolee miti mootummaa irraa argame gargaaraa akka jiran BBCti kan himan itti gaafatamaan Waajjira Hooggansa Sodaa Balaa aanaa Galaanaa Obbo Asmaamaaw Waaqoo gandootni gargaarsa hin arganne akka jiranis BBCti himan.
"Ganda hundayyuu wal hin dhaqabsiisne. Galaanni guutee haalli gandoota tokko tokko akka hin seenne nu taasise jira" kan jedhan Obbo Asmaamaaw boru irraa eegalee garagaarsa raabsuf qophii ta'uu isaanii himaniiru.
Buufata fayyaa lolaan miidhameefi yaaddoo dhibee Covid-19
Balaan lolaa aanaa Galaanaatti mudate buufata fayyaa ganda Mexxaarrii jedhamu keessatti argamu miidhuu isaatin yaaddoo fayyaa biraa uumera.
Hogganaan buufatichaa Obbo Daawit Girmaa "lolaan buufaticha seene meeshaalee ittin yaallu fi qorichoota garaagaraa fudhateera. Meeshaalee kaan immoo dhoqqee irra buusee tajaajilaaf akka hin oolle taasiseera" jedhan.
Yeroo ammaattis buufatichi tajaajila kennaa kan hin jirre yemmuu ta'u ogeeyyin fayyaa buufatichaa iddoo namootni itti buqqa'anitti dukkaana dhaabun tajaajila fayyaa bu'uraa qofa kennaa akka jiran Obbo Daawit himan.
"Namni iddoo tokkotti tuuta'ee waan jiruf dhibee koronaan walqabatee yaaddoo nutti ta'eera" jedhan.
Dabalataan dhibeewwan akka garaa kaasaa fi busaas yaaddoo cimaa itti uumuu isaa fi ittisa dhibeewwan kunneenii irratti hojjechaa akka jiran Obbo Daawit Girmaa BBCti himaniiru.
Godinaalee sodaan balaa lolaa itt-aggaamame…
Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti namootni kuma dhibba tokko fi kuma afurtamaa ol ta'an sababa lolaa tibbanaan miidhamaniiru.
Godinaalen Shawaa Kibba Lixaa, Shawaa Bahaa, Shawaa Lixaa, Arsii, Arsii Lixaa, Baale, Gujii, Gujii Lixaa, Boorana fi Hararge lamaan godinaalee yeroo hunda sodaan balaa lolaa itti jiru akka ta'e Komishinarri itti aanaa Komishinii Hooggansa Sodaa Balaa Oromiyaa Obbo Garramoo Oliiqaa BBCti himaniiru.
Akka naannootis namootni miiliyoona tokkoo ol balaa lolaaf saaxilamoo ta'uu isaanii dubbatan.
Gargaarsa namoota miidhamanif taasifamu ilaalchisee deeggarsi mootummaa federaalaa irraa hanga hawaasa miidhame bira gahutti namootni rakkachuu danda'u yaada jedhun fandii of eeggannoo aanaalee fi godinaaleen qabatan irraa deeggarsi taasifamaa akka jiru BBCti himaniiru.














