Raashiyaan waraana Iraanirraa karaa dippilomasii fi diinagdee buufachuu feeti

Puutinii fi Tiraamp

Madda suuraa, Reuters/File photo

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Torban tokkotti Pirezidantiin Raashiyaafi Iraan si'a lama bilbilaan haasa'an.

Yunaayitid Isteet fi Israa'el Iraan haleeluu yeroo itti fufan kanatti, Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadimir Putiin jaarsa araaraa idil-addunyaa of fakkeessuun of dhiheessaa jiru.

Kuni waan qoosaa miti.

Ammoo hogganaa Kireemiliin kanadha bara 2022 biyya walabaa Yukireen irratti weerara guutuu kan raawwatan.

Yeroos, Yaa'iin Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii weerarri Yukireen irratti raawwate Chaartara UN kan sarbedha jedhee ture.

Raashiyaan waraana Iraanitti adeemaa jiru ''akka tasgabbaa'u'' waamicha osoo gootuu, Yukireen irratti garuu waraana gaggeessuu hin dhiifne.

Moskoon Iraan waliin ''Hariiroo Tarsiimawaa'' qabdi. Torbanuma kana Putiin ''deeggarsa hin raafamne'' Tehiraaniif akka qaban dubbataniiru.

Michummaan isaanii garuu waliigaltee ittisaa bira hin geenye yookiin hanqateera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Moskoon kanuma keessa walitti bu'iinsi kuni nagaan akka furamu akka araarsuu feetu dubbatte.

Akka masaraan Raashiyaa Kireemiliin gaafa Wiixataa dubbatetti, Pirezidant Tiraamp fi Putiin bilbilaan yeroo haasa'an, Putiin hariiroo biyyoota Galoo Galaanaa, Pirezidantii Iraaniifi dureewwan biyyoota kaan waliin qabaniin karaatti waraanni karaa dippilomasii furamu fedhii agarsiisaniiru.

Raashiyaadhaaf kun carraa maqaa ishee Galoo Galaanaa fi Baha Jiddu-galeessaa keessatti itti olkaafattuu fi humna ishee itti agarsiiftu dha.

Hiree hariiroo Waashingitan waliin qabdus kan itti jabeessitus ta'aaf.

Kireemliin hariiroo gaarii Tiraamp faana qabaachuus ni feeti. Hariiroon bulchiinsa Donald Tiraamp waliin qabdu kaayyoo waraana Mooskoon Yukreen irratti eegalteef carraa gaarii akka ta'e amanti.

Kun immoo Puutin dhuunfaan Tiraampi, ifatti bahee immoo waraana Iraan irratti baname qeequuratti of eeggannoo akka godhu akeeka.

"[Puutin] nu gargaaruu fedha," jedhe Tiraampi Wixata haasawa bilbilaan Puutin waliin haasaye booda.

"Animmoo 'waraana Yukreen waliin itti jirtu yoo dhaabuun nu gargaaran jedheen. Sun gargaarsa guddaa dha."'

Kireemliin muddamni Iraan waliin jiru akka laafu waamicha gootee jirti, walitti bu'iinsi kun Mooskoof carraa biraas qabateefii dhufeera.

Carraa diinagdee.

Gabaan zayitaa addunyaaratti dabaluun galiin Raashiyaa akka dabalu, - asumaanis gatiin zayitaa yeroo dheeraaf ol ka'uun humna diinagdee Raashiyaan ittiin waraana Yukreen itti fuftu dabalaaf.

Bajanni federaalaa Raashiyaa qabeenya zayitaa isheen gara alaatti ergiturratti kan bu'uureeffamedha. Raashiyaan zayita barmeela tokko dolaara 59tti gurgurti.

Ji'oota dhiyoo gatiin zayitaa sanaa gadittuu gadi bu'ee ture.

Torban kana gatiin jikitaa zayitaa addunyaa barmeela tokkoo dolaara 120 caalee jira. Gatiin zayitaa addunyaa giddugaleessaa dolaara 59 oli.

Kun kanaan osoo jiruu, Tiraampi sababa waraana Iraaniin hanqina uumameef US "byyoota tokko tokkorraa qoqqobbiiwwan boba'aa waliin wal qabatan" akka laaffiftu waadaa gale.

Yoo qoqqobbiin boba'aa Raashiyaarraa salphate diinagdee Mooskootiif aannan bassootti dhangala'e ta'aaf.

Pireezdantiin Yukreen Volodimir Zelenskii kun kun Yukreeniif "balaa hamaadha" jechuun Tiraampi tarkaanfii kana akka keessa deebi'ee laalu waamicha godhan.

Gaazexaan Kireemliin Komsomolskaya Pravda yaadicha ija gaariin akka laalu maxxansa isaa har'aatiin eere.

Mata-dureen barruu isaa "Sababa boba'aan qaala'eef warri lixaa qoqqobbii kaasan, " jedha.

Kireemliin Preezdantii Ameerikaa qeequu dhiisuu malti, gaazexoonni Raashiyaa tokko tokko garuu Tiraampi fi waraana Iraan qeeqaa jiru.

Gaazexaan Raashiyaa Moskovsky Komsomolets jedhamu maxxansa isaa Kibxataatiin yoo Tiraamp qeequ akkana jedhe: '''Pirezdantiin nagaa' maraatee jira'' jedhe.

"Mootichi uffata gatee jira. Yookiin immoo fayyaa hin qabu."