Keeniyaatti sigiga lafaa mudateen namoonni 24 du'an

Madda suuraa, EPA
Rooba cimaa lixa Keeniyaatti roobeen lafti sigigaachuun namoonni 24 du'uun himameera.
Aanga'oonni naannichaa miidiyaalee biyya keessaatti akka himanitti, hanga ammaatti reeffa namoota 12 kan argame yoo ta'u, isaan keessaa ammoo torba kan ta'an daa'immanidha jedhan.
Lafti sigigaachuun kun kan qaqqabe mandaroota Nyiyaarikuliyaaniifi Paaruhaa jedhaman keessatti.
Akka ibsa aanga'oota naannichaatti, daandiin mandaroota kana walqunnamsiisus sababii lolaa cimaatiin citeera.
Riqichi gandoota kana tajaajilaa tures lolaa cimaan fudhatamuun isaa balaa sana hammeessuun isaa gabaafameera.
Aanga'aan Jooyel Bulaal jedhamu naannoo sana jiraatu gaazexaa Geyilii Neeshiniif akka ibsetti, naannoo rakkoon kun qaqqabetti hojiin baraaruu taasifamaa jira.
Haaluma kanaan, namoota sababa balaa kanaan achi buteen isaanii dhabame barbaadaas jiru jechuun dubbatu.
Komishinariin bulchiinsa naannoo sanaa Appoolloo Akkeelloo gama isaaniitiin, namoota karaa bahan dhaban barbaaduuf sochii taasisaa kan jiran yoo ta'ellee haalli qilleensaa baayyee rakkisaa waan ta'eef yaaliin isaan gochaa jiran danqamuu himu.
"Naannoo lolaan riqicha fudhate deeme yaallee turre. Yeroo ammaallee roobaa jira," jechuu isaanii Oduun Istaandard barreesseera.
Dhaabbanni Fannoo Diimaa Keeniyaa fuula tiwiitera isaarratti akka baasetti sigigaachuun lafaa kun akka qaqqabe ibsee, rakkoo uumamee kana keessatti birmannaa tasaasisuuf carraaqaa jiraachuu dubbateera.
















