Balaa Lolaa: Lagni Awaash Oromiyaa fi Affaaritti namoota kuma 92 qe'eerraa buqqise

Ejensii Meetiroolojii Biyyaalessaatti Daayireektarri Raaga Haala Qilleensa Itoophiyaa Aadde Caalii Dabalee ji’aa roobni gannaa ammas balaa lolaa uumee miidha akka hin qaqqabsiifnee hawaasni akka ofeeggatu akeekkachiisan.
Kun otoo kanaan jiruu lagni Awaash guutee dambali’uun godinaa Arsiifi Shawaa bahaa aanaalee 9, gandoota 42 keessatti namoota 19,900 ol miidheera.
‘’Ammas roobni walakkeessa biyyaafi Lixaa, Bahaafi lafa baddaa kibba biyyattirratti roobni guddaan jiraachuu mala,’’ jedhan.
Roobni fuulduratti roobuuf jiru biyyeen jiidhinsa waan qabuuf lolaa uumuu waan maluuf ‘ofeeggannoo barbaachisa’ jedhan ogeettiin raaga haala qilleensaa Aadde Caaliin.
Aade Caaliin kanaan duras Waxabajjii keessa roobni cimaan roobuu akka danda’u raaguun akeekkachiisa kennaa turre’ jedhan.
Ji’a Caamsaa keessatti sochii qilleensaa garba gudda Paasfikiirra jiruuratti hundaa’anii odeeffannoo raaguuf barbaachisanillee walitti qabachaa akka turan kaasan.
Ragaalee argatan mootummaa balaa qaqqabu akka hir’isuuf odeeffannoo qoodaafi akka turan kaasan.Keessattu komishinii sodaa balaafi ministeera qonnaa fa’aatiif odeeffannoo kennuu himan.
TIbbana sababa lolaan namoota qe’eerra buqqise uumameef wayita ibsan,guyyaa tokko keessatti roobni yandoon roobuufi itti fufinsa qabaachuun sababa ta’u kaasan.
Kana malees, naannoo Awaash balaa qaqqabsiisetti roobni waqtii Arfaasaafi Gannaa gahaan turuufi biyyeen jiidhinsa qabachuu kaasan.
Barana iddoo rooba gannaa argatanitti hammii rooba idilee/eegameefi iddoo kaanittimmoo idilee ol rooba akka ture ibsan.
Adolleessa keessa roobni walitti fufuu roobuufi Hagayya keessattimmoo roobni jaandoo jiraachuun balaa lolaaf gumaacha akka qabu kaasan.
Komishinarri Sodaa Balaa Oromiyaa Abaadir Abdaa dhimma kanarratti gaafanne akka himanitti Lagni Awaasha guute namoota qe’eerra buqqisuun qabeenyas miidhu ibsan. Lagichi rooba cimaan humnaa ol guutu kaasan.
‘’Lagni Awaash guutuun dambali’uun godinaa Arsiifi Shawaa bahaa aanaalee 9, gandoota 42 keessatti namoota 19,900 ol miidheera,’’ jedhan.
Aanaalee 14 naannoo Affaar keessatti argaman keessattis Lagni Awaash guutuu isaatiin namoonni kuma 120 ol ta'an lolaatiin miidhamuu isaanii Itti-gaafatamaan Akeekkachiisa Duraafi Deebii Ittisa Balaa naannichaa Obbo Maahii Alii BBCtti himaniiru.
Obbo Maahiin akka jedhanitti yoo xiqqaate namoonni kuma 72 qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.
Naannoo Kibbaa godina Oomoo Kibbaa aanaa Daassenechittis hanga har'aatti namoonni 43,670 sababii lolaatiin buqqa'uun isaanii ibsameera.
Rooba hanga walakkeessa baatii Hagayyaatti roobee balaa lolaa qaqqabeen Itoophiyaatti walumaagalatti lammileen kuma 170 ta'anirraan miidhaan kan qaqqabe yoo ta'u kuma 130 kan ta'an ammo qe'ee isaniirra buqqa'uu isaanii Komishinarri Itti-aanaa Adeemsa Hojii Ittisa Balaa Biyyaalessaa BBCf ibsanii turan.
Kana malees, manaafi midhaan gahe ooyruu qonnaarra jirurratti balaa lolaa kanaa miidhamuu ibsan.
Namoota balaa kanaan miidhaman nyaata, uffatas deeggarsi kennama jiraachuu ibsu.
Namoonni qe’eesaaniirra buqqa’an kanneen iddoo biraa qubatan akka jiran, kaan firoota isaa bira jiraachullee kaasan.
"Iddoo namoonni bishaanin marfamanitti tiraaktarafi yabaloodhaan iddoo itti baafne jira."
Ammaatti namoonni bishaaniin marfame rakkate akka hin jirreefi balaan qaqqabe amma yoonatti humna ol akka hin taane dubbatu.
Deeggarsa kenname
Aanaa Fantaallee magaalaa Matahaaraa namoota ganda tokkorraa lolaan buqqise miidhan nyaataafi meeshalee akka hafataa kennamuu jalqabuu kaasan.
Waliigalattatti deeeggarsa kenname maallaqa hagamii akka baasu hin ibsine.

Madda suuraa, KOMUNIKEESHINII SHAWAA LIXAA
Kamisa Firaashii kuma sadii ol, nyaata kuntaala 71, Ruuzii kuntaala 170 fi annaan fa’aan kennamuu ibsan.
Bishaan dambal’ee guyyoota muraasan asitti hir’ataa akka jiruufi torban itti aanuus yoo itti fufee hir’ate namoonni qe’eesaanirraa buqqa’an qe’eesaanitti deebi’uu malu jedhu.
Ammatti iddoowwan bishaan qooretti namoonni qe’eesaaniirra buqqa’an qe’eesaanitti deebi’a jiraachu dubbatan.
Mataahaaraa
Lagni Awaash guutuun bo'oo qotameef irra cabsuun jiraattota Godina Shawaa Bahaa Magaalota akka Wanjiifi Matahaaraa irraan miidhaa geessiseera.
Magaala Matahaaraatti Roobii galgala irraa eegaluun lolaan gara magaalaatti seenuu jalqabe ganda magaalattiin qabdu lama keessaa gandi tokko lolaadhaan uwwifameera.
Kantiibaan magaalichaa Obbo Taaddalaa Diriirsaa BBC'tti akka himanitti lolaan magaala Matahaaraatti qaqabe seenaa magaalattii keessatti kan mul'atee hin beeknedha jedhan.
"Lagni Awaash guutee gara magaala keenyaatti dhangala'eera. Kuni seenaa magaala kanas ta'e lagichaa keessatti balaa isa guddaadha.
Lagichi cabsee dhufuun ganda Haroo Adii jedhamu guutumaan guututti uwwiseera" jedhan.
Lolaan gahe kuni olaanaa ta'uu isaatiin uummanni lubbuma isaatiin bahuun alatti qabeenyi mana keessaa qaban guutumatti akka jalaa manca'es himaniiru.
Lolaan kun daandii gandoota lamaan magaalattii walqunnmsiisuufi gara Godina Harargee Lixaa aanaalee Ancaar fa'an walqunnamsiisu guutumatti waan kuteef hojii namoota baasuu kanatti danqaa guddaa uumuus himan.
Sababa kanaanis magaalattiin bakka lamatti cittee jiraachuus eeran.
Naannolee Asaayitaa, Afaamboo, Duubtiifi Naannoo 3 jedhamuun kan beekaman keessatti namoota miidhamaniif mootummaan federaalaa, naannoo akkasumas dhaabileen gargaarsaa deggersa midhaan nyaataafi meeshaalee biroo kennaa jiru jedhan.
















