KALLATTIIN, Xiyyaarri US xiyyaarota waraanaa boombii darbataniif boba'aa guutu Iraaq keessatti kufe, hojiin lubbuu baraaruu itti fufeera

Xiyyaaronni Ameerikaa lama xiyyaara waraanaa boombii darbataniif boba'aa guutan lixa Iraaq keessatti kufan. Lameen keessaa tokko nagaan qubate jedhame. Sababni balaa kanaa beekamuu baatus, garuu haleellaa irratti raawwatameen akka hin taane ajaji giddugalaa US ibseera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ameerikaan qoqqobbii boba’aa Raashiyaa irratti kaa’ame xiqqeessite

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Ameerikaan dhiibbaa diinagdee fi gatii boba'aa sababa waraanaa Iraan keessatti deemaa jiru tasgabbii dhabe to’achuuf jecha boba’aa Raashiyaa qoqqobbiin irra kaa’amee ture xiqqeessuun biyyootni akka bitatan hayyamtee jirti.

    Ministirri Maallaqaa Ameerikaa Iskoott Beesent yeroo waraana kanaatti ''gabaa anniisaa addunyaa keessatti tasgabbii uumuuf'' tarkaanfii yeroof fudhatamedha jedhan. Hayyamni kun hanga Ebla 11tti kan turu ta’uun ibsameera.

    Haleellaan dooniiwwanii boba'aa Galoo Galaanaa ulaa Hormuz irratti rawwatamuun gabaan boba'aa addunyaa akka malee jeeqameera

    Kana boodaas tarkaanfiin ulaa kana cufuu kan itti fufu ta'uu hogganaan olaanaa haaraan Iraan dhaadataniiru.

    Biyyootni hedduun boba'aa usachuuf jecha tarkaanfiwwaan adda addaa fudhataa jiru.

    Fakkeenyaaf, Filippiins boba’aa qusachuuf hojjettoonni mootummaa torbanitti guyyoota afur qofa akka gara hojii deeman taasiseera.

    Gama biraatiin Jaappaan, Kooriyaa Kibbaa fi Taayilaandi gatii boba’aa irratti daangaa kaa’uu beeksisaniiru.

    Mootummaan Ameerikaa ''haala danda'ameen '' dooniiwwan karaa ulaa Hormuz darban balaa irraa eeguu kan jalqabu ta'aa jedhan Bessent.

  2. Hoggantoonni Iraan akkamiin sirna aangoorra isaan tursiisu ijaaran?

    Akke ekispartoonni jedhanitti, caasaan aangoo Iraan mormii jabaa isa quunnamu akka dandamatu gargaara

    Madda suuraa, Morteza Nikoubazl/NurPhoto via Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Akke ekispartoonni jedhanitti, caasaan aangoo Iraan mormii jabaa isa quunnamu akka dandamatu gargaara

    Warraaqsa bara 1979 booda gara aangootti kan dhufan hoggantoonni Iraan, waggoota 40 booda amma haala rakkisaa keessa jiru.

    Haleellaan waloo US fi Israa'el hogganaa waliigalaa biyyattii kan turan Ayaatolaa Ali Kaameeniifi ajajaoota waraanaa sadarkaa olaanoo ajjeessera, bu'uraalee misoomaa ijoo ta'anis miidhera.

    Biyyoonni lamaan Iraan keessatti jijjiirama mootummaa/bulchiinsaa akka barbaadan mallattoo kennaniiru, lammiileen Iraan mootummaasaanii akka fonqolchanis waamicha dhiyeessaniiru.

    Haa ta'u malee bulchiinsi Iraan caasaa aangoo jabaa diriirsuusaatiin salphaatti akka hin fonqolchamne xinxaltoonni himu.

    Dandamannaan bulchiinsa Iraan kun akkamiin ibsama? Biyyoota Baha Giddugaleessaa biroorraa maaliin adda ta'a?

  3. Gahee Eegdota Warraaqsaa Iraan

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Humni Eegdota Warraaqsa Islaamummaa Iraan waraana Iraan keessatti humna jabaadha, misaa'elaafi diroonii to'ata

    Hoggantoonni Iraan akkamiin sirna aangoorra isaan tursiisu ijaaran?

    Waraana idilee biyyattoo cinaa kan hojjetu Gareen Eegdota Warraaqsaa Islaamaa (IRGC) "lafee dugdaa bulchiinsa biyyattii" akka ta'e akka amanamu Urkaad himu.

    Gareen kun gahee waraanaan cinatti humna siyaasaafi diinagdee guddaa akkasumas gama caasaa isaa Baasij Milishaa jedhamuun dhiibbaa uumtummaa guddaa kan qabudha.

    Kana malees qaamoleen nageenyaa biyyattii hookkarawwan garagaraa keessatti tokkummaa isaanii eeggatanii turuu kan himan Boussois, kunis amanamummaa yaadama/ilaalchaarraa kan madde akka ta'e himu.

    Deetaa Ministeera Ittisaa Iraan kan ta'an Rezaa Talaeinik af-gaafii dhiyeenya kana televiziyoonarratti taasisaniin itti fufiinsa Garee Eegdota Warraaqsaa Islaamaa (IRGC) mirkaneessuuf tokkon tokkon komaandaroota garichaaf bakka bu'ootni hanga sadarkaa sadii qophaa'uusaanii himaniiru.

  4. Loltuun Faransaay Iraaqitti ajjeefamu fi hedduun madaa'uu Maakroon himan

    Maakroon

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Maakroon

    Iraaq naannoo Erbil keessatti haleellaa dirooniin raawwatameen loltuun Faransaay tokko ajjeefamuun, namoonni hedduun madaa’uu Pirezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon beeksisaniiru.

    Erga waraanni Iraan dhuma baatii darbee jalqabee as loltuu Faransaay isa jalqabaa ajjeefame jechuun jechuun ibsan Maakroon.

    "Loltoonni keenya hedduunis madaa'aniiru. Faransaay loltoota kanneen maddii dhaabbattee jirti."jedhan

    Maakroon haleellaa humnoota Faransaay naannichatti garee mootummaa Islaamummaa lolan irratti raawwatame ''fudhatama hin qabu'' jechuun balaaleffatan

    "Iraaq keessatti argamuun isaanii qaama shororkeessummaa iittisuuti. Waraanni Iraan haleellaa akkasii kanaaf sababa ta'uu hin danda'u." jedhan

  5. Lammiileen Iraan ergaa jalqabaa Mojtabaa Kaameenii irratti gargar qoodaman

    Lammiileen Iraan hogganaa haaraa Mojtabaa Kaameenii irratti gargar qoodaman

    Madda suuraa, Getty Images

    Lammiilee Iraan biyyattii keessa jiran bilbilaan argachuun rakkisaadha, kanneen akka carraa toora irra galan garuu arganneerra.

    Mojtabaa Kaameenii hogganaa olaanaa Iraan ta'uun erga filamanii yeroo jalqabaaf ergaa dabarsan irratti lammiileen biyyattii miira garagaraa mul'isaniiru.

    Jiraataan Tehraan umriin waggaa 30 keessa ta'e tokko ''ergaan darbe kanuma duriiti. Keessoo sirnichaatii homaa jijjiiramaa akka hin jirre agarsiisa,'' jedhe.

    Dubartiin jiraattuu magaalaa Tehraan taatee fi umriinshee 40 keessa ta'e tokkos ergaa hoogganaa olaanaan kun dabarsanitti akka hin gammadne dubbatte.

    ''Ergaan kun kan isaa waan ture natti hin fakkaanne. Biyyattiin to'annoo Eegdota Warraaqsa Islaamummaa (IRGC) waan jiru fakkaata. Ergaan isaa baayyee hamaadha,'' jette.

    Mojatbaa Kaameenii abbaasaanii Ayaatollaa Alii Kaameenii haleellaa US fi Israa'eliin Guraandhala 28,2026 ajjeefaman bakka bu'uun Bitootessa 8, 2026 seenaa Iraan keessatti hogganaa olaanaa sadaffaa ta'uun filataman.

    Wayita Mojtabaa Kaameenii filataman lammiileen biyyattii kumaa kitilaan ba'uun gammachuusaanii ibsuun hogganicha deeggaran akkuma turan kanneen jijjiirama sirnichaa fedhan ammoo mormiisaanii dhiheessaniiru.

    Ameerikaa fi Israa'el hoogganaa haaraa kana akka hin feene ibsuun lammiileen Iraan sirna kanarratti ka'uun carraa argametti fayyadamanii biyyasaanii akka of harka galfatan waamaniiru.

  6. Xiyyaarri waraanaa US Iraaq keessatti kufuu humni waraanaa biyyattii ibse

    Xiyyaara waraanaa US xiyyaarota waraanaa kaaniif boba'aa guutu

    Madda suuraa, EPA

    Humni waraanaa US taateen kun xiyyaarota boba'aa guutan lama mudachuu ibse.

    Xiyyaaronni US xiyyaarota waraanaa boombii darbaniif boba'aa guutan kunneen lixa Iraaq keessatti rakkoon kun irra ga'e.

    Ajaji giddugalaa US xiyyaarota lameen keessaa tokko nagaan qubachuu ibse, tokko garuu kufeera jedhe.

    Taatee kana hordofee hojiin lubbuu baraaruu itti fufeera.

    Sababi balaa kanaa ammatti beekamuu baatus garuu haleellaa qaama alaanis ta'e dogoggoraan keessaa mudateen akka hin taane ibseera waraanni US.

    Balaan xiyyaara KC-135 jedhamu kanaa hangam akka ta'es hin beekamu, garuu walitti bu'iinsa qilleensarratti uumame ta'uu hin hafu jedhamaa jira.

    Xiyyaarri kun xiyyaaronni waraana US fageenya dheeraa imaluun akka haleellaa boombii fi kaan raawwataniif duukaa deemee boba'aa guutaaf.

    Kanaaf haleellaa qilleensaa US keessatti qooda guddaa gumaacha.

    Iddoon balaan kun itti mudate Iraaq keessa ta'us hangam Iraan irraa akka fagaatu ajaji giddugalaa waraana US hin ibsine.

    Biyyi US waliin wal waraanaa jirtu Iraan haleellaa kana keessatti qooda qabaachuu wanti ibsame hin jiru.

    Haata'u malee Iraan biyya ollaashee Iraaq keessatti iddoowwan wiirtuuwwan US fi biyyoota lixaa kaanii jiran irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwachaa jirti.

    Buufataalee waraanaa Xaaliyaanii, Faransaay, US fi kaan irratti haleellaa raawwatteetti.

    Waa'ee meeshaalee (xiyyaarota) waraanaa US:

  7. Yooyyaa!

    Akkam jirtu hordoftoota keenya?

    Tamsaasa kallattii kanaan dhimma waraana US-Israa'el fi Iraan irratti xiyyeeffanna. Dhimmoota addunyaa fi odeeffannoo biyya keessaas karaa kanaan isiniif dhiheessina.

    Nu hordofaa!

    Tamsaasa kallattiin armaan duraa: