Haleellaa naannoo Affaaritti qaqqabeen namoonni 17 ajjeefamanii hedduun madaa'aniiru

Naannoo Affaar, aanaa Afamboo, ganda Sangaa jedhamu keessatti lafa horsiise bultoonni buufatanii jiranitti haleellaa hidhattootaan qaqqabeen namoonni baayyeen akka ajjeefaman bulchaan aanichaa Obbo Huseen Alii BBC'tti himan.
Jimaata darbe halkan saatii 10:00 irraa jalqabee hanga Sanbata saatii 10:00'tti haleellaa gaggeeffame jedhame kanaan namoonni 17 ajjeefamaniiru.
Namoota ajjeefaman jedhame kana keessas daa'imman, dubartoonniifi maanguddonni ni argamu.
Namoota 34 ammoo madaa'aniiru. Isaan keessaa afur daa'imman waggaa torba gadi yoo ta'an, sagal ammoo dubartoota ta'uu dubbatu Obbo Huseen.
Namoonni madaa'an kunneen hospitaalota Asaayitaafi Duptiitti wallaanamaa jiraachuu ibsanii, warreen miidhaan isaanii hamaa ta'e garuu gara Hospitaala Maqaleetti geeffamuu dubbatu.
Qabeenya horsiise bultootaa kan ta'an horii hedduun ajjeefamuufi qabeenya hedduurras miidhaan qaqqabeera jedhu.
Obbo Huseen sababii haleellaan kun itti qaqqabeef beekuu baatanillee, walitti bu'iinsa kanaan dura darbee darbee uumamaa ture irraa ka'uudhaan lafa saamuuf kan gaggeeffame ta'uu hin oolu jechuun tilmaamu.
"Saamicha lafaadha; aanaan sun naannoo Somaalee jala galuu qaba kan jedhan ni jiru jedheen tilmaama."
"Kana waan ta'eef, saamicha lafaadha malee sababii biraadha jedhee hin yaadu," jedhan.
Saamicha lafaa ta'uudhaaf ragaa maal qabdu gaaffii jedhuuf, Obbo Huseen, "Kanaan dura loon horsiifate bultootaa saamuufi namoota ajjeesanii deebi'aa turan," jechuun ibsan.
Namoonni haleellaa qaqqabsiisan kunneen to'annaa jala akka hin oolle kan ibsan bulchaan aanichaa, waraqaa eenyummaa argataniifi ragaalee biroo argatanirraa garuu eenyummaa isaanii hubachuu akka danda'an ibsaniiru.
Erga haleellaa kana raawwatanii boodas naannoo Affaar keessa bakka baayyinaan gosti Iisaa qubatanii jiran 'Hariisoo' jedhamu galuu isaanii dubbatu.
"Warreen haleellaa qaqqabsiisan kunneen meeshaalee waraanaa gurguddoo akka matarayyasiiifi boombii fayyadamaniiru."
Yaalii jiraattonni naannoo sanaa haleellaa kana ofirraa ittisuuf taasisaniin alatti, "namoonni haleellaa qaqqabsiisan kunneen wanta yaadanii dhufan rawwatanii gara bakka irraa dhufaniitti deebi'aniiru," jechuun mootummaan naannichaa tarkaanfii fudhate akka hin jirre dubbatu.
Aanga'oonni naannichaa gara miidhaan qaqqabe kana deemuudhaan miidhaa jiru daawwachuun naannoon sun akka tasgabbaa'uuf hojjechaa jiru.
Akka aanga'aan kun jedhanitti, kanaan dura halkaniin qabatanii gara baka sanaa deemuun loon hatuufi namoota tokko tokko ajjeesanii deemuurraa kan hafe miidhaan akka ammaa kun qaqqabee hin beeku.
"Aanaa sana keessa horsiise bultoota tilmaamaan 400 ta'an ni jiraatu," kan jedhan jiraataan naannoo sanaa Obbo Aloo Yaayyuu gama isaaniitiin, ganda horsiise bultoonni hedduun keessa jiraatan Abinnoo jedhamutti kan haleellaan kun raawwatame jedhu.
Haleellaa kanaa lubbuun namaa darbuu qofa osoo hin taane qabeenyaarras miidhaan qaqqabeera jechuun ibsu jiraataan kun.
Obbo Aloon bakki kun hanga daangaa Jabuutiirra gahutti daandiin jiru haleellaan walfakkaatan akka mudatan himanii, kanaan durallee dubartoota garaatti baatan osoo hin hafiin namoonni ajjeefamuu ni yaadatu.
Itti-gaafatamaan Biiroo Kuminikeeshinii Mootummaa Naannoo Affaar Obbo Ahimad Kalooyitaa, naannichatti Godina Tokkoffaa, aanaa Afambootti haleellaan tasaa raawwatamuu isaa dubbatu.
Haleellaan kun humnoota meeshaa waraanaa gurguddaa hidhataniifi Jabutiirraa dhufaniin qaqqabuu isaa dubbatu. Haleellaa kanaanis daa'imman, dubartoonniifi maanguddoonni miidhamuus mirkaneeffataniiru.
"Miidhaan qaqqabe kan nama gaddisiisuufi kan nama dhukkubsudha. Naanoon sun daangaarra waan ta'eef kontorobaantistoonni seeraan alaa bakka socho'anidha. Hidhattoonni kunneen gocha hamaa kana kan raawwatan akka garaa isaaniitti deddeebiyuudhaaf akka isaan dandeessisuufidha kan horsise bultoota kana irratti haleellaa raawwatan."
Halaallee kanarratti kan Jabutiirraa seenaniifi hidhatttoonni Iisaa hirmaachuu isaaniis ni dubbatu.
"Hunda caalaa daa'immaniifi dubartoota irratti xiyyeeffachuun kan haleellaa kana raawatan," jedhan Itii-gaafatamaan kun.
"Bakka sana, naannicharra darbee biyyaafillee yaaddoo guddaa kan ta'u daldala meeshaa waraanaa seeraan alaa irratti namoonni bobba'anii jiran jiru. Yeroo hedduu meeshaaleen waraanaa seeraan alaa bakka itti qabamudha," jechuun ibsu.
Kana waan ta'eefis qaamni dhimmi ilaallatu atattamaan tarkaanfii fudhachuu qabas jechuun waamicha dhiyeessaniiru.
Aanga'oonni naannoos nagaa naannichaa tasgabbeessuudhaaf hojjechaa jiraachuus dabalanii ibsaniiru.
Oduu kana waliin walqabateen, qaamoleen tokko tokko humni waraanaa Jabuutii daangaa Itoophiyaa ce'uudhaan naannoo Affaar seenanii haleellaa qaqqabsiisaniiru jechuun himannaan dhiyeessan soba akka ta'e Humni Ittisa ibsuu isaa ammoo Burqaa Oduu Itoophiyaatu gabaase.
Burqaan Oduu kun Itti-gaafatamaa Waajira Itti-aanaa Itaamaajorii Humna Ittisaa Koloneel Tasafaayee Ayaaloo eeruun akka gabaasetti, humni waraanaa Jabutii daangaa Itoophiyaa ce'uun horsiise bultoota irratti miidhaa geessise kan jedhu odeeffannoo dharaa ta'uu ibseera.
Naannoon haleellaan kun itti raawwatame darbee darbee, lafa dheedinsaa, bishaaniifi sababoota biraarraan kan ka'e walitti bu'insa uumamaniin alatti biyyoota lamaan gidduutti walitti bu'insaaf sababi kan ta'u akka hin jirrellee ibsaniiru.
Lammilleen naannichaa miidhaan irra ga'e ilaalchisee raayyaan ittisa biyyaa bakka sanatti argamuun rakkoo uumame sana adda baafachaa jiraachuu dubbataniiru.














