Sigigi lafaa Yunivarsiitii Wallaggaatti maal miidhe?

Lafa Yunvarsiitii Wallaggaa, nooraa Naqamtee keessatti sigigaate

Madda suuraa, Fuula FB Hasan Yusuuf (PhD)

Magaalaa Naqamtee naannawa Yunversitii Wallaggaafi mooraa Yunversitichaa keessatti sigigi lafaa uumameera.

Sigigi lafaa kun kan mudachuu jalqabe torban sadii dura jedhan Yunversitii Wallaggaa, Muummee Barnootaa Saayinsii Fayyaatti Ogeessi waa’ee qorannoo lafaa, Ji’oo Fiizistii, kan ta’an Dr Fiqaaduu Taammiruu.

‘’Bokkaan baay’ee rooba, biyyoon addanaas baay’ee furdaadha. Kanaaf wayita biyyeen kun bishaan hedduu of keessatti qabate daran yabbatu sigigi lafaa kun uumame.

Biyyoon kun supheedha. Biyyeen suphee ammoo yoo jiidhinsa argatu ni bokoka. Suphummaasaa qofa osoo hin taane biyyoon kun baay’ee yabbataadha,’’ jedhan Dr Fiqruun.

Namoonni hedduun taatee mudate kanaan kirkira lafaa jechaa turan, Dr Fiqaaduun garuu mallattoon kanuma sigiga lafaati malee kan kirkira lafaa miti jedhan.

Sigigi lafaa kan ammaa kun mooraa Yunversitii Wallaggaa keessatti ta’uu kan dubbatan Dr Fiqaaduun, garuma lixa biyyaa kanatti yeroo baay’ee lafti ni sigigaata jedhan.

Lafti sigigaate dheerinni isaa gara kiilomeetira afurii kan ta’uu fi bal’inni(dalgeen) isaa ammo kiilomeetira walakkaa ni ta’a jedhan.

Lafti kun torbee sadii dura erga sigigaachuu eegalee bokkaanis waan hammaateef dabalaa dhufee sadarkaa ga’e jedhan.

Koreen hundaa’e maal hojjechaa ture?

Erga sigigi lafaa kun mul’achuu eegalee koree yuniversitichi dhimma kanarratti akka hojjetu hundeessee hojjechaa jira. Dr Fiqaaduun ammoo walitti qabaa koree kanaati.

“Koreen guyyaa hundaa’ee qabee hordoffii guyyaa guyyaa taasisaa ture. Ragaa hordofnu qabna. Bakka balaa guddaan itti mudachuu malu irraa meeshaaleen ka’uu qaban akka ka’an, namoonni of eeggannoo akka godhan gorsaa turre’’

Kun furmaata yerooti kan jedhan Dr Fiqaaduun, furmaata yeroo dheeraaf ammoo mooraa kana guutuusaa qorachuuf jedhan.

Miidhaan qaqqabe…

Balaa kanaan gamoowwan tatarsa’uufi doormii barattootaafi mana kitaabaa dabalatee iddoowwan namoonni keessatti argamuu danda’an miidhamaniiru jedhan Dr Fiqaaduun.

Garuu akka carraa ta’ee barattoonni mooraa keessa waan hin jirreef hojjettootuma guyyaa guyyaadhaan deddeebi’anii mooraa keessa hojjetan qofatu turan jedhan.

Qabeenya miidhame keessaa tokko bakka balfa mooraadhaa ba’u calaluun xaa’oo kompostii itti qopheessinu(treatment plant) kan jedhan Dr Fiqaaduun, fuulduraafis baay’ee sodaatama jedhan.

Miidhaan akkanaa kun akkaan yaaddessaadha kan jedhan Dr Fiqaaduun, keessaahuu wayita bokkaan roobu waan mudatuuf, waqtii roobaa eegee mudachuunsaa waan hin oolle jedhan.

Lafti amma tarsa’e kun gara fuulduraatti ittuma caalaa deema, wayita jiidhinsa xuuxxachaa deemu hammaachuu mala jedhan.

Gamoowwan, doormii barattootaa, manneen kitaabaa fi treatment plant irra amma miidhaan qaqqabe hojii baruufi barsiisuu egereef yaaddoo guddaadha kan jedha Dr Fiqaaduun, amma qorannoorra waan jirruuf waan furmaata jennuun as ba’uun hin hafu jedhan.

Sigigi lafaa mudate kun mooraa Yunversitichaan alatti magaalaa Naqamteefi naannoosheef yaaddoo uumu qabaa jennee isa gaafanneef, "ammaaf waan magaalaaf yaaddessu hin jiru, garuu akkuma waliigalaatti gara lixaa kana, Gimbii, Giddaa Ayyaanaafi iddoo birootti bar-dheengaddaas uumamaa ture. Kanaaf, garri Bahaafi Lixa Wallaggaa kun saaxilamaadha,’’ jedhan.

Poolisii lafa sigigaate bira dhaabbataa jiru

Madda suuraa, Fuula FB Hasan Yusuuf (PhD)

Maaltu fala?

Naannawa kana ijaarsa gurguddaatu baay’ata kan jedhan Dr fiqaaduun, bu’uurri ijaarsa gamoowwanii haalaan qoratamee hin ta’u taanaan rakkoodha jedhan.

Sigigi lafaa kan naannoo keenyaa kun sududaan hammaataa kan deemuudha waan ta’eef hawaasa keenya naannoo kanaa yoo mallattoo akkasii argan eeruu kennuu fi of-eeggachuu qabu jedhan.

Dhaabbileen dhimmi ilaallatus qorannoo barbachisu naannoo kanatti taasisuun of-eeggannoon dursee akka godhamu hojjechuu qabu jedhan.

Waanti uumamaa kun tasa waan mudatuuf qorannoon dursee gaggeeffamuu qaba jedhan.