Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hindii: Balaa lolaa tibbana qaqabeen namoonni 100 du'an
Lolaa hamaa rooba cimaadhaan godinaalee Hindii lama Utaar Piraadesh fi Bihaar keessatti umameen lamoonni 100 olii du'unsaanii, qoondaaltoonni himan.
Suuraawwan haala hammeenya lolaa naannichaa agarsiisan akka mullisaniitti jireenyi jiraattoota naannichaa miidhameera.
Tajaajilliwwan akka baaburaa, sochii konkolaataa, tajaajila buufataalee fayyaafi dhiheesittii ibsaa godinaalee lamaa keessattu adda cituu qondaaltoonni himaniiru.
Motummaan Uttaar Praadesh akka gabaaseetti namoonni erga guyyaa Kamiisaatii kaasee namoonni 93 du'aniiru.
Godina Bihaar keessatti ammoo namoonni 29 kan du'an ta'u abbaan taayitaa to'aannoo balaa tasaa beeksiseera. Dhiibbaan lollaa magaalaa guddiitti godinichaa Paatnaa irraan gahaa jiruus mara duree ta'aa jira.
Nammoonis daandiiwwa gurguddaa loolaadhaan haguugamee konkolaataa darbuu dhorke bidiruutti fayyadamuun socho'aa jiru.
Viidiyoon namicha osoo meeshaa isaa bishaan keessaa baafachuuf yaalaa jiru tokkos midiyaalee hawaasaa irratti qoodamaa jira.
Magaalattiin guyyaa Jimaataatii kaasee rooba garmaleen rukkutamaa kan jirtu yoo ta'u, manneen jireenyaa baayyeenis bishaaniin liqimfamaniiru.
Midiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanittis roobni magaalattiitti reebee ''gutummaatti kan hineegamdhee'' ture.
Motummaan naannichaa humna Qilleensaa Hindii deegarsa helekoptara fi maashinaa gaafateera.
Akkasumas haalli walfakaataan godina ollaa kan taate Uttaar Pradesh jiraachuun gabaafameera.
"Haalli bishaanichaa baayyee badaadha. Bo'oowwan bishaaniis baayyee miidhamaniiru,'' jiraataan magaalaa kaabaa tokko oduu royitarsiitti himeera.