Zubimeendiin dhuguma taphataa cimaa Arsenaalii?

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa dhiyeenya kana "taphataa cimaan" Arsenaal dhiyeenya kan bitame jechuun dubbatee ture. Ganna darbe kan bitame Maartiin Zubimeendii jechuusaati.
Onkoloolessa darbe ammoo yeroo Arsenaal 1-0 dhaan Kiristaal Paalaas injifate, Zubimeendiin taphataa cimaa Arsenaal ta'uu dubbatee ture.
Taphattoota maallaqa guddaa itti dhangalaasee dhiyeenya mallatteessise keessaa Zubimeendiif sadarkaa olaanaa kennuunsaa sababa gahaa qaba. Maartiin Zubimeendii kilaba ijoollummaa kaasee keessatti guddate Riyaal Soosidaad irraa erga Arsenaal dhufee waan Arteettaan isa jajeef dhugoomsaa jira.
Taphattoota Arsenaal hunda caalaa daqiiqaa heddu taphateera, galchiis lakkoofsisaa jira.
Taphataan ganna 27 sarara ittisaa akka utubuuf bitame taphoota 34 irratti Arsenaaliif hiriiree galchii lakkoofsiseera. Yeroo Riyaal Sosidaad ture bara dorgommii tokkottuu galchii hanga kana lakkoofisee hin beeku.
Kubbaa qabatee dabarsee kennuu, tasgabbiifi gahuumsi inni ittiin kubbaa dabarsee jifattootaaf kennu jaalatamaa isa taasiseera.
Michuusaa Diklaan Raayis waliin camadamee taphachuunsaa ammoo kubbaa gara fuulduraatti geessuu irratti dandeettiinsaa daran akka dabalu taasiseera.
Zubimeendiin Arsenaalitti madaquuf hin rakkanne
Gurbaan Riyaal Sosaayidaaditti ilkaan buqqifate, erga Arsenaal dhufee dandeettiin Arsenaal kubbaa qabatee fuulduratti deemuun garee faallaa sodaachisuu baay'ee dabale. Zubimeendiin kubbaa dursee qabachuu, milaammilchee darbuufi sarara dhiphoo keessaa hulluuqsee dabrsee kennuun Arsenaal baay'ee fayyadeera.

Kubbaa duubaa fuudhee gurmeessee taphattoota fuuldura jiraniif kennuun ykn jifattoota garee fallaa bira darbuun taphataa sarara ittisaa gidduu gatiin paawundiin miliyeenni 60 itti bahe ta'uun Zubimeenditti hin guddatu.
Akkaattaan itti Arteettaan Zubimeenditti fayyadame ammoo gahuumsi isaa caalmatti akka bahee mul'atu taasise. Carraa argattetti fayyadamuun kubbaa akka jifatu Arteettaan carraa kenneeraf. Kubbaa qabatee gara fuulduraatti yennaa deemu carraa argannaan yoo galchii lakkoofsise Arsenaal akka fayyadamu Arteettaan hubateera.
Zubimeendii, Raayisifi Maartiin Odigaard dirree irraatti iddoosaanii qofatti cichanii osoo hin taane, bakkaa bakkatti socho'uun akkaataan itti sarara gidduu to'atan kan Paaris St. Jermeen waliin wal-fakkaata.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taphattoonni iddoo wal-jijjiirrun xiyyeeffannoo garee faallaa burjaajessu. Madaala taphaa osoo of harkaa hin baasin hiriira dhaabbataa hin taanen taphatu. Zubimeendinis akkuma taphattoota kaanii haala taphaa ilaaluun iddoosaa gadi dhiisee bakka biraa haguuga.
Taphataan sarara ittisaa bilisaan bakkaa bakkatti socho'ee, gara fuulduraatti deemee bilisaan taphachuun baay'ee baramaa miti. Taphataan sarara ittisaarraa ka'ee akka Zubimeendii galchii lakkoofsisu muraasa. Dandeettii akkasii kan qaban Kalaafiyoorii, Nuunoo Meendeezifi Kukureellaa fa'aadha.
Arsenaal yeroo dheeraaf ittisa sarara gidduu kubbaa fuudhee gara fuulduraatti dabarsuun galchiif haala mijeessu ykn lakkoofsisu barbaadaa ture. Zubimeendiin gaafa dhufu hawwii Arsenaal kana guutee argame. Dafee bakka qabachuun kubbaa fuudhee dabarsuu, fuudhee gara fuulduraatti deemuun osoo taphattoonni faallaa kubbaa jifataaf kenna jedhanii eeganii yaalii godha.
Gama biraan ammoo yeroo Zubimeendiin sarara ittisa gidduurra duubatti siqee jiru, Raayis carraa bilisa ta'ee kubbaa fuudhee fuulduratti gugachuu argata.
Gahuumsi Zubimeendii biraan ammoo fageenyarraa kubbaa yaalii gochuudha. Morkii Arsenaal Nootinghaam waliin taasise irratti Zubimeendiin kubbaa fageenyarraa dhiitee lakkoofsisuun Arsenaal akka dursuuf carraa guddaa uume.
Bara kana kubbaa fageenyarraa dhiituun lakkoofsisuun taaktika filatamaa ta'eera; kanatti ammoo Zubimeendiin dandeettii gaarii qaba.
Kanaaf, Arteettaan gurbaa biyyasaa, taphataa Ispeen, mallatteessisuunsaa bu'aa inni barbaadu argamsiiseraaf.

Arteettaan Zubimeendii jajuusaatti takkaa qaana'ee hin beeku.
Bara kana qofaa Arsenaaliif galchii jaha lakkoofsiseera. Taphataa ittisa sarara gidduurraa kan eegamuu olitti jechuudha.
Galchii jaha bara kana Arsenaaliif lakkoofsise yeroo Riyaal Soosidaad ture waggaa lamatti ture kan lakkoofsise. Taphoota 93 irratti hiriiree galchii jaha qofa lakkoofsise; Arsenaaliif garuu tapha 34 irratti hiriireti.
Zubimeendiin taphoota sadi: Notinghaam Foorast, Sandarlaandifi Liid irratti galchii jalqabaa lakkoofsiseera.












