Sababa lolaan lammiileen Itoophiyaa 'miiliyoona 2 ol miidhamu danda'u'

Laga Awaash

Madda suuraa, Getty Images

Itoophiyaa keessatti hanga walakkaa ji’a Hagayyaatti rooba cimaa roobee lolaa uumameen namoota kuma 170 irraa miidhaan kan ga’e yoo ta’u, namootni kuma 130 ammoo qe’ee isaanirraa buqqa’uu qondaaltonni himan.

Itti anaan hojii gaggeessa to’annoo sodaa balaa Biyyaaleessa Komishiiner Daammanaa Daarootaa BBC'tti akka himanitti ganna kana lakkoofsi namoota balaa lolaatiin miidhamuu kan amma mudate caaluu akka danda'u himu.

Haala kanaan dura ture irratti hundaa’uun waqxii gannaa bara kanaatti sababa lolaan namootni miiliyoona lama ta’an miidhamuu, namootni kuma 434 ta’an ammoo qe’ee isaaniirra buqqa’uu danda’u tilmaamni jedhu jira jedhan.

Akka qondaala kanaatti hanga ammaatti lagni Awaash guutuun balaa ga’een nannoo Affaaritti namootni 67,885 ta’an miidhamaniiru.

Namootni 40,130 ta’an ammoo qe’ee isaanirraa buqqa’uu isaanii BBC'f mirkaneessan.

Dabalataanis, Omoo kibbaa naannoo Dassanechitti lagni Omoo guutee, hidhaan Gibee 3 tti bishaan gariin gadhiisamuu isaa booda balaa lolaa ga’een jiraattoti Omoo kuma 15 ol ta’an akka hin miidhamnee naannichaa sochosuu himan.

Namootni kunneen wiirtuu da’annoo yeroofi keessa akka turan akka taasifamuu ibsuun namoota kuma 10 ta’aniif gargaarsi adda adda keennameera jedhaniiru.

Namoota kuma shan hafaniif ammoo gargaarsa dhiyeessuun hojjtamaa akka jiru dubbatan.

Bara kana lakkoofsi namoota lolaan miidhamanii dabaluu isaa kan himan komishinarichi ta’us garuu komishinichis ta’e mootummaan yeroo kaanirra haala foyya’een bara qophii itti taasisan ta’uu BBC'tti himaniiru.

Waggaama kana waqxii arfaasaattis lolaa uumameen jiraattonni kuma 470 ta’an miidhamuufi kuma 300 ol ammoo qe’ee isaanirraa buqqa’uu komisinarichi dubbataniiru.

Lolaa waqxii Arfaasaa kana to’achuufis yaaliin taasifamaa yeroo jirutti roobni gannaa dhufee roobaa Arfaasaa waliin ta’uun laggeeniifi hidhi bishaanii akka guutaniif sababa waan ta’eef namootni hedduu balaa kanaaf saaxilamuu himaniiru.

Haalaa kanaan dura barameen akeekkachiisi lolaa sadii kennamuu kan himan komishinarichi akeekkachisi lamaan ba’an ganna kanatti ta’uu ibsan.

Hanga dhuma Fulbaanaatti roobni waan itti fufuuf lolaaf sigigni lafaa uumamu akka danda’u ibsan.

Dhuma baatii Hagayyaatti hidhi Taandaahoo waan guutuu danda’uuf of eegganoon dabalataa akka barbaachisu akka taasifamu himan.

Dabalataan, hanga dhuma Fulbaanaattis hidhaan Kasamiifi Qooqaa guutaa akka deemaan ibsuun bakkeewwan lamaan of eeggannoo barbaachisu gochuu akka qaban ibsaniiru.

Laga Awaash giddu galeessafi isa goodaarratti hojiin ittisaa cimaan taasifamaa akka jiruufi kanarraan kan ka’es Waqxii gannaa kanatti lagni Awaash yeroo guutetti balaa uumame hir’isuun danda’ameera jedhaniiru.