Rooba Gannaa: Waa 5 yeroo lolaatti gochuu qabdan

Madda suuraa, Getty Images
Sababa lolaan midhaa cimaa namaafi qabeenya irratti dhaqabu hir'isuuf maloota addaa addaa gargaaramuun ni danda'ama.
Ji'oottan darban muraasa keessatti qofa, Itoophiyaa kessaattii naannoo Booranaa dabalatee lubbuun namoota 14 sababa lolaan darbeera.
Qophii barbaachisaa dursanii taasisuun, midhaa sababa lolaan dhaqabu hir'isuun ykn ittisuun ni danda'ama.
1. Cirracha qalqallootti naquun akka lolaa ittisuuf balbala dura naqaa.
Bishaan lolaa gara manaatti hedduminaan hin seenneef malli kun hedduu fayyada

2. Miseensa maatii hundaaf bilbiluun bakka jirtanii odeefannoo walii dabarsaa.
Maatiii keessaa miseensi jiruu lolaan baayyachuun dursani wal-qunnamuun bakka jiran wal beeksisuun, haallii yoo hammaatee salphaatti wal argachuuf gargaara.

3. Meeshaa elektiriikii hunda buqqisaa boombaafi boolla bishaaniis cufaa.
Elektiriikiifi bishaan yoo walitti bu'an nama bishaan san keessa dhaabattee jiru ykn tuqee jiru elektiriikiin ni qabata.

Madda suuraa, BBC Sport
4. Bishaan balfa makatee akka hin-yaaneef, mana fincaani keessan sirriitti cufaa.
Boolli mana fincaani baana yoo ta'e, roobi cimaan yemmuu roobu lolaan itti guutuun bishaan balfama irra yaasuun dhukuba addaa addaaf nama saaxila.

5. Gara lafa ol jedhaatti ol bahaa, yoo hindandeessan ta'e, bantii manaatti bahaa.
Lafa ol jedhaatti bahuun bishaan lolaa saffisaan deemu akka nama fudhatee hin dabarreef gargaara.















