Dubartiin balaa lolaa uumameen muka maangoo jalatti da'uuf dirqamte

Ameliyaan da'aima ishee Saaraatiin bakka yeroof qubatanii jiranitti yeroo kunuunsitutti

Madda suuraa, UN

Dubartiin Mozaamiik osoo lolaa hamaa biyyattiitti uumame Cyclone Idai jedhamu baqachaa jirtutti mukkeen maangoo jalatti da'uudhaaf dirqamte.

Dubartiin qofaa jiraattu mucaa intalaa Saaraa jedhamtu kun, ilma ishee umuriin isaa ganna lamaa ta'e waliin yeroo lubbuu oolfachuudhaaf damee muka mangootti rarra'aa jirtuu turte kan deesse.

Balaan lolaa biyyattiitti uumame kun namoota 700 galaafateera. Maatiin kun ammoo hojii baraaruu erga balaan kun qaqqabee guyyoota lamaan booda taasifameen gargaarsa warra hollaatiin gargaarsi qaqqabuuf danda'eera.

Balaan lolaa bara kanaa kun waggaa 20 dura daa'imni ajaa'ibaa Rosita Mabuiango akkuma kanaa muka irratti erga dhalateen booda bara kanas seenaa walfakkaatu akka uumamuuf sababa ta'eera.

"Ani yeroo lolaan akka tasaa osoo hin beekiin nurra bahee mana nu fudhatu ilma koo waggaa lamaa waliinan jira. Lolaan kun mana nu seenuu isaa malee akeekkachiisa tokoyyu hin argine," jechuun hojjetoota UNICEF'tti himti deessuu kun.

"Ani muka koruu malee filannoo biraa hin qabu ture, yeroo sanatti ilma koo waggaa lamaa irraa kan hafe qophaa koon ture. "

Ameliyaan daa'ima reeffuu deessu dabalatee yeroo ammaa bakka qubsuma yeroodhaaf itti gargaaramaa jiran Dombee jedhamu keessa kan jiran yommuu ta'u, haalli fayyaa isaanii gaariirra jira.

Shamarreen balaa lolaa Mozaabiik kan yeroo darbe uumame keessa akkuma Saaraa kana dhalatte yeroo ammaa ganna 19 geesseetti.

Rosita Mabuiango, yeroo sana haati ishee Aadde Soofiyaan osoo muka lolaadhaan marfame irratti osoo da'umsa irra jirtuu Helekoopterri qaqqabee oolche. Yeroo sanattis aduu guddaa akka addunyaatti dhaga'amaa turedha.

Soofiyaan gaazexaawwan lama Mail fi Guardian'tti akka himtetti, da'umsi yeroo sanaa "baayyee baayyee kan nama dhukkubu ture" jette.

"Ani hedduun boo'een caraanaan ture. Yeroo tokko tokko mucaan bahe jedhaan yaada; yeroo tokko tokko ammoo waa'ee beelaan yaada. Kana hunda biratti waa'ee balaa lolaa jira."

Itti dabaluun haati kun akka jette: "Namoonni hedduun balaa lolaa sanaan waan hunda dhaban, ani garuu waan tokkon argadhe."

Rosita Mabuiango yeroo BBC waliin dubbachaa jirtutti

Garuu Rositaa BBC'tti akka himtetti waadaa mootummaan carraa barnootaa akka kenneefu, gara Ameerikaallee akka imaltu galeefii ture hin eegneef.

"barumsa kootiif kan kaffalu haadha koo qofaadha, mootummaa irraa waan tokkoyyu hin arganne," jetti Rositaan.

"Haata'u egaa, mootummaan mana nuuf ijaaree ture garuu mannicha amma haala gaariirrallee hin jiru. Yeroo bokkaan roobutti ni dhimmisa. Yoo xiqqaate haaromsuullee qabu."