Naannoo Kibbaa, Kontaatti sigigni lafaa lubbuu namoota 22 galaafate

Madda suuraa, SEPD Facebook page
Naannoo Uummatoota Kibbaa, Aanaa Addaa Kontaatti sigiga lafaa Dilbata darbe halkan naannoo sa'aatii 10:30'tti mudateen, miseensonni maatii shan (namoonni 22) hundumtuu du'uu dubbi himaan aanichaa Obbo Faasikaa Mulugeetaa BBC'tti himan.
Manneen maatiiwwan sunneen keessa jiraatan shan dhidhimuu isaaniitiin namoonni 22 lubbuun darbeera.
Akka ibsa waajjira kominikeeshiniitti, beeladoonniifi midhaan oyiruu naannoo san tures guutummaatti manca'eera.
Namoonni keessummummaan dhufan turaniiru taanaan, lakkoofsi namoota du'anii dabaluu akka danda'u jiraattota naannoo eeruun Obbo Faasikaan dubbataniiru.
Reeffi namoota 17 humna namaatiin kan ba'e yoo ta'u, kan hafan baasuufis yaalamaa jiraachuu dabaluun himaniiru.
Itti gaafatamtoota mootummaa dabalatee dhaabbanni elektiriika irratti hojjetu Saaliiniin Ekiskaaveetara fiduun reeffa namoota hafanii baasuuf tumsaa jiraachuun beekameera.
Ganda Duukkaa Zaallee 03 bakka jedhamutti halkan rooba cimaa mudateen namoonni rafanii wayita turanitti balaa mudate ta'uunis beekameera.
Aanaa kanaatti bara darbe balaa walfakkaataa mudateen namoonni lama lubbuu dhabuufi, Fulbaana darbettis sigiga mudateen midhaan manca'uun namoonni 130 ta'an qe'eerraa buqqa'uu Obbo Faasikaan yaadachiisaniiru.
Balaa amma mudateen lubbuun namoota 22 darbuun isaa naasuu guddaa keessa isaan galchuu himu.
Naannichatti taa'umsi lafaa balaa akkasiif irra deddebiin saaxilamuuf carraa waan qabuuf, mootummaan naannoofi federaalaa dafanii fala akka barbaadan akeekkachiisaniiru.
Guyyaa har'aa gargaarsa qabachuun ogeessonni akka dhufanii jiran kan eeran Obbo Faasikaan, furmaanni waaraa akka barbaadamuu qabu himaniiru.













