Hindii: Balaa lolaa tibbana qaqabeen namoonni 100 du'an

Konkolaataa daandiirratti bishaaniin danqamte

Madda suuraa, BBC Hindi

Ibsa waa'ee suuraa, Naannoo Bihaariitti nammeen jireenyaa baayyee lolaan liqimfamaniiru

Lolaa hamaa rooba cimaadhaan godinaalee Hindii lama Utaar Piraadesh fi Bihaar keessatti umameen lamoonni 100 olii du'unsaanii, qoondaaltoonni himan.

Suuraawwan haala hammeenya lolaa naannichaa agarsiisan akka mullisaniitti jireenyi jiraattoota naannichaa miidhameera.

Tajaajilliwwan akka baaburaa, sochii konkolaataa, tajaajila buufataalee fayyaafi dhiheesittii ibsaa godinaalee lamaa keessattu adda cituu qondaaltoonni himaniiru.

Motummaan Uttaar Praadesh akka gabaaseetti namoonni erga guyyaa Kamiisaatii kaasee namoonni 93 du'aniiru.

Godina Bihaar keessatti ammoo namoonni 29 kan du'an ta'u abbaan taayitaa to'aannoo balaa tasaa beeksiseera. Dhiibbaan lollaa magaalaa guddiitti godinichaa Paatnaa irraan gahaa jiruus mara duree ta'aa jira.

Daandiiwwan gurguddoonni bidiruudhaan

Madda suuraa, BBC Hindi

Hospitaaloonnis bishaaniin liqimfamaniiru

Madda suuraa, BBC Hindi

Ibsa waa'ee suuraa, Hojii tajaajila kenniinsa kunuunsa fayyaa naannicha keessatti adda citeera

Nammoonis daandiiwwa gurguddaa loolaadhaan haguugamee konkolaataa darbuu dhorke bidiruutti fayyadamuun socho'aa jiru.

Viidiyoon namicha osoo meeshaa isaa bishaan keessaa baafachuuf yaalaa jiru tokkos midiyaalee hawaasaa irratti qoodamaa jira.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Transparent line

Magaalattiin guyyaa Jimaataatii kaasee rooba garmaleen rukkutamaa kan jirtu yoo ta'u, manneen jireenyaa baayyeenis bishaaniin liqimfamaniiru.

Midiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanittis roobni magaalattiitti reebee ''gutummaatti kan hineegamdhee'' ture.

Namoonni magaalaa Bihaariitti daandiiwwan lolaan guutame keessa yoo darban

Madda suuraa, BBC Hindi

A digger on a flooded road

Madda suuraa, BBC Hindi

Motummaan naannichaa humna Qilleensaa Hindii deegarsa helekoptara fi maashinaa gaafateera.

Akkasumas haalli walfakaataan godina ollaa kan taate Uttaar Pradesh jiraachuun gabaafameera.

"Haalli bishaanichaa baayyee badaadha. Bo'oowwan bishaaniis baayyee miidhamaniiru,'' jiraataan magaalaa kaabaa tokko oduu royitarsiitti himeera.

Waajira Bihaar keessa tokko kana fakkaata

Madda suuraa, BBC Hindi